Dr. Abdureshid Kedir

Dr. Abdureshid Kedir Barnoota fayyaa hawaasaf dabarsuudha. pediatrician Hora Hospital

10/09/2025
SABABA DAMMII DAA'IMMAAF HIN KEENNAMNEEF BEEKTU?********************************Maashaaleen narvii  to'atama.Summiin jar...
02/09/2025

SABABA DAMMII DAA'IMMAAF HIN KEENNAMNEEF BEEKTU?
********************************
Maashaaleen narvii to'atama.
Summiin jarmootni oomishan narvoota irraan miidhaa fidu.
Miidhaa summii keessa tokko laamshahuu maashaati.
Baakteeriyaa Kiloostridiyeem summii bootulizimii jedhamu oomisha.
Bakkii argama baakteriya kanaa
-Biyyee(soil)
-Dhukkee(dust)
-Haftee/dhokkee (marine sediments)
-Foon qurxummii
-Kuduraalee fi muduralee
-Aannan qammaana
-Daabboo turee
-Dammaa-Raw honey
Umriin saaxilamoonl
-Torbee 3 –ji’a 6 95% ni qabamu
-Daa'immaan hedduu ji’a 2-4 qabamu
-Hanga ji'a 12 qofaa
Karaa qaama seenanin
-Damma liqimsuu,
-Bishaan faalamee fayyadamu
-Nyaataa faalamuu soorachu
Mallattoo bootulizimi
-Harmaa luuguu diduu
-Yeroo dheeraaf boo'uu
-Hafuurrii addaan cituu
-Laamshahuu dugdaa
Wol'aansa
-Farraa summii
-Farraa jarmiicha-Antibaayootikii
Xaxaa dhukkubicha
-Sirnaa hargansuu dadhabuu
-Wantoota garaa sombaa galchuu
-Infeekshiini sombaa,mar’immaan,
-Dhiibbaa dhiigaa gadi bu’aa
-Hormoonii jeequ
-Caba Lafee
-Hir’ina dhiigaa diimaa
-Albuda soodiiyeemi jeequ
Ittisa
-Damma umrii woggaa 1gadiif dhiisuu
-Qulqulliinna madaa

Like fi Share
GALATOOMA
Dr.Abdureshid

Laamsha'u Fuulaa (Bells Palsy)*******************************Rakkoon narvii mataa 5ffaan(facial)  laamshahuu maashaalee ...
01/09/2025

Laamsha'u Fuulaa (Bells Palsy)
*******************************
Rakkoon narvii mataa 5ffaan(facial) laamshahuu maashaalee kanneen akkaa
®Maashaa fuula
®Sochii Ija
®Arrabaa
Dhibee ''Bell palsy'' jedhama.
Dhibeen kun umrii hin filatu
Sababni dhibeen kun dhufuun
*Infeekshini
-Vaayirasii herpas simplaksi(HSP)
-Vaayirasi herpas zoosteri
-HIV/AIDS
*Dhibee sukkaara
*Dhiibbaan dhiigaa
*Kaansarii
*Dhaalmaa
Hawaasa biratti hafuura seexaanan beekama
Mallattoo dhibee kanaa
-Gogaan gurraa duubaa laalatu
-Seeqachuu dadhabuu
-Ija banachuu fi libsachu dadhabuu
-Imimmaan ija hir'achu
-Miirri dhandhammii diduu
Qorannoo godhamu
-Seelota dhiigaa guutuu-CBC
-HIV..
-MRI
Wol'aansa
-Dawaa predinsolone +Acyclovir
-Imimmaan namtolchee-artificial tear
-Gogilii ijaa (eye goggle) uffachuu
Xaxaa fiduu
-Ji'a 3-6tti dhukkubsattoni %70 ni fayyu
-Dhukkubichi %10 irraa goomu dhabuu maluu

Like fi share
Galatooma!
Dr.Abdurashid Kadir

KUNUUNSA KANGAARROO****************************Daa'ima kichuu harmaa gidduutti hidhachuun gogaa gogaan woltuqsiissun kun...
27/08/2025

KUNUUNSA KANGAARROO
****************************
Daa'ima kichuu harmaa gidduutti hidhachuun gogaa gogaan woltuqsiissun kunuunsa haadha kangaarroo jedhama.
Kunuunsa kanaaf barbaachisoon
-Haadha
-Aabbaa
-Miseensa maatii biroo
Kunuunsi kaangarroo iddoo ittii kennamuu
-Kutaa daa'imman kichuu ittii yaalaman
-Manaa maatiittii
Dhaabbanni wol'aansa kunuunsa daa'immaan kichuu kennuu hundii daree kunuunsa haadha kangaarroo osoo qabaatan filatamoodha.
Kunuunsa kanaaf gulantalee barbaachisa
-Ulfaatinni dhalattuu giraama 2000 gadii
-Daa'immaan rakkoo fayyaa cimaa hin qabne
-Fedhiin haadha guutuu
Gosaa kunuunsi haadha kangaarroo
-Gidduun boqachifamuu
-Wolirra addaan hin kutiin kennamu
Faayidaa kunuunsa haadha kangaarroo
-Ho'aa qaama daa'ima kichuu eeguuu
-Hargaansu daa'imaa si'eessuu
-Ulfaattinni dhalattuu akkaa dabaluu gochuu
-Harma hodhuu jalqabsiisuu
-Boondii haadhaa daa'imaa cimsuu

Like fi share
Galatooma!
Dr.Abdureshid Kedir

25/08/2025
Kunuunsi yeroo ulfa guddinna daa'imaaf fayyadu akkaa suuraa irraa jiruu kanaa fakkaata
19/08/2025

Kunuunsi yeroo ulfa guddinna daa'imaaf fayyadu akkaa suuraa irraa jiruu kanaa fakkaata

MICHII AFUUFFEE SOMBAA****************************Daa'imman fi ijollee hedduu ajjeesun kan beekamu michii afuuffee somba...
19/08/2025

MICHII AFUUFFEE SOMBAA
****************************
Daa'imman fi ijollee hedduu ajjeesun kan beekamu michii afuuffee somba jedhama.
Michiin sombaa %99 biyyoota harka qalleeyyi keessatti argama.
Dhukkubni kun biyyaa Ameerikati % 97n hir'achuu ragaan ni ibsa
Sababni xiqqaachu michii somba
-Qoricha haarawa argamu
-Talalli hedduu omishamu
-Inshuransii fayyaa babaldhachu
Michii somba kan dhufuun
-Vayirasii
-Baakteeriya
-Fangas
- Parasayiti
Michii sombaaf waan nu saaxiluu
-Umrii wogga

Tilmaama sirriin badhaafama taa!
17/08/2025

Tilmaama sirriin badhaafama taa!

13/08/2025

Today is World Organ Donation Day

When Dr. Hora was fighting for his life with liver cancer, his younger brother Gemecu didn’t hesitate — he gave a part of his own liver so his brother could live.

After a successful transplant at Rela Hospital, India, they now stand together as living proof that the greatest act of courage is to live for others.

Every king has a scar — proof of the battles they’ve survived. These brothers’ scars are not signs of weakness, but marks of love, sacrifice, and victory over death.

Organ donation isn’t just a medical act — it’s a legacy of love.
On this World Organ Donation Day, let’s salute those who put another’s heartbeat before their own — because their love doesn’t just save lives, it writes stories of hope the world will never forget.

Dhibee Ameeba(Amebiasis)******************************Ummata Adunyaa irraa jiraatan keessa %10 Ameeba ni qabamu.Sababni ...
10/08/2025

Dhibee Ameeba(Amebiasis)
******************************
Ummata Adunyaa irraa jiraatan keessa %10 Ameeba ni qabamu.
Sababni dhibeen ameeba jarmii ijaan hin mul'anne pirootozuwa sanyiiwwan Intaameba jedhamanin dhufa.
Dhibee ameebaf waan nu saaxilan
-Biyyaa harka qalleeyyii jiraachu
-Dhaabbata wol'aansa sammuu jiraachu
-Salqunnamti dhiiraaf dhiiraa
-Bishaan fi udaan faalame
Qaamonni ameeban hubaman
-Mar'imman
-Tiruu
-Sammuu
Mallattoo dhibee Ameeba
-Ciniinna garaa
-Ittanu
-Dhiigan albaasu
-Malaa tiruu
-Garaa bokoksuu
-Hir'inna dhiigaa diimaa
Xaxaa ameeban dhufuu
- ®Madahuu mar'imman guddaa
®Ameboma
®Toxic megacolon
®Mar'immaan alaa faca'u:Somba
®Uratuu mar'immaan
®Kulkuluu haguugdu mar'immaan

Wol'aansa
Dawaa
-Metronidazole/tinidazole
-Paromomycin/iodoquinol
-Diloxanide -umrii 2 olif
Baqaaqsaa
Ittisa
-Qulqullina eeggachu
-Talaalli

Like fi share godha
Dr.Abdurashid Kadiir

Address

Adama

Telephone

+251917056933

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Abdureshid Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Abdureshid Kedir:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category