24/01/2025
MATAA DHUKKUBBII ( HEADACHE)
Waggaa tokko keessatti hawaasni harki 50 (50%) yoo xiqqaate al tokko mataa dhukkubbii ni mudata. Hawaasa keessaa namni 90% tahu umrii isaa keessatti yoo xiqqaate altakkaa mataa dhukkubbiin ni mudatan. Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii namoota hundaa kan ilaallatuufi namoonni hedduun hubannoo irratti argachuu kan barbaadanidha.
Mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama. Inni tokkoffaan “Primary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hin qabatiin ofuma isaatiin of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha. Inni lammaffaan “ secondary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun ammo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubudha. Inni lammaffaan sababa dhukkuboota hedduu dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba ofdanda’e miti. Akkasumas gargaarsi godhamu dhukkuba jalqabaan jiru sanarratti waan hundaa’uuf waa’eesaa haasa’uun hubannoo addaa kennuun rakkisaadha. Kanaaf hawaasa keessatti yeroo baayyee “ mataa dhukkubbii” jennee kan haasofnu sun harki caalu “ primary headache” waan ta’eef waa’eesaa akka armaan gaditti ilaalla.
Mataa dhukkubbii kan “primary headache” jedhamu bakka hedduutti hiramee ilaalamus warren gurguddoon sadan; ka’umsi isaanii fi mallattoon isaanii gargaarsi godhamu kan armaan gadiiti.
1. Tension Headache: inni kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka paracetamol fi kkf ( ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uu faa waliin walqabata.
2. Migraine Headache: inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’ee namoota muraasa qofa muudatu yoo ta’u dhukkubbiin isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa armaan oliirraa adda kan isa taasisuu mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan zig zag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dhabbabuu fi kanneen biroo argisiisa. Dhukkubbiin isaa daqiiqaawwan ykn sa’atii muraasaaf qofa kan turuudha. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee olga’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasnu beeknee irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisu dide hospitaala deemnee qoricha hakiimaan ajajamu fudhachuu qabna.
3. Cluster Headache: inni kun mataa keenya bakka lamatti qoodee gamtokko ykn bitaa ykn mirgaa qofa kan dhukkubu yoo tahu gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu fi funyaan cufuudhaan adda ta’a. dhukkubbiin isaa garmalee hamaa fi kanneen armaan olii lamaan kan caaludha. Yoo jalqabu suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaadhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’udha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko hirriba keessaa illee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasuma kan hin beekamne dha. Kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan ni darba jedhu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isuufi daddafee akka hin dhufne taasisuun ni danda'a ma.
🏙Teessoo: 📍Magaalaa Adaamaa
Ganda 04 durii irraa, Daandii garaa Diipoo( Silaassee) deemuu irratti argamaa.
✅Kootaa laalamaa!
Odeefannoo dabalataaf: ☎️0222115697
Follow us on
✅https://t.me/hospitaalalosa
✅https://www.facebook.com/losahospital
✅https://www.tiktok.com/
, ,