Ibsa Saba

Ibsa Saba Welcome to my page Ibsa Saba please Follow me everyone else my almighty of god protect you ��
(1)

"Yeroo walqunnamtii saalaa Dubartiin akka dhiiratti ni dhangalaastii?"Dhangala'aan akka fincaanii qaama saalaa dubartii ...
16/09/2025

"Yeroo walqunnamtii saalaa Dubartiin akka dhiiratti ni dhangalaastii?"

Dhangala'aan akka fincaanii qaama saalaa dubartii keessaa yeroo walqunnamtii saalaa xumuruuf jettu faca'u maali?(female ej*******on)

Barnoota kiyya har'aatin gaaffii kana isiniif deebisuuf wantin yaadeef, namoonni hedduun waan kana akka dhukkubaatti ykn akka waan sirrii hin taanetti yaadudhaan walqunnamtii saalaa irraa fagaachuu kan filatanii fi jireenya walqunnamtii saalaa isaanii irratti dhiibbaa uumudhaan kan dhiphatan gara dubartoota parsantii 10 ta'uu isaaniti. Akkuma beekkamu, dhiirri tokko walqunnamtii saalaa godhee dhuma irratti ni dhangalaasa. Dhangala'aan kunis xannacha proosteetii jedhamu kan hulaa afuuffee fincaanii haguugee argamu kan faayidaa hedduu qabuun madduu fi sanyii dhiiraa ykn spermii, dhangala'aa furdaa ta'e kan cidhaan keessatti oomishamu qabata.

Dhangalaasuu dhiiraa irratti yaadni dogoggoraa hin jiru! Wanti nama gaddisiisu garuu, yeroo fedhii xummuraa akka waan dhiirri qofti dhangalaasutti hubatamuu fi dubartiin yoo dhangalaaste rakkoo ta'ee fudhatamuu isaati. Garuu Isheenis dhangalaasuun rakkina fayyaa agarsiisa osoo hin taane, itti gammaddee walqunnamtii saalaa raawwachaa jiraachuu fi quufuu ishee mirkaneessa. Dhangala'aan kuni buqushaa keessaa madda osoo hin taane, xannacha skeene jedhamu kan afaan afuuffee fincaanii haguugee argamuun madda. Karuma isheen fincaan fincooftuun qinxirii(clitoris) jalaan dhangala'a. Dhangala'aan kun fincaa'ullee ni danda'a Namni baay'een fincaani jedhee fudhata. Warri xiqquma bish godhanis jiru. Haata'u malee dhangala'aan kuni fincaan ofkeessaa hin qabu, foolin isaas isa akka kan fincaanii miti. Walqunnamtii saalaa itti aanuf naannoo sana laaffisee tolcha!
Kanaafuu, dubartiin dhangalaasuun ishee fayyummaa guutuu qabaachuu ishee fi xannachi kunillee nagaa ta'uu isaa argisiisa. Dhiphachuu fi yaadda'uun tasumaa hin barbaachisu. Akka dubartoonni yaadan osoo hin taane yeroo isheen dhangalaaftu dhiira ni gammachiisa.
Halkan gaarii isinif haa

11/09/2025

Dubartiin baqeeysaan deesse nyaata akkam soorachuu qabdi?
**********************************************
Dubartiin baqeeyfamtee deesse/ dhalte dhiphina sammuu( stress) keessa akka galtu beekamaadha. Daadarkaa sababa opereeshiinaatiin isiirra gahe keessaa bahuuf/ bayyanachuuf yeroon hanga tokko isii ni barbaachisa! Daftee bayyanachuuf gaheen nyaanni qabu olaanaadha! Namoonni baayyeen dubartii yeroo ulfaa sirritti tajajilanii erga deessee booda dagachuutu mul'ata!
Gosa nyaataa sooratamuu qabu

1. Aannanii fi bu'aa aannaani kan akka baaduu, itittuu sirritti dhuguu qabdi!

2. Nyaata pirootooniin badhaadhan akka foon diimaa, tiruu fi killee , misira fi baaqeelaa sirritti soorachuu
3. Soorata viitaamina baayyinaan of keessaa qabu kan akka Avokaaddoo, paappaayaa, kaarootii, qoosxaa( spinach) , burtukaana, habhab haalaan soorachuu!

4. Nyaatni akka qullubbii, salliixa, kuduraa soorachuun akka harmi daa'imaaf sirritti cobu waan godhuuf haalaan gorfama!

5. Sooranni akka dubbaa/ dabaaqulaa, foon lukkuu, suufii , loowzii dhiiga sababa dahumsaatiin namarraa bahe bakka buusuuf gargaaru!

* Walumaagalatti gosa sorataa kanneen hanga danda'ame soorachuuf yaaluun madaa sana fayyisuuf qofa odoo hin taane dafte akka bayyanattu fi fayyaa daa'imaaf baayyee gaaridha!
* Garuu hawaasa keenya biratti aadaa badduu namni yoo foon, killee, annaanii fi nyaata olitti eerame kana nyaatte akka waan hiikatte wal gad lakkiftee tortortuutti fudhatuu tokkotuu nu rakkisaa jira ! Sababa kanaa dubartii waanuma goggooyduu akka buskutaa fi faantaan dhukkee irraa kaasaa oolan!
Qabeenya qabdan ittiin nyaadhaa! Gaafa duutaniif ol hin kaayyattanii ofiin tajaajilaa!!
godhuu hin dagatinaa!!
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdulfetah Ibrahim

09/09/2025

Itoophiyaa 0-1 Seeraa Liyoon: 45'

Masiriin 2-0 erga injifatamtee amma Seeraa Liyoon waliin morkachaa kan jirtu Itoophiyaan galchii 1-0'n durfamaa jirti.

Federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa rakkoon naamusaa tapha Masirii waliin taasifne irratti nu mudateera jechuun komii isaa Koree Naamusa FIFAtti dhiyeeffatee ture.

Suuraa: Federeeshinii Kubba Miilaa Itoophiyaa
👇
https://bbc.in/3JVZjra

09/09/2025

Dr Abiy Ahmed Ali ❣️, preezdaantii Somaaliyaa, preezdaantii Keeniyaa, fi preezdaantiin Jibuutii pirojekticha yaroo daawwachiisan🇪🇹🇪🇹🇪🇹
Toltu Multimedia Production

FAAYIDAA AANNANII👉Aannan dhangala’aa gosa nyaataa adda addaa kan akka Pirootinii,Vaayitaminii,Albuudotaa fi Faatiin kan ...
08/09/2025

FAAYIDAA AANNANII

👉Aannan dhangala’aa gosa nyaataa adda addaa kan akka Pirootinii,Vaayitaminii,Albuudotaa fi Faatiin kan badhaadheedha.
👉Faayidaawwan aannanii qorannoodhaan mirkanaa’an keessaa muraasni:

➊.Jabeenya Ilkaaniif
Aannan viitaminii D fi kaalsiyeemii waan of keessaa qabuuf ilkaan akka hin tortoree fi salphaatti hin nyaatamne godha

❷..Fayyaa Lafeef
Aannan nyaata fayyaa fi jabeenya lafeetiif barbaachisaa ta’an kan akka Kaalsiyeemii,Viitaminii D,Foosfarasii fi maginiziyeemii of keessaa qaba;isaan kun immoo jabeenya lafeetiif baayyee barbaachisaadha

❸.Guddina Maashaawwaniif
Aannaan pirootinii qaamaaf barbaachisoo ta’aniin kan badhaadheedha,pirootiniin immoo akkuma beekamu ijaarsa qaamaaf baayyee barbaachisaadha

❹.Dhiphina Sammuu Ni Hir’isa
Vaayitaminoonnii fi albuudonni aannan keessaati argaman dhiphina hirs’isuuf fayyadu,kanaaf namoonni sa’aatii dheeraaf hojii irra turan gidduutti aannan dhuguun faayidaa qabeessa.

❺.Akka Mi’eessituuttti ni Fayyada
Aannan buna,daabboo,shoorbaa…..waliin yoo fudhatame akka mi’eessituutti fayyaduu danda’a

❻.Dhukkuboota Tokko Tokko Ni Hir’isa
Aannaan olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa,istirookii,dhukkubbii laphee fi kkf hir’isuuf ni tajaajila

❼.Madda Anniisaati

❽.Ulfaatina Qaamaa Hir’isuuf

08/09/2025

Dubbiin jabaateera.🦻 Maaltu furmaata laata?
🤔
🥺



Laaftutti as hin geenye Yeroo walqunnamtiin saalaa gaggeeffamu sanyii kormaa miliyoona 200 hanga 300 tu qaama saalaa dub...
03/09/2025

Laaftutti as hin geenye

Yeroo walqunnamtiin saalaa gaggeeffamu sanyii kormaa miliyoona 200 hanga 300 tu qaama saalaa dubartii keessatti dhangala'a. Hundi isaanii waldorgoommii daakkiitiin hanga killee oovaarii irra gad lakkafifamteen walqunnamanitti tattaaffii ajaa'ibaa godhu. Miliyoona 200 keeysaa irra baayyeen isaanii dadhabee gariiniis du'ee sanyii kormaa 300 hanga 500 qofaatuu killeen wal qunnama.
300n kana keeysaa tokko qofaatu irra jabaate killee sanaa wajjin fartilaayizeeshiinii uuma.

Tokkichi fiigicha maaraatoonii injifate san eenyu ni beeytaa? Si'ii bar!
Akkuma gaafa sanaahu rakkoo meeqaaf harka kennachuu didde ammallee wanni feete yoo dhufte harka hin kennatin!!
Fayyaa hin dhabinaa!!

Yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa kan dubartii keessatti hafee keessaa ba'uu dide kan jedhu dhageessanii ...
03/09/2025

Yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa kan dubartii keessatti hafee keessaa ba'uu dide kan jedhu dhageessanii beektuu?
Kun gama Fayyaan "P***s Captivus" kan jedhamu yoo ta'u darbee darbee akka tasaa namoota tokko tokkorratti nii muldhata. Taateen akkasii Jalqaba karaa Fayyaan report kan tahe bara 1979 dha. P***s Captivus kan dhufu sababa maashaawwan naannoo qaama saalaa dubartoota garmalee kottoonfachuu irraan kan ka'e kan dhufudha. Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa hiddoonni qaama dhiiraa irratti argaman dhiigaan waan guutamanif qaamni saalaa dhiiraa baayyee guddata. Yeroo wal qunnamtii saalaa maashaawwan qaama saalaa dubartoota nii kottoonfata. Maashaan kun garmalee hedduminaan yoo kottoonfatu qaamni saalaa dubartootaa baayyee dhiphachuun qaamni saalaa dhiiraa akka keessaa hin baane godha. Taateen kunis Amma fedhiin dubartootaa sun irraa dhaabbatee maashaan sun kottoonfachuu dhiisutti ykn hanga qaamni saalaa dhiiraa ka'ee ture ciisutti turuu danda'a.

Gaafiiwwan dhimma fayyaarratti qabdan fii waan baruu barbaaddan Inbox fii Comment naaf godhuu dandeessu.
Galatoomaa!!

03/09/2025

Daa'imni keessan ulfaatina/kiiloo dabaluu didee beekaa?
***************
Ilmi namaa yeroo kamuu caalaa yeroo daa'imummaa saffisa olaanaan ulfaatina dabala.
Daa'imman gariin sababa garagaraatiin ulfaatina hanga eegamu sana dabaluu dhabuu mala.
Daa'imman rakkoo kana qaban dafanii beekuun ykn adda baasuun barbaachisaadha. Sababni isaatiis tarii sababa hanqina nyaatatiin ykn rakkoo fayyaan walqabataniin Daa'imman ulfaatina ykn kiiloo dabaluu dhabuu malu.
Maaliif ijoolleen kiiloo dabaluu diddi?

- nyaata gahaa argachuu dhabuu ykn nyaata qabiyyee garagaraa kan akka pirootoonii, kaarboohaayidireetii fi faatii of keessa qabu nyaachuu dhabu
- Sababa garagaraatiin nyaanni mar'imaan keessatti akka barbaadamutti xuuxamuu dhabuu
- Nyaata qaamni daa'imaa barbaaduu kan inni nyaatu wal gituu dhabuu
- Garaa kaasaa fi haqqisaan irra daddeebiin mudachuu fi kkf

Akkamitti wal'aanna?
- Daa'imman hanqina nyaataa hamaa qaban hoospitaala ciisanii yaalamuun dirqama ta'a. Hanqinni nyaataa hamaa fi hamaa ta'uu dhaba dooktaraatu murteessa. Daa'imman hanqina nyaataa qaban hundaaf manatti Pilampiinatii bitaniifi kennuufiin sirrii miti. Kun nama hanqinaa hamaa qabu miidhuu waan danda'uufi

- Daa'ima ji'a 6 gadii harma haadhaa qofa sirritti luuysisuu. Ji'a ol taanaan barbaachisaa yoo ta'e farmaasii Aannaan bituufii.
- Daa'imman akka nama guddaa guyyatti hoggaa sadi qofa nyaachuu odoo hin taane dabalataan nyaataa fi nyaataa giddutti nyaachuu qabu ( walumaagalatti guyyatti hoggaa 3)
- yeroo nyaataa wantoota nyaatarra qalbii hatan fageessuu. Fkn TV , mobaayila cufanii nyaachuu qaban
- Rakkoo fayyaa yoo qabaate wal'aanuu!!

Fayyaa hin dhabinaa
Dr.Abdulfetah Ibrahim

03/09/2025

Big shout-out to my newest top fans! Jaallataa Diinal Islaam, Ibsa Saba

Da'umsaa Booda1. Hamma dandaa'ametti da'umsaa Booda hanga sa'aatii 24tti mana yaalaatii ba'uuf jarjaruu dhiisuu.2. Da'um...
03/09/2025

Da'umsaa Booda
1. Hamma dandaa'ametti da'umsaa Booda hanga sa'aatii 24tti mana yaalaatii ba'uuf jarjaruu dhiisuu.
2. Da'umsaa booda qusannoo Maatii fudhachuu yoo barbaadan osoo mana yaalaatii hin ba'iin mari'achuu fi fudhachuu. Faayidaas qaba.
3. Dhigni kara qaama saalaa kan hammi isaa xiqqaachaa deemu , kan foolii hin qabnee fi kan bifa isaa jijjirataa deemu hanga torban lamaati ni mul'ata.
4. Harmi yoo dhiita'ee dhukkube ol qabachuu ,bishaan dilallaa irra kaa'uu ykn antipain kan akka ibuprofeenii fudhachuu. Garuu of keessaa helmuun dhorkaadha.
5. Qulqullina naannoo qaama saalaa isaanii eggachuu fi bishaan ashaboon danfisanii keessa taa'uu.
6. Talaallii daa'imman isaaniif haalaan beellama isaanii eeggatanii talaallifachuu.
7. Walquunnamtiin saalaa torban 4_6 booda raawwatamuu ni danda'a. Sababiin isaas hanga torbaan jedhame kana gidduutti qaamoonni walhormataa bakka duraa isaatti waan deebi'uu ,dhangala'aan waan hir'atuu fi dhukkubbiin hir'achaa waan deemuuf dha.
8. Erga gara manaatti deebi'anii booda yoo dhiigni garmalee itti baay'atee fi foolii yoo qabaate,dhagna gubaa,mataa dhukkubbii garmalee,garaa dhukkubii gara gadii fi kkf yoo mul'ate atattamaan gara mana yaalaatti deebi'uu.
9. Hanga madaan naannoo qaama saalaa isaani fayyuutti nyaata garaa keessa hin turre fayyadamuu.
10 . Daa'ima osoo wal irraa hin kutiini fi osoo waan biraa itti hin dabaliin ji'a 6f harma qofa hoosisuu.
11. Hordoffi gaafa guyyaa 2_3 ,torbaan tokkoo fi torbaan 6 da'umsaa booda fudhachuu.
12. Sochii qaamaa kan qaama walhormaataa dabalatu gochuu.
13. Kkf
Galatoomaa!
Dr.Nafyad getu

02/09/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Iddyman Adyteacher, Kolit Gebisa, Kariithi Djibouti, Abdujabar Aliyii, Sura Adugna Dibisa, Raha Rahaa, Jamaal Mahmud, Absee Kedir, Dhaddacha Kulaa Diidaa, Firomsa Taye FD, Amartii Galataa, Fayisa Takele, Usman Hussen, Bushura S Shakula, Firoomsa Abdi, Lalistuu Oromiyaa, Bedada Abishu, Birhanu Adugna, Ukaash Abduramen, Demke Asabu, Jaafaar Siraataa, Milkesa Abebe, Rabbirraa Shuumii, Tesfuu Da, Dêvê Kìng Løvê, Husseen Aliyyii, Sanyii Amanuel, Abdaala Ebrahim, Jiituu Badhaasaa, Ansiif Abdulqaadir Page, Omer Abdo, Gédîyø Na, Hawi Kebede, Dawit Tamiru Negasa, Abi Yohannes Chekorso, Dubee Birkii Sabaa, Abdii Borii, Jawar Sharafuu, Habib Adem Hebano, Sabboontuu Gadaa, Salman Ismael, Hussen Roobaa, Màmè Šmàŕt, Ababechi Ababaa, Eebbasaa Malaakuu Warra Lixaa, Lelo Bayisa, Tolesa Fufa, Ãbdõõ Môhàmméd Siraaj, Hana Adugna, ሰኢድ ሙሀመድ

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibsa Saba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram