Dr Meseret Olana

Dr Meseret Olana Consultant Obstetrician and Gynecologist,
IGCS certified Gynecologic Oncologist.

Turning fear into courage, diagnosis into recovery-committed to giving hope & strength to women!

👉🏿Kaansarii Oovaarii ofirraa ittisuun ni danda’amaa?=> Kaansarii oovaarii guutummaatti ofirraa ittisuun danda’amuu baatu...
25/09/2025

👉🏿Kaansarii Oovaarii ofirraa ittisuun ni danda’amaa?
=> Kaansarii oovaarii guutummaatti ofirraa ittisuun danda’amuu baatulle, dhibee kanaaf saaxilamuu hir’isuun garuu ni danda’ama!
=>Karaalee saaxilamuu kaansarii oovaarii ittiin ofirraa ittisuun danda’aman keessaa warreen gurguddoon kan armaan gadiiti:

1. Yeroon (umurii ganamaan) dhala godhachuu,
2. Yoo qussannaa maatii fayyadamtu ta’e, gosa qussannaa maatii isa kiniina (choice) fayyadamuu,
3. Maatii keessa dubartiin Kaansarii oovaarii fi/ykn harmaan kan qabamte jirti/jiru yoo ta’e, umurii waggaa 30-35 jalqabee dhibee kanaaf sakata’insa gochuu,
4. Maatii keessa dubartiin Kaansarii oovaarii fi/ykn harmaan kan qabamte jirti /jiru yoo ta’e, hanga ijoollee barbaddan erga godhattanii booda (umurii waggaa 35-40), opireeshiniidhaan oovaarii fi ujummoo gadameessa akka bahu gochuun dhibee kanaaf saxilamuu ni hir’isa.
Yaala dhibee gadameessaa fi hordoffii ulfaaf da’umsaa, Gidduu gala yaala addaa hadhooliif da’immanii akkasumas dhibee keessoo Yoookootti ni argattu!

🤷‍♀️የ ovarian ካንሰርን (የ እንቁልጢ ካንሰር) መከላከል ይቻላል?
የ ovarian ካንሰርን ሙሉ ለሙሉ መከላከል ባይቻልም ተጋላጭነትን መቀነሰ ግን ይቻላል:: ተጋላጭትን መቀነሻ መንገዶች መካከል ዋና ዋናዎቹ የሚከተሉት ናቸዉ::
✅ አድሜ ሳይገፋ በጊዜ ልጅ መውለድ
✅ የ ወሊድ መከላከያ ለምትጠቀሙ ሴቶች በየቀኑ ሚወሰደውን የ ወሊድ መከላከያ አንክብል (Choice) መጠቀም
✅ በ ቤተሰብ ወስጥ የ ovarian ወይም የጡት ካንሰር ያለበት ሰው ካለ አድሜአቹ 30-35 ሲደርስ በየ ዓመቱ ተገቢውን ክትትል እና ምርመራ ማድረግ
✅በ ቤተሰብ ወስጥ የ ovarian ወይም የጡት ካንሰር ያለበት ሰው ካለ የሚፈልጉትን የ ልጅ መጠን ሲደርሱ በ ኦፕራሲዮን O***y አና የማህፀን ቱቦዎችን አንዲወጣ ማድረግ::

🏨🏨ማንኛውም አይነት ከ ማህፀን አና ፅንስ ጋር የተያያዙ ህክምናዎችን በማዕከላችን ማግኘት ይችላሉ።

🤷‍♀️ Is ovarian cancer preventable?

Although ovarian cancer cannot be completely prevented, it is possible to reduce the risk. The main ways to lower the risk include:

✅ Giving birth at the right age, before the age advances
✅ Using daily oral contraceptive pills (Choice) for women who use family planning,
✅ If there is a family history of ovarian or breast cancer, starting from age 30-35, undergoing proper yearly checkups and screenings,
✅ If there is a family history of ovarian or breast cancer, once childbearing is complete (35 to 40 years of age), having surgery to remove the ovaries and fallopian tubes.

🏨🏨 All types of Gynecologic and Obstetric care are available at our center.

Dr Meseret Olana
Obstetrician and Gynecologist
Gynecologic Oncologist
0913367006

Yookoo MCH/ Medical Center
Ebsa Y Nagewo
Meri Dida Promotion and Events
Abdi D Gemechu
Ginenus Fekadu
Meseret Olana Jeldu Bitaniya Ashenafi
Daraartuu Bushaa
Fayissa Lamessa
Azeb Wondimu

Happy new year!May it be filled with joy, peace, and blessings!Yookoo MCH/ Medical Center
10/09/2025

Happy new year!
May it be filled with joy, peace, and blessings!
Yookoo MCH/ Medical Center

Maayomaa (Myoma)  Maayomaan dhiita hin faffacaane kan maashaa gadameessaa irraa ka’u dha.     Dhiibeen kun dubartoota um...
08/09/2025

Maayomaa (Myoma)
Maayomaan dhiita hin faffacaane kan maashaa gadameessaa irraa ka’u dha.

Dhiibeen kun dubartoota umurii wal hormaata keessatti argaman irratti kan uumamu yoo ta’u, yeroo hedduu mallattoo kan qabaatuu yeroodubartiin umurii waggaa 35 - 45 gidduu taatudha.

Sababoota maayomaaf dubartii saaxilan:
1. Sanyii gurrachaa ta’uu
Dhibeen kun harka caalaan dubartoota Afriikaa, keessumaa warra Afriikaa dhihaa, irratti baay’ta
2. Otoo hin ulfaa’iin /dahiin turuu ykn hafuu
3. Umurii

Mallattoolee Dhibee Maayomaa
1. Yeroo hedduu mallattoo hin qabu. Dubartiin yaala biraaf yeroo ultiraasawundii ilaalamtu beekama.
2. Yeroo mallattoo qabaatu immo, jeeqamuu laguun of mul’isa. Gosni jeeqamuu laguu yeroo hedduu Maayomaa waliin wal qabatu, baayachuu dhiigaa yeroo laguu (heavy menstrual bleeding) dha.
3. Mallattooleen kan biroo Maayomaa waliin wal qabatan kanneen armaan gadiiti:
- dhukkubbi garaa handhuura gadii
- dhiita’uu garaa (gajjallaa eegalee kan ol dabalu)
- Irra deddebiin ulfi ba’uu (recurrent pregnancy loss)
- Ulfaa’uu dadhabuu (infertility)f kkf dha.

Yaala Maayomaa
1. Yoo mallattoo hin qabannee fi hammi isaa xiqqaa ta’e , waggaa waggaan hakiima bira deemuun of sakattaasisuu ni danda’ama (watchful waiting).
2. Yoo mallattoo qaba ta’e garuu, opiraasiyooniidhan yaalamuun dirqama ta’a.
Opiraasiyooniin maayomaaf dalagamuu:
a. Yoo dubartiin gara fuldiraatti dhala godhachuu barbaaddi ta’e ykn yoo gadameessi ishee akka ba’u hin feetu ta’e, opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) dalagna.
b. Yoo gadameessi akka bahu filatame, opiraasiyoonii gadameessa baasuu (Hysterectomy) dalagnafi.

3. Yaala Qorichaa: Maayomaan qorichaan guutummaatti akka badu gochuun ni ulfaata.
Qorichaan kan yaallu, yeroo gabaabduu fi gara opiraasiyoonii / gara umurii guutummaatti laguun dhaabbachuu (Menopause) akka cehumsaatti fayyadamuufi.

Guyyaa har’aa dubartii dhiita Maayomaa mallattoo qabu qabduu fi gara fulduraatti dhala barbaadduuf, opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) dalagneefi!

Hospiitaala haadholiif daa’immanii fi dhibee qaama keessoo YOOKOOtti Yaala dhibee Maayomaa fi kan biroo, hakiimota sabispeeshaalistiin argattu.

Dr Meseret Olana (IGCS-Certified Gynecologic Oncologist)
0913367006

Dr Meseret OlanalMeseret Olana JeldueYookoo MCH/ Medical CenternEbsa Y NagewogAbdi D Gemechuechu
Daraartuu Bushaa

Ulfa gadameessaan Alaa (Ectopic Pregnancy) 👉🏿Ulfi gadameessaan alaa kan uumamu yoo ulfi keenyan gadameessaan alatti maax...
26/08/2025

Ulfa gadameessaan Alaa (Ectopic Pregnancy)

👉🏿Ulfi gadameessaan alaa kan uumamu yoo ulfi keenyan gadameessaan alatti maaxxanee fi guddachuu eegale dha.
👉🏿Harka caalmaan, taateen kun kan uumamu ujummoo gadameessaa (fallopian tube) keessatti.
👉🏿Dhibeen kun yoo yeroodhaan hin beekamnee fi yaala barbaachisaa hin arganne, rakkoo hamaa hanga lubbun darbuu geessisuu danda’a.
👇🏿Mallattooleen dhibee kanaa:
1. Dhukkubbii garaa ammee (Acute Abdominal Pain)
2. Laguun guyyaa dabarsuu (Cessation of me**es)
3. Dhangala’uu dhiigaa karaa qaama saalaa (Vaginal bleeding).
🫰🏿Kanaafuu, dubartoonni mallattoolee armaan olii ofirratti argitan yaala barbaachisu hatattamaan argachuun rakkoo hamaa dhufu hambisa.

ከማህፀን ውጭ እርግዝና( Ectopic Pregnancy)
—— ——

ከማህፀን ውጭ እርግዝና የምንለው ፅንስ ከማህፀን ግድግዳ ውጭ ሲፈጠር ሲሆን በአብዛኛው የሚከሰተው በማህፀን ቱቦ ውስጥ ነው::
ምልክቶቹ:
-የወር አበባ አለማየት
-የሆድ ህመም
-ከማህፀን ደም መፍሰስ
ሆኖም ግን እነዚህ ምልክቶች የማህፀን ውጭ እርግዝና ምልክቶች ብቻ አይደሉም።
በማህፀን ቱቦ ውስጥ እርግዝና ሲከሰት እድገቱን መቀጠል የማይችል በመሆኑ በቆየ ቁጥር የእናትን ጤና እና ህይወት አደጋ ላይ ይጥላል። በመሆኑም አፋጣኝ ህክምና ያስፈልገዋል።

Meseret Olana Jeldu
Yookoo MCH/ Medical Center
Ebsa Y Nagewo

We’re Honored!We are proud to announce that Addis Ababa Food and Drug Authority (FDA) has recognized Yookoo MCH as an Ou...
17/06/2025

We’re Honored!

We are proud to announce that Addis Ababa Food and Drug Authority (FDA) has recognized Yookoo MCH as an Outstanding Health Service Provider!

Congratulations to Yookoo MCH/ Medical Center and to everyone who benefits from its services!

👉🏿Waxabajji Baatii Hubannoo Kaansarii          Gadameessaati!  👉🏿June is Uterine Cancer Awareness         month !       ...
01/06/2025

👉🏿Waxabajji Baatii Hubannoo Kaansarii
Gadameessaati!
👉🏿June is Uterine Cancer Awareness
month !

=> Kaansarii keenyan Gadameessaa
(Endometrial Uterine Cancer) Kaansaroota gadameessaa keessaa isa tokko.Gadameessi qaamolee wal-hormaata dubartii keessaa isa tokko.Faayidaan Issa:
1. Ulfi keessatti guddata,
2. Dhiigni marsaa laguu keenyan isaa irraa
yaa’a.
Kaansarri keenyan gadameessaa dubartoota umurii da’umsaarra darban(keessumaa waggaa 60 booda) irratti baay’inaan mul’ata.Carraan dubartiin takkaa umurii ishee keessatti kaansarii kanaan qabamuu qabduu parsantii sadiitti (3%) tilmaamama.Sababoota carraa dhibee kanaan qabamuu ol-kaasan:
👉🏽Furdina humnaa olii,
👉🏽 Umuriin dabaluu,
👉🏽 Dhala godhachuu dhiisuu/dhabuu,
👉🏽Dhibee wal-fakkaatuun matiin (haadha,
obboleetti…) hubamte yoo jiraatte,
👉🏽Rakkooleen akka furdina humnaa olii,
ol-ka’uu dhiibbaa dhiigaa fi dhibee
sukkaaraa yoo waliin argaman fi k.k.f
-> Mallattoolee dhibee kanaa:Dhibeen kun yeroo hedduu dafee of-mul’isa.
✍🏻Erga laguun dhaabbatee waggoota muraasa/hedduu booda, dhiiga gara qaama saalaan arguun mallattoo isa jalqabaati.
👉🏽Kanaafuu, dubartiin tokko erga laguun dhaabbatee yoo dhiiga ofirratti argite (hammamille yoo xiqqaate) daftee gara mana yaalaa deemuun, dhibeen kun gara sadarkaa jalqabaatti akka beekamuuf gargaara.

-> Dhibee kana ofirraa ittisuun ni
danda’amaa?
👌Furdina humnaa olii ofirraa ittisuun fi dhala godhachuun carraa dhibee kanaan qabamuu gad xiqqeessuun ni danda’ama
👌Dhibee wal-fakkaatu warri maatii keessaa qaban immoo akkumma lakkofsa ijjollee barbaadan guuttataniin (umurii waggaa 35-40), gadameessi isaanii yaala baqaqsaan akka bahu gochuun dhibee kana ofirraa ittisuu ni danda’u.

YAALA KAANSARII QAAMOLEE WAL-HORMAATA DUBARTII HAKIIMA SUB-ISPEESHALISTII DHIBEEWWAN KANNEENII TA’EN Yookoo Medical center tti NI ARGATTU!

0913367006

GALATOOMAA
Dr Meseret Olana (Gynecologic Oncologist, IGCS local Mentor)

Yookoo MCH/ Medical Center
Meseret Olana Jeldu

19/04/2025

Dear all,
Wishing each of you a joyful and peaceful Easter filled with warmth and cheer.
Ayyaana gaarii!
መልካም ፋሲካ።
Meseret Olana Jeldu
Yookoo MCH/ Medical Center

07/01/2025

Baga Ayyaana Dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesus kristoosiin nu ga’e!
እንኳን አደረሰን።

16/10/2024

Fetal Anatomic Scan

A fetal anatomic scan is a detailed ultrasound that examines the anatomical structure of the fetus. It is recommended for all pregnant women between 18 and 22 weeks of gestation to detect fetal anomalies and assess pregnancy outcomes.

Why is it important? The scan helps to detect:

*Lethal anomalies like anencephaly
*High-morbidity conditions that can result in long-term complications, such as neural tube defects, aneuploidy, and congenital heart diseases

What are the benefits?

*It allows for potential intrauterine therapy, such as in cases of twin-to-twin transfusion syndrome or intrauterine transfusions
*Identifies fetal conditions requiring postnatal care, like renal issues or facial clefts
*Prepares parents for potential health challenges

The fetal anatomic scan plays a crucial role in monitoring the development and well-being of the fetus. It provides parents with vital information to make informed decisions about their pregnancy.

At Yookoo MCH, we offer this service with comprehensive support and guidance.

For More info call 0970247024.

02/10/2024
05/04/2024

Yookoo MCH/ Medical Center

Congratulations! We are ready to serve you!Isin tajaajiluuf yeroo hunda qophiidha!Yookoo MCH/ Medical CenterEbsa Y Nagew...
01/04/2024

Congratulations! We are ready to serve you!
Isin tajaajiluuf yeroo hunda qophiidha!

Yookoo MCH/ Medical Center
Ebsa Y Nagewo
Abdataa Tolasaa Dhaabaa
Abdi D Gemechu

Awash Bank
Awash Bank Staffs Group

Address

Addis Ababa
430

Telephone

+251913367006

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Meseret Olana posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram