Oromia Forest and Wildlife Enterprise

Oromia Forest and Wildlife Enterprise Bara 2022ti Dhaabata Bosonaafi Bineensa Bosona Oromiyaa Afrikaa Bahaatti beekkama fi hawwatama ta'e arguu.

24/03/2026
“March 8” kabajamee**************************Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa “March 8” Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa B...
24/03/2026

“March 8” kabajamee
**************************
Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa “March 8” Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyatti kabajamee.Kabajaa Guyyaa Dubartootaa sababeeffachuun, hojjettoonni dubartootaa Waajjira Olaanaa Dhaabbatichaa daawwannaa Muziyeemii Adwaa fi Paarkii Inxooxoo taasisuun kabajani jiran.

Guyyaan kun, dubartoonni gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, aadaa fi ogummaatiin dandeettii fi injifannoo ajaa'ibsiisaa karaa wal-qixxummaa koorniyaatiin galmeessan, akkasumas haala itti gurmaa’anii fayyadamtoota itti ta’an xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan kabajama.

“March 8” sadarkaa addunyaatti marsaa 115 ffaa, akka Itoophiyaatti immoo yeroo 50 ffaaf yeroo kabajamu, siyaasaa fi hawaasummaa keessatti gahee dubartootaa faarsuu fi walqixxummaa koorniyaa cimsuuf yaadatamee kan ooludha.

“Dubartootaa diinagdeen gahoomsuun misooma itti fufiinsa qabu saffisiisuuf murteessaadha.”
"Odeeffannoo dabalataa argachuuf, nu hordoffa."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
X
https://x.com/OromiaE10095
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg
LinkdeIn
https://www.linkedin.com/.../oromia-forest-and-wildlife.../?
website
www.oromiaforest.et

23/03/2026


***********************************
Not all the economic benefits of forests come from extraction!
On 21 March, we mark the International Day of Forests — recognizing the importance of all forest types for present and future generations. This year’s theme highlights the essential roles forests play in driving economic prosperity.
Forests contribute to economic resilience in far more ways than providing raw materials.
They deliver vital nature-based solutions:
Securing water supplies
Buffering floods
Stabilizing soils
Storing carbon
Reducing climate-related risks
They also support sustainable agricultural systems and sustain nature-based tourism, strengthening local economies while maintaining ecosystem integrity.
Long-term prosperity depends on healthy, functioning forest ecosystems.

Hojii Gaarii hojjatamee!!
15/03/2026

Hojii Gaarii hojjatamee!!

12/03/2026

Gandawaaj: Ikkoo-Turisim
IluuAbba Boor,Bunnoo Bedellee
**********************************
Gandawaj—bakka Bosona uumama mukkeen gabbatoo, dambalii bishaanii fi goda bifa addaa qabuun guutamedha. Hallayyaa bishaan itti harca’uun fi holqa raaree kan simbirroon keessa guutan qaba.
video Credit- Reta.A

"Odeeffannoo dabalataa argachuuf, nu hordoffa."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
X
https://x.com/OromiaE10095
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg
LinkdeIn
https://www.linkedin.com/.../oromia-forest-and-wildlife.../?
website
www.oromiaforest.et

Gaara Erar - Miidhagina Uummamaa fi Mallattoo Seenaa Gadaa Tuulamaa******************************Bulchiinsa Magaalaa Sha...
12/03/2026

Gaara Erar - Miidhagina Uummamaa fi Mallattoo Seenaa Gadaa Tuulamaa
******************************
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee keessatti qabeenyi uummamaa ija namaa hawwatu, Gaarri Erar ni argama.
Gaarri kun Finfinneerraa gara Bahaatti fageenya dhihoo irratti kan argamu yoo ta'u, olka'iinsa galaanarraa meetira 3,100 irratti argama.
Maaltu adda isa taasisa?
Mallattoo Seenaa fi Aadaa: Gaarri Erar "Gaarawwan Saddeettan Waaqaa" Gadaa Tuulamaa keessatti beekkaman keessaa tokkodha.
Durii kaasee sirbootaa fi afoolaan leellifamaa kan turee fi seenaa guddaa kan qabudha.
Qabeenya Iikoo-Tuuriizimii: Mukawwan, Simbirrootaa fi Beelladoota gosa adda addaa of keessaa qaba.
Gubbaa Gaara Erar irra yoo bahan, qilleensa mijataa argachuudhaan alatti, magaalota akka Finfinnee, Bishooftuu fi kutaalee Shaggar caasaa lafaa bareedaa waliin gadi ilaaluun ni danda'ama.
Miidhagina isaa fi magaalota gurguddootti dhihoo ta'uu isaatiin, iddoo aara galfii filatamaadha.
Gara fuulduraatti haalaan misoomuun isaa:
Jiraattoota naannootiif carraa hojii ni uuma.
Galiin uummataa akka dabalu taasisa.
Hojii kalaqa naannichaa addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa fida.
Madda: Etv Afaan Oromoo

"Odeeffannoo dabalataa argachuuf, nu hordoffa."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
X
https://x.com/OromiaE10095
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg
LinkdeIn
https://www.linkedin.com/.../oromia-forest-and-wildlife.../?
website
www.oromiaforest.et

Bosona Gabaa Addunyaa irratti dhiyeeffachuuf "sertifikeetiin" fedhii osoo hin taane dirqama ta'uun ibsame.**************...
11/03/2026

Bosona Gabaa Addunyaa irratti dhiyeeffachuuf "sertifikeetiin" fedhii osoo hin taane dirqama ta'uun ibsame.
***********************************************************************
Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosona Oromiyaa walta'iinsa dhaabbata Forest Stewardship Council (FSC) jedhamu waliin ta'uun, wookshoppii mata duree Forest Management Certification jedhu irratti leenjii Magaalaa Jimmaatti kennaa jira.

Wookshoppii kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Ol’aanaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosona Oromiyaa, Obbo Araaraa Raggaasaa, Bosona fi bu'aa bosona keenyaa gabaa addunyaa irratti dhiyeeffachuuf sertifikeetiin fedhii osoo hin taane dirqama ta'uu ibsanii jiru.Leenjiin kun haala dhaabbanni sertifikeetii itti argachuu danda’u irratti dameewwan distriiktii dhaabbatichaa kibba-lixaatti argamaniif Bitootessa 1/2018 irraa jalqabee kennamaa jira.

Wookshoppiin kun mata duree Mallattoo (Logo) fi Sirna Gabaa, Qajeelfamoota FSC, fi Tajaajila Naannoo fi Deeggarsa Idil-addunyaa irratti kennamee jira. Mallattoon (Logo) kun Misooma bosonaa itti fufiinsa qabu mirkaneessa,Amanamummaa oomishaalee bosonaa OFWE fi caasaalee naannoo dabaluu fi Gabaa keessatti fudhatamaa fi amantaa maamiltootaa cimsuuf akka gargaaru ibsamee jira.
Hirmaattonni dameewwan OFWE Kibba Lixaa irraa walitti dhufaan wal-baruun muuxannoo wal-jijjiiraniiru.

"Odeeffannoo dabalataa argachuuf, nu hordoffa."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
X
https://x.com/OromiaE10095
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg
LinkdeIn
https://www.linkedin.com/.../oromia-forest-and-wildlife.../?
website
www.oromiaforest.et

OFWE and FSC Launch Major Forest Certification Initiative at Jimma******************************************************...
11/03/2026

OFWE and FSC Launch Major Forest Certification Initiative at Jimma
***********************************************************************
On March 10, 2026, the Oromia Forest and Wildlife Enterprise (OFWE) took a significant step toward global sustainability by launching a specialized workshop in Jimma. In collaboration with the Forest Stewardship Council (FSC), the event focused on "Forest Management Certification" for its Southwest branches, bringing together leaders to modernize how Oromia’s natural resources are managed and marketed.
A key highlight of the session was the unveiling of a new standardized marketing logo. This symbol serves as a professional seal of approval, identifying products that come from certified, sustainably managed forests. This means Higher Market Credibility, Stakeholder Trust and Economic Growth: Opening doors to new, premium global markets.
The workshop dived deep into the FSC’s core principles, centered on the mission of “Forests for All Forever.” The goal is to ensure that forest management is not just productive, but also:Economically Viable: Building a profitable and stable industry,Socially Beneficial: Respecting the rights of workers and local communities and Environmentally Sound:Protecting biodiversity and forest health.
Climate Action and Future Growth
Experts, emphasized that Oromia’s forests are vital "carbon sinks" that play a crucial role in the global fight against climate change. The discussions also explored innovative ways to maximize forest value, such as: Developing eco-tourism opportunities. Verifying ecosystem services to attract international conservation funding and Closing financial gaps through stronger international partnerships.
By aligning with international standards, OFWE is ensuring that Oromia’s forests remain healthy, resilient, and productive. This initiative isn't just about trees—it's about securing a sustainable legacy for generations to come.

Address

Kebena
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 02:00 - 23:00
Tuesday 02:00 - 23:00
Wednesday 02:00 - 23:00
Thursday 02:00 - 23:00
Friday 02:00 - 23:00
Saturday 02:00 - 18:00

Telephone

+251904864918

Website

http://www.linkedin.com/in/ oromia-forest-and-wildlife-enterprise-3a14543b4

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Forest and Wildlife Enterprise posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Oromia Forest and Wildlife Enterprise:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram