Lubabah Clinic عيادة لبابة

Lubabah Clinic  عيادة لبابة Waantoota Fayyaan wal qabatan irratti gorsaaf qajeelcha nii kennina

15/09/2025

Dhukkuba Cobxoo
‌˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙
Dhukkuba qunnamtii saalaatiin daddarbu(STDs) Keessaa Cobxoon isa tokko.

Dhukkubni kun Miira dhukkubbii dubartoota caalaa dhiira irratti waan hammeessuuf naannoo hedduttu "dhukkuba dhiiraa" jedhamee waamama.
Namni dhukkuba kanaan qabame, qaamni saalaa isaa miira gubaa qabaachuu danda'a. Akkasumas qaama saalaa dhiiraaf dubartootaa keessaa malaa adii, keelloo Ykn immoo dhangala’aan bifa adda addaa kan foolii badaa qabu ba’uu danda’a.
Dhukkubni Cophxoo Yeroo baayyee dubartoota irratti mallattoo tokkollee agarsiisuu dhiisu danda'a. Yeeroo garii garuu dhuukkubbi cimaa uuma.

Mallattoon dhukkuba cophxoo maali?

Mallattoo Dubartootaa

● Yeroo marsaa laguu gidduutti dhiigni baayyatuu ykn dhukkubbiin hammaatuu
● Yeroo fincaa’an dhukkubbiin afuuffee fincaaniif naannawa qaama saalaatti dhagayamuu.
● Fincaan gubuu.
● Dhangala'aa qaama saalaa keessaa jiguu. Dhangala'aan bifa adii ykn keelloo fakkaatuu qaama saalaa dubartii keessaa yaa'uu.
● Dugdi dhukkubuu
● Garaan taa'e irraa bahuu. Kana jechuun dubartiin erga ulfoofteen booda ulfi akka irraa jigu godhuu.

Mallattoo Dhiirotaa

● Yeroo fincaa’an dhukkubbiin ykn gubaa qaama saalaa.
● Dhangala'aa qaama saalaa keessaa yaa'uu.
● Fincaan fedhii malee ofumaan cophuu. Yeeroo Fincaa'anii ka'an fincaan nama irraa dhaabachuu didee yaa'uu. Fincaan ariifachiisuu.

● Dhiita’uu fi dhukkubbii qaama saalaa.
● Saal-qunnamtii irratti dadhabbii agarsiisuu ykn fedhii dhabuu
● Dugda keessa gubuu.
● Yeeroo qunnamtii saalaa sanyiin kormaa dafee akka jigu godhuu.
● Mallattooleen dhukkuba cophxoo kanneen biroo ammoo michii qaama saalaa dhiiraa (re**al gonorrhea) kanneen akka ququnca’uu, dhukkubbii, dhiiguu, dhangala’aa garmalee ba’uu fi yeroo sagaraa darbee darbee dhukkubbii uumuu danda'a.

Dhuukkubni copxoo karaa saal-qunnamtiitiin, dhungoodhaa fi haadha irraa ilmootti ni daddarba. Yeeroo baayyeen daa'imman maatii cophxoof saaxilaman gidduudhaa dhalatan rakkoo agartuu ykn dhukkuba ijaaf saaxilamu.

Dhukkubni Cophxoo/dhukkubni dhiiraa yeeroodhaan yoo hin yaalamin dhala dhabuu fiduu danda'a. Dhiira keessaa sanyii kormaa balleessuun, dubartii irraa ammoo ulfi akka hin sabanne gochuun carraa maseenummaa fiduu danda'a.
https://t.me/drfayyaa

Address

Khartoum
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lubabah Clinic عيادة لبابة posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram