Dr Weeddu

Dr Weeddu ��Your failure does not define you, your determination does.

06/07/2023

Plz pray for him 🙏

05/07/2023

Refresh the heart and feel the joy for what amazing talent you've done here young boy🙏👍👍👍👍

11/06/2023

Just wow 👏😳
Man's ungrateful nature is historical.
To be truly grateful for what we have, we all need God in our hearts...in our own sufficiency, nothing is good enough. So just relax Guys

05/05/2023

Dhufnee jirraa

*Good morning 🌄 all Harmi dubartootaa dhuguma qaqqabaa/sukkuummaa dhiiraan jigaa? maaltuu jiguu harmaa fida? 1. Umurii: ...
23/04/2022

*Good morning 🌄 all
Harmi dubartootaa dhuguma qaqqabaa/sukkuummaa dhiiraan jigaa?
maaltuu jiguu harmaa fida?

1. Umurii: Laamsha'uu qaamaa fi hir'inni hormoonii garaagaraa umurii waliin dhufu harmi akka kufu taasisa.

2. Harkisa lafaa: Waggaa dheeraa booda harmi akka jiguuf sababa biraati.

3. Yeroo baay'ee aduu fi ho'aaf saaxiluu: qaamoleen tishuu harmaa deeggaran akka dadhaban godha.

4. Tamboo xuuxuu

5. Furdina garmalee, akkasumas hatattamaan furdina qaamaa hir'isuu

6. Daa'ima baay'ee da'uu/dhaluu

7. Qabduu harmaa kan harmaan wal hin madaalle godhachuu

8.....itti fufa
OOlmaa gaarii qabaadhaa !!
Weedduu

$FAAYIDAA MUUZII NYAACHUUN ARGANNU%1.Dhiibbaa dhiigaa to'achuuf : muuzii keessatti elementii pootasiyeemii  jedhamu waan...
22/04/2022

$FAAYIDAA MUUZII NYAACHUUN ARGANNU%
1.Dhiibbaa dhiigaa to'achuuf : muuzii keessatti elementii pootasiyeemii jedhamu waan baay'inaan argamuuf dhiibbaan dhiigaa akka ol hin kaane eega . Kanaf muuzii nyaachuun namoota dhibee dhiibbaa dhiigaa qaban ni fayyadaa .
2. Dandeettii waa yaadachuu fi Siyaa'ina keenya dabala: muuziin kemikaalota sammuu keenya si'eessan fi dandeettii waa yaadachuu keenyaa dabalan sammuu keessaa akka gad lakkifamuu taasisaa ,akkasumaas dhiphina sammuu nurraa dhorga.
3. Carraa dhibee kaansarii keessattuu kaansarii dhiigaan qabamuu daa'immanii ni hir'isa.
4. Fayyummaa onnee keenyaaf : muuziin vitaaminootaa fi albuudoota fayyummaa onneef fayyadan of keessaa qaba
5. Jabina ykn cimina lafee keenyaf ni fayyada.
6. Dhibee sukkaaraa to'achuuf:muuziin hammi sukkaaraa ( giluukoosii ) dhiiga keenya keessa jiru akka ol hin kaane ykn gad hin buune to'achuuf gargaara.
7. Dhibee asmiitiin carraa qabamuu daa'immanii ni hir'isa .
8. Dhibee hir'inaa dhiigaa ittisuuf fayyada .
9. Fayyummaa ijaa , gogaa qaama keenyaa, akkasumaas kalee keenyaaf .......
Please don't forget to share 🙏
Dr Weedduu

 #1Wal Quunnamtii Saalaa yeroo ulfaa==============================Namoonni baayyeen Waa'ee wal-qunnamtii saalaa  yeroo u...
22/04/2022

#1
Wal Quunnamtii Saalaa yeroo ulfaa
==============================
Namoonni baayyeen Waa'ee wal-qunnamtii saalaa yeroo ulfaa irratti ibsa bal'a barbaanna jechuun karaa keessaa na gaafachaa turtaniittu. Deebin isaa kunooti. Dubartiin tokko yeroo ulfaa hanga baatii/ ji'a afuritti Sababa ol tuttuquu, olguurraan ,tuttufsiisaan fi dadhabbiin waan itti baayyatuuf fedhiin ishee hir'achuu ni danda'a. Baatii 4 irraa jalqabee hanga baatii 7tti rakkoowwan gara baatii jalqabaa mul'atan hir'achaa waan deemuuf fedhiin isaani haalaan ni dabala. Baatii 8 booda hanga baatii xumuraatti ammoo gadameessi daa'ima baatu guddachaa waan deemuuf haalli wal qunnamti saalaa mijachuu waan hin dandeenyeef fedhiin dubartootaa xiqqo gadi bu'a. Gabaabadhumatti walquunnamtiin saalaa yeroo ulfaa ji'aan hin dangeffamu, kana jechuunis hamma dhibeen tokko tokko hin jirretti walquunnamtii saalaa hanga ji'a dhumaatti gochuun hin dhorkamu.
Wal qunnamtii saalaa rakkoon akkamii yoo jiraate dhorkama?
👉Yoo dhiiguun karaa qaama saalaa/ gadamees
👉Yoo bishaan garbaa ykn gubbee irraa dhangala'e
👉kana dura ulfi yeroo lamaaf isaa ol yoo irraa bahee ture.
👉 Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hin ga'iin itti dhufeera yoo ta'e.
👉yoo ofkaltiin/obbaatiin mucaa dursee dhufuu altiraasawundiin mirkanaa'e.
Tarii akka tasaa yeroo wal qunnamtii saalaa dubartoota irraa bishaan gubbee yoo dhangala'e ykn gadameessi isaanii dhiige hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu!
Galatoomaaa
Please don't forget to share 🙏🙂
Weedduu

Baga Ayyaana du'aa ka'uu gooftaan isin gahe jechaa .......page haara kana like comment and share waliif godha ,Odeeffano...
22/04/2022

Baga Ayyaana du'aa ka'uu gooftaan isin gahe jechaa .......page haara kana like comment and share waliif godha ,Odeeffanoowwan fayyaa wal qabata haala salphaan argachuu danddessu !! GALATOOMAA

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Weeddu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram