Dr.Ahmee

Dr.Ahmee Jiraachun carraadha umri nu dheeresi

05/02/2026
31/01/2026

Let’s collaborate and grow together 🌻🤗🌻

31/01/2026

I'm on the weekly engagement list for Mac B. Babula.

13/01/2026

Allahayyee 🤲

Motherly affection. Good night my respected friend. 🌞😊💛
24/11/2025

Motherly affection. Good night my respected friend. 🌞😊💛

FAAYIDAA QURUNFUDII IJA SAAYINSII FAYYAATIIN (CLOVE)1.  Dhibee dadhabina onneef..2. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf. 3....
24/11/2025

FAAYIDAA QURUNFUDII IJA SAAYINSII FAYYAATIIN (CLOVE)
1. Dhibee dadhabina onneef..
2. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf.
3. Zayitiin Qurunfullii (Clove oil) dhukkubbii jilbaaf furmaata.
4. Qulqullina afaaniif bayeessa.
5. Foolii afaanii fayyaalessa taasisa.
6. Dhibee garaa laaleysaaf.
7. Dhibee garaachaaf ni tola.
8. Bokokuu ykn dhisamuu garaa ni ittisa.
9. Madaa ni qoorsa.
10. Dhiiguu irgoo ilkaanii ni ittisa.
11. Hanga cholesterol ni to'ata.
12. Marsaa dhiigaa fayyaalessa taasisuuf furmaata waaraa dha.
13. Madda aniisa qaamatiif..
14. Shubamuu godhaa qaama nama ittisuuf.
15. Seeloota dhiiga du'anii qulqulleessuuf..
Itti fayyadamni
Sha'i waliin.
Damma waliin daakama isaa!!
Galatooomaa.
Fayyaan faaya.

Rakkoowwan fayyummaa sanyii dhiiraa (S***m) miidhan:****************************************Dhiirti tokko dhala godhachu...
05/11/2025

Rakkoowwan fayyummaa sanyii dhiiraa (S***m) miidhan:
****************************************
Dhiirti tokko dhala godhachuuf sanyiin dhiiraa isaa bay’inaan yookin lakkoofsan, bocaan fi fayyummaa isaa gahaa ta’uu qaba, yoo ta’uu baate garuu rakkoo dhala dhabuuf isa saaxiluu danda’a. Sanyii kormaa dhala godhachuuf gahaa kan jedhamu baayyinni isaa saal-qunnamtii tokko keessa sanyii kormaa miliyoona 20 fi isaa ol yoo ta’e fi isaan keessaa parsantaa 40 ol gara hanqaaquu dubaratti sochii gahaa gochuu yoo danda’ani.

Wantoonni Sanyiin kormaa (s***m) dhiiraa miidhan:
1. Tamboo aarsuu.
2. Dhugaatii alkoolii garmalee.
3. Ulfaatina yookin furdina humnaa olii.
4. Nyaatawwaan samsaman, sukkaara baayinaan qaban.
5. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu.
6. Cinqama yookin dhiphina humnaa olii.
7. Hirriba gahaa dhabuu.
8. Infeekshinii cidhanii.
9. Rukuutta cidhaan irra gahu.
10. Dhukkuboota akka sukkaaraa.
11. Cidhan ho’a garmaleetif saxiluu.
12. Rakkoowwaan hormoonii qaamaa garaagaraa.
13. Qorichoota ammayyaa yookin karaa aadaan kennaman tokko tokko fi kkf!

Kanaaf rakkoowwan armaan olii irraa of eegun fayyummaa sanyii kormaa keessan eeggadhaa!

Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!

Best 👌
02/11/2025

Best 👌

Good morning.🌹

24/10/2025

Active ✅

24/10/2025

Engagement time

🔥Singiggoo(Gubaa Laphee) Yeroo Ulfaa!🤰✨👉Singiggoon mallattoolee yeroo ulfaa baay’inaan mul’atan keessaa tokko — 👉keessum...
21/10/2025

🔥Singiggoo(Gubaa Laphee) Yeroo Ulfaa!🤰✨

👉Singiggoon mallattoolee yeroo ulfaa baay’inaan mul’atan keessaa tokko — 👉keessumaa yeroo ulfa ji'a 4 boodan bal'inaan mullachuu danda'a.
👉Kun sababa hormoonii yeroo ulfaa fi daa’imni kee guddachaa dhufuun uumama.

💥 Mallattoolee beekamoo:

• Miira gubaa laphee 🔥
• Nyaata garagalchuu
• Bokooka fi ol guuruu
• Nyaata boodan miira garaan sitti ulfaachuu sitti dhaga'amuu

✅ Yaala Mana Keessaa:

🍽 Nyaata xixiqqeessani ammaa ammaa garaagarummaa sa'aatii lamaan soorachuu
🥦 Nyaata barbaree baay’ee qabu irraa fagaachuu
🪜 Nyaata erga nyaattee booda ol jedhii taa'i(hin ciisiin)
🛏Yeroo raftu mataa xiqqoo ol qabi
☕ Asiidii hir'isuuf shaayii jinjibilaa ykn hancoo alanfadhu

🤍 Yoo gubaan sun cimaa ta’e ykn hin foyya'uu ta'e, gara mana yaalaa deemuun ilaalami🌸✨

 laphee/singiggoo《heart burn》****************************Gubaa laphee jechuun yeroo dhukkubbiin laphee gara gadiitti nam...
17/10/2025

laphee/singiggoo《heart burn》
****************************
Gubaa laphee jechuun yeroo dhukkubbiin laphee gara gadiitti nama dhagayamtudha. Dhukkubbiin yeroo nyaata nyaatan, halkanii fi yeroo dugdaan ciisan kan namatti hammaatuudha.

Yeroo tokko tokko gubaan laphee nama kan qunnamuu fi mana yaalaa kan nama hin deemsifneedha. Namoonni hedduun gubaa laphee haala jireenya isaanii jijjiruudhaanii fi qoricha dukkaanaa ykn shaqaxaa bitachuudhaan ofumaan manatti of yaalu.
Mallattoo
---
* Dhukkubbii qomaa naannawa gara gadii kan nyaata booda ykn halkan namatti hammaatu
* Dhukkubbii yeroo dugdaan ciisan namatti hammaattu
* dhandhamni hadhaawaan ykn dhangaggaawaan afaan keeysatti namatti dhagahamuu
Maaltu namatti fida?
-----
* Nyaata barbaree qabu nyaachuu
* Shunkurtaa nyaachuu
* Wantoota akka loomii, burtukaana nyaachuu
* Nyaata humnaa ol yeroo tokkotti nyaachuu
* Nyaata faatii of keessaa qabu kan akka dhadhaa, zeyita, cooma ,kkf
* Dhugaatii Alkoolii, bunaa fi shaayii dhuguu
* Timaatima fa'i kkf warreen singiggoof nama saaxilaniidha
Manatti akkamitti of yaalla?
----
* Erga nyaata nyaannee booda dugdaan ciisuu dhabuu
* Yoo kan dugdaan ciistan ta'e mataa siree olkaasuu
* Dhuugaatii alkoolii irraa fagaachuu
* Buna fi shaayii xiqqeessuu
* Nyaata waa tiqqo nyaachuu- garaacha akka dalagaan irra hin baayyannee fi yeroo dheeraa hin hojjanneef
* Suuta nyaachuu
* Nyaata baayyinaan asiidii of keessa qaban dhiisuu fkn loomii, burtukaana fi timaatima
* Uffata baayye namatti maxxanu uffachuu dhabuu- kuniis nyaanni gaaracha keeysa jiru akka qoonqootti ol hin deebineef gargaara
* Akkuma nyaata nyaannen sochii qaamaa hojjachuu dhabuu
Nyaata duratti ykn nyaata booda sa'aa tokko taa'anii hojjachuu
Yeroo akkam mana yaala deemtu?
-----
* Gubaan laphee torbaanitti yeroo lamaa ol yoo isinirratti argame
* Mallattoon qoricha dukkaanaa bitattee osoo fayyadamtuu yoo si dhiisuu didde
* Waa liqimsuu yoo dadhabde
* Haqqisaa ykn olgugguruun yoo si rakkise
* Sababa fedhii nyaataa dhabuurraa kan ka'e

Address

Karramile
Addis Ababa
EEYE

Telephone

+251939186098

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Ahmee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Ahmee:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram