17/10/2025
laphee/singiggoo《heart burn》
****************************
Gubaa laphee jechuun yeroo dhukkubbiin laphee gara gadiitti nama dhagayamtudha. Dhukkubbiin yeroo nyaata nyaatan, halkanii fi yeroo dugdaan ciisan kan namatti hammaatuudha.
Yeroo tokko tokko gubaan laphee nama kan qunnamuu fi mana yaalaa kan nama hin deemsifneedha. Namoonni hedduun gubaa laphee haala jireenya isaanii jijjiruudhaanii fi qoricha dukkaanaa ykn shaqaxaa bitachuudhaan ofumaan manatti of yaalu.
Mallattoo
---
* Dhukkubbii qomaa naannawa gara gadii kan nyaata booda ykn halkan namatti hammaatu
* Dhukkubbii yeroo dugdaan ciisan namatti hammaattu
* dhandhamni hadhaawaan ykn dhangaggaawaan afaan keeysatti namatti dhagahamuu
Maaltu namatti fida?
-----
* Nyaata barbaree qabu nyaachuu
* Shunkurtaa nyaachuu
* Wantoota akka loomii, burtukaana nyaachuu
* Nyaata humnaa ol yeroo tokkotti nyaachuu
* Nyaata faatii of keessaa qabu kan akka dhadhaa, zeyita, cooma ,kkf
* Dhugaatii Alkoolii, bunaa fi shaayii dhuguu
* Timaatima fa'i kkf warreen singiggoof nama saaxilaniidha
Manatti akkamitti of yaalla?
----
* Erga nyaata nyaannee booda dugdaan ciisuu dhabuu
* Yoo kan dugdaan ciistan ta'e mataa siree olkaasuu
* Dhuugaatii alkoolii irraa fagaachuu
* Buna fi shaayii xiqqeessuu
* Nyaata waa tiqqo nyaachuu- garaacha akka dalagaan irra hin baayyannee fi yeroo dheeraa hin hojjanneef
* Suuta nyaachuu
* Nyaata baayyinaan asiidii of keessa qaban dhiisuu fkn loomii, burtukaana fi timaatima
* Uffata baayye namatti maxxanu uffachuu dhabuu- kuniis nyaanni gaaracha keeysa jiru akka qoonqootti ol hin deebineef gargaara
* Akkuma nyaata nyaannen sochii qaamaa hojjachuu dhabuu
Nyaata duratti ykn nyaata booda sa'aa tokko taa'anii hojjachuu
Yeroo akkam mana yaala deemtu?
-----
* Gubaan laphee torbaanitti yeroo lamaa ol yoo isinirratti argame
* Mallattoon qoricha dukkaanaa bitattee osoo fayyadamtuu yoo si dhiisuu didde
* Waa liqimsuu yoo dadhabde
* Haqqisaa ykn olgugguruun yoo si rakkise
* Sababa fedhii nyaataa dhabuurraa kan ka'e