Dr. Tesfaye Aga

Dr. Tesfaye Aga Provide health related educations and informations

18/10/2025

KAANSARIIN MAALI?

19/08/2025

62 likes, 2 comments. “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 ”

04/06/2025
❤️        💙           💚የጡት ካንሰር እውነታዎች:  በጥቂቱ✅ ለበሽታው የሚያጋልጡ ምክንያቶችን (risk factors) መናገር ይቻል ይሆናል; ነገር ግን የጡት ካንሰር 'በዚህ ም...
29/05/2025

❤️ 💙 💚
የጡት ካንሰር እውነታዎች: በጥቂቱ

✅ ለበሽታው የሚያጋልጡ ምክንያቶችን (risk factors) መናገር ይቻል ይሆናል; ነገር ግን የጡት ካንሰር 'በዚህ ምክንያት ነው የሚፈጠረው' የሚባልለት አንድ ወጥ የሆነ ምክንያት (cause) የለም::
🚺 አንዲት ሴት: ሴት በመሆኗ ብቻ በህይወት ዘመኗ በጡት ካንሰር የመያዝ እድሏ እስከ 12% ይደርሳል።
➡️ ይህ ማለት ከ8 ሴቶች አንዷ ላይ ይከሰታል ማለት ነው።
➡️ ከቤተሰቧ (አባት, እናት, ወንድም, እህት, ልጆች) ውስጥ ከዚህ በፊት የጡት ካንሰር ታሞ የሚያውቅ ሰው ካለ ደግሞ ይሄ እድል በሶስት እጥፍ ይጨምራል።

✅ የጡት ካንሰር በአብዛኛው የሚያጠቃው እድሜያቸው የገፋ (ከ50 በላይ) ሴቶችን ቢሆንም በማንኛው የእድሜ ክልል ውሰጥ ያለች ሴት ልትታመም ትችላለች።

✅ ከ 5-10% የሚሆኑት የጡት ካንሰሮች በዘረመል መዛባት የሚመጡ ናቸው።

✅ ከ10 የጡት ካንሰር ታማሚዎች 7ቱ ምንም ዓይነት አጋላጭ ምክንያቶች የላቸውም።

✅ በጡት ካንሰር ከሚያዙ 100 ሰዎች ውሰጥ አንዱ ወንድ ነው።

✅ አንድ ብቻውን በቂ የሆነ የጡት ካንሰር ህክምና ዘዴ የለም; ይልቁንስ በበቂ ለማከም ከተፈለገ የተለያዩ የህክምና ዘዴዎችን እና ቅደም ተከተሎችን በደንብ መረዳት ይጠይቃል።

✅ የጡት ካንሰር በጊዜ ከተደረሰበት (ደረጃ 1, ደረጃ 2) ሊድን ይችላል።
💚 💙 ❤️

KAANSARII HARMAA DHIIROTAAWANTOOTA BEEKUU QABDAN:-1. MAALI?  Kaansarii tishuu harmaa dhiirotaa keessatti uumamu dha: Yer...
03/04/2025

KAANSARII HARMAA DHIIROTAA

WANTOOTA BEEKUU QABDAN:-

1. MAALI?
Kaansarii tishuu harmaa dhiirotaa keessatti uumamu dha: Yeroo baay’ee mul'achuu baatus, uumamuu ni danda'a. Namoota kaansarii harmaan qabaman keessaa 1% dhiirota

2. WANTOOTA NAMA SAAXILAN:
- Umuriin dabaluu
- Seenaa maatii kaansarii harmaa (dhiira ykn dubartii)
- Qaama keessatti hormooniin istiroojinii dabaluu (furdinni qaamaa dabaluu, dhukkuba tiruu yeroo dheeraa ture, ykn wal’aansa hormoonii)
- Raadiyaashinii (Cararii) lapheedhaaf saaxilamuu
- Jijjiirama jeneetiksii murtaa’e (kanneen akka BRCA-1/BRCA-2) qabaachuu

3. MALLATTOOWWAN DHUKKUBICHAA:
- Dhiitoo ykn furdina harmaa dhukkubbii hin qabne
- Jijjiirama fiixee harmaa (keessatti garagaluu, diimachuu, ququnca’uu, ykn dhangala’aa qabaachuu)
- Jijjiirama gogaa harmaa (dhiita’uu: halluun gogaa jijjiiramuu: suntuurrachuu),
-Dhiitoo bobaa jalaa

4. QORANNOO: Kaansariin jiraachuu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan akka qorannoo qaamaa, maamogiraamii, altiraasaawundii fi baayoopsii barbaachisuu danda'u.

5. YAALA:
- Baqaqsanii yaaluu (harma baasuu: Mastectomy),
- Yaala raadiyeeshinii
- Yaala Keemooteeraapii
- Yaala hormoonii (tamoxifen), fi kanneen biroo barbaachisuu danda'a.
Akaakuu fi duraa duubni yaalawwan kanneenii amalaafi sadarkaa kaansarii nama dhuunfaa sanaa irratti hundaa'uun namaa namatti garaa garadha.

5. BARBAACHISUMMAA DURSANII ADDA BAASUU:

Hubannoon dhiironni kaansarii harmaa irratti gad-aanaadha. Sababa kanaaf yeroo baay'ee sadarkaa fayyuu hin dandeenyerra erga gahee barama.
Kanaafuu jijjiirama harmaa kammiyyuu yoo ofirratti argitan hatattamaan ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.

DR. TASFAAYEE AAGAA
Sab-Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu Harmaa fi Indookiraayinii

https://www.tiktok.com/.aga?_t=ZM-8tMC9J2moJZ&_r=1''Tiktok'' dhaan na hordofuu fi barumsa argachuuf yoo barbaaddan 'page...
25/01/2025

https://www.tiktok.com/.aga?_t=ZM-8tMC9J2moJZ&_r=1

''Tiktok'' dhaan na hordofuu fi barumsa argachuuf yoo barbaaddan 'page kiyya hordofaa
Galatoomaa

.aga 2397 Followers, 4098 Following, 2015 Likes - Watch awesome short videos created by Dr. Tesfaye Aga Dinagde

🔴Waa'ee baqaqsanii yaaluu Xannacha Taayirooyidii: Kutaa 1ffaa☑️Xannachi taayirooyidii maali?🔹Xannachi taayirooyidii qaam...
19/12/2024

🔴Waa'ee baqaqsanii yaaluu Xannacha Taayirooyidii: Kutaa 1ffaa

☑️Xannachi taayirooyidii maali?

🔹Xannachi taayirooyidii qaama boca billaachaa qabuu fi qoonqoo gaditti kan argamu yoo ta’u, morma gara fuulduraatti argama.

☑️Hojii Xannacha Taayirooyidii (Faayidaa):

🔹Xannachi Taayirooyidii hormoonota meetaabolizimii, sadarkaa anniisaa fi hojiiwwan qaamaa biroo hedduu to’atan ni uuma.

☑️Baqaqsanii yaaluun taayirooyidii maaliif barbaachisa?

🔹Baqaqsanii yaaluun taayirooyidii sababoota hedduudhaaf barbaachisaa ta’uu danda’a, isaanis:

•Gu'oo (Goiter): Guddina xannacha taayirooyidii. Haa ta'u malee, gu'oon hundi yaala hin barbaadu

• Dhiitoo taayirooyidii: xannacha taayirooyidii keessatti gosa adda addaa kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa tokko tokko kaansarii ta’uu danda’u.

• Kaansarii taayirooyidii: Ujummoon taayirooyidii hundi ykn gartokkoon isaa baqaqsanii hodhuudhaan baasuun barbaachisaa ta’uu danda’a.

• Haayipertaayirooyidiizim: Yeroo xannachi taayirooyidii hormoonii baay’ee oomishu dha. Mallattoowwan dhukkuba kanaa: Dadhabbii, ho’a qaamaa, dafqisiisuu, dha’annaan onnee baaay'ee saffisuu ulfaatina qaamaa hir’isuu fi jeeqamuu sammuu fiduu danda'a.

የብዙ ሰዎች ጥያቄ ነው: ካንሰርን መከላከል ይቻላል?➡️ እ.ኤ.አ. በ 2022 ወደ 20 ሚሊዮን የሚገመቱ አዲስ ካንሰር ታማሚዎች እና ወደ 10 ሚሊዮን የሚጠጉ ሰዎች በካንሰር ምክንያት ሞተዋ...
21/11/2024

የብዙ ሰዎች ጥያቄ ነው: ካንሰርን መከላከል ይቻላል?

➡️ እ.ኤ.አ. በ 2022 ወደ 20 ሚሊዮን የሚገመቱ አዲስ ካንሰር ታማሚዎች እና ወደ 10 ሚሊዮን የሚጠጉ ሰዎች በካንሰር ምክንያት ሞተዋል ተብሎ ይገመታል ።
➡️ ካንሰር በአሁኑ ጊዜ በዓለም አቀፍ ደረጃ ለሞት በመዳርግ ሁለተኛ ደረጃ ነው።
➡️ ይህም በ2040 የአለም አቀፍ የካንሰር ስርጭት እና የሟቾች ቁጥር በ40 በመቶ እንደሚያድግ ይጠበቃል።

➡️ እስከ ግማሽ ያህሉን የካንሰር በሽታዎች መከላከል ይቻላል፣ ይህም የካንሰርን መከላከያ እርምጃዎች በመተግበር የካንሰርን ሞት መቀነስ ይቻላል።

የካንሰር መንስኤዎች:

➡️ የካንሰር አደጋ መንስኤ ማለት:አንድን ሰው በካንሰር የመያዝ እድልን የሚጨምር ማንኛውም ነገር ነው። የካንሰር መንስኤዎች የሚባሉት እንደ ማጨስ፣ አልኮል መጠጣት እና የተመጣጠነ ምግብ እጥረት፣ ከመጠን በላይ የሆነ ውፍረት: እንዲሁም የጄኔቲክ እና የአካባቢ ሁኔታዎችን የመሳሰሉ የአኗኗር ዘይቤዎችን ሊያካትቱ ይችላሉ።

የመጀመሪያ ደረጃ የካንሰር መከላከያ እርምጃዎች:
☑️ ለካንሰር መንስኤዎች ተጋላጭነትን በመቀነስ የካንሰርን መከሰት የሚገቱ እርምጃዎችን ያጠቃልላል።
▶️ ለምሳሌ የትምባሆ ጭስ ፣ አልኮል ፣ ጨረሮች ፣ እና ከመጠን በላይ ውፍረት እና ሌሎች በባህሪ ወይም በፖሊሲ ለውጦች ሊሻሻሉ የሚችሉ ተግባራት ናቸው።

የሁለተኛ ደረጃ የካንሰር መከላከያ እርምጃዎች:
እነዚህ ደግሞ ካንሰርን ቀድመው ከመለየት እና ከመባባስ ከማስቆም ጋር ይዛመዳሉ። በእድገቱ መጀመሪያ ላይ ካንሰርን መለየት እና ማከም የሚያስችሉ የማጣሪያ ምርመራዎችን (ቅድመ ምርመራ -Screening) ያጠቃልላል።

▶️ ውጤታማ ሁሉን አቀፍ የሆኑ ቅድመ ምርመራዎች ለጥቂት ካንሰሮች (የጡት፣ የማህፀን በር፣ የሳንባ እና የአንጀት ካንሰር) ብቻ ይደረጋሉ።
▶️ እነዚህ ከላይ የተጠቀሱትን የመጀመሪያ ደረጃ እና ሁለተኛ ደረጃ (ቅድመ ምርመራ)የካንሰር መከላከያ እርምጃዎች የካንሰርን ሸክም ከአንድ ሦስተኛ እስከ 50 በመቶ የሚቀንሱ ሲሆኑ:እንደ ሀገርም ወጪ ቆጣቢ ናቸው።
➡️ ይህንን በመገንዘብ የዓለም ጤና ድርጅት “ሀገራዊ ፖሊሲዎች እና መርሃ ግብሮች ግንዛቤን ለማስጨበጥ፣ ለካንሰር አጋላጭ ሁኔታዎች ተጋላጭነትን ለመቀነስ እና ሰዎች ጤናማ የአኗኗር ዘይቤን እንዲከተሉ የሚያስፈልጋቸውን መረጃና ድጋፍ እንዲያገኙ ማድረግ" የሚል ሃሳብ ያቀርባል።

❓እኛስ - እንደ ግለሰብ:እንደ ቤተሰብ :እንደ ማኅበረሰብ: እንደ ሀገር ምን እያደረግን ነው?

Gaaffii namoota hedduuti: Kaansarii ofirraa ittisuun ni danda'amaa? ▶️ A.L.A bara 2022tti, waggaa tokkotti qofa,  dhukku...
21/11/2024

Gaaffii namoota hedduuti: Kaansarii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?

▶️ A.L.A bara 2022tti, waggaa tokkotti qofa, dhukkubsattoonni kaansarii haaraan tilmaamaan miliyoona 20 fi du’aatiin kaansariin walqabatee uumamu tilmaamaan miliyoona 10 akka ta’u ragaan ni mul'isa.

▶️ Yeroo ammaa kana dhukkubni kaansarii addunyaa irratti sababoota du'aaf nama saaxilan keessaa sadarkaa lammaffaa irratti argama.

▶️ Bara 2040tti tatamsa’inni kaansarii addunyaa fi lakkoofsi namoota du’anii harka 40n akka dabalu ni eegama.

▶️ Kaansariiwwan hunda keessaa harka walakkaa kan ta'an ittifamuu kan danda’an yoo ta’an, tarkaanfiiwwan ittisa kaansarii hojiirra oolchuudhaan du’a kaansarii hir’isuun ni danda’ama.

Sababoota Kaansarii:

➡️ Sababa dhukkuba kaansarii jechuun wantoota namni tokko carraa kaansariin qabamuu isaa dabalan kamiyyuu kan qabatudha. Sababoonni kaansarii sababoota akkaataa jireenyaa kanneen akka tamboo xuuxuu, alkoolii dhuguu fi nyaata madaalamaa hin taane, furdina garmalee, akkasumas sababoota jeneetikii fi naannoo dabalatee ta’uu danda’u.

Tarkaanfiiwwan ittisa kaansarii jalqabaa:

➡️ Tarkaanfiiwwan kaansariin akka hin uumamne ittisanii fi saaxilaman kanneen kaansarii uumuu danda’aniif hir’isuun fudhataman of keessatti qabata.

➡️ Fakkeenyonni aarri tamboo, alkoolii, raadiyaashiniin, fi furdina garmalee, fi kanneen biroo, kanneen jijjiirama amala ykn imaammataatiin fooyya’uu danda’an.

Isaanis wantoota akkaataa jireenyaa kan akka haalawwanii of keessatti qabachuu danda’u.

Tarkaanfiiwwan ittisa kaansarii jalqabaa:

➡️ Tarkaanfiiwwan sababoota kaansariif saaxilan hir'isuun kaansariin akka hin uumamne ittisuuf fudhataman kan hammatudha.

➡️ Fakkeenyonni aarri tamboo, alkoolii, raadiyeeshiniin, fi furdina garmalee, fi kanneen biroo, kanneen jijjiirama amalaa ykn imaammataatiin fooyya’uu danda’an.

Tarkaanfiiwwan Ittisa Kaansarii Sadarkaa Lammaffaa:

➡️ Isaan kun kaansarii dafanii adda baasuu fi akka hin guddanne dhaabuu wajjin walqabata. Qorannoowwan kaansarii jalqaba guddina isaa irratti adda baasuu fi yaaluu danda'an of keessatti qabata.

➡️ Qorannoon uummata bal’aaf godhamuu fi bu’a qabeessa ta’e kan raawwatamu gosoota kaansarii muraasa (harmaa, gadameessaa, sombaa fi garaachaa) ta'an qofaaf.

➡️ Tarkaanfiiwwan ittisa kaansarii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa (qorannoo duraa) armaan olitti ibsaman kun dhibee kaansarii harka sadii keessaa tokko hanga dhibbeentaa 50 hir’isuu danda'u; akka biyyaattis baasii dhukkuboota kana yaaluuf bahu harka guddaadhaan hir'isa.

➡️ Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas kana hubachuun, "imaammataa fi sagantaalee biyyoolessaa hubannoo uumuu, sababoota balaa kaansariif saaxilan hir'isuu, akkasumas namootaaf odeeffannoo fi deeggarsa jireenya fayya-qabeessa fudhachuuf isaan barbaachisu kennuu" gorsa.

❓Maarree nutihoo? Akka nama dhuunfaatti, akka maatiitti, akka hawaasaatti, akka biyyaatti maal hojjechaa jirra laata?

Semptember የታይሮይድ (እንቅርት) ካንሰር  ግንዛቤ ማስጨበጫ ወር ነው።የታይሮይድ(እንቅርት)ካንሰር ምልክቶች ምን ምን  ናቸው ?👉  የአንገት ላይ እብጠት /የእንቅርት  ማደግ ወይም  ...
05/09/2024

Semptember የታይሮይድ (እንቅርት) ካንሰር ግንዛቤ ማስጨበጫ ወር ነው።

የታይሮይድ(እንቅርት)ካንሰር ምልክቶች ምን ምን ናቸው ?
👉 የአንገት ላይ እብጠት /የእንቅርት ማደግ ወይም እጢ ዋነኛው ምልክት ሲሆን :
በሽታው ስር ሰዶ አካባቢው ላይ ያሉ አካላትን በሚይዝበት ጊዜ:
👉 የድምጽ መቀየር
👉 ምግብ ለመዋጥ መቸገር
👉 ለመተንፈስ መቸገር
👉 የአንገት ህመም ሊያስከትል ይችላል።

እነዚህን ምልክቶች ካስተዋሉ ባፋጣኝ ይመርምሩ

#ዶ/ር ተስፋዬ አጋ

Address

Addis Ababa

Telephone

+251988929972

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Tesfaye Aga posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Tesfaye Aga:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category