22/09/2025
๐โ๐๐๐ฉ๐จ-๐๐ซ๐จ๐ฏ๐๐ซ๐ ๐๐๐ง๐ญ๐ข ๐ฃ๐๐๐ก๐๐ฆ๐ฎ ๐ฆ๐๐๐ฅ๐ข?โ
***Depo-Provera malawwan to'annoo da'umsaa yeroo dheeraaf hojjetan keessaa isa tokko yoo ta'u, mijannaa fi bu'a qabeessummaa isaatiin kan jaallatamudha. Innis qoricha progestin jedhamu kan hormoonii ovulation dhorku, Mukasii afaan gadameessaa furdisuu, fi uwwisa gadameessaa qallisuun Ulfi akka hin uumamne godhuudha. Ji'a 3tti al tokko (torban 12) kan kennamu yoo ta'u, dubartootarraa rakkoo kiniinii guyyaa guyyaan fudhachuu ykn bakka businsa yeroo baayyee kan akka patch ykn ringii yaadachuun osoo hin barbaachisin eegumsa amanamaa ta'e kan kennuudha.
๐ Faayidaa fi Miidhaa Isaa
***Dubartoonni hedduun Depo-Provera kan filatan buโa qabeessummaan isaa olaanaa ta'uu isaati. Yeroo sirritti itti fayyadamnaan %99 ol ulfa kan ittisuu fi salphaa taโuu isaa irraa kan kaโe filannoo dubartoota hedduuti. Yeroo baayyee marsaa laguu akka salphatu kan godhu yoo ta'u, dubartoota tokko tokko irratti immoo laguun guutummaatti akka dhaabbatu taasisa, kunis immoo faayidaa dabalataa isaati. Haa ta'u malee, fayyadamtoonni tokko tokko keessumaa ji'oota jalqabaa keessatti miidhaa cinaa kan akka ulfaatina qaamaa dabaluu, mataa dhukkubbii ykn dhiigni yeroo malee dhangala'uu isaan mudachuu danda'a. Sababoonni kunniin jiraatanis, yeroo dheeraaf kan hojjetu ta'uun isaa dubartoota filannoo ulfa ittisuu dhiphina irraa bilisa ta'e barbaadan biratti jaallatamaa isa taasisa.
๐Erga adda kunnee booda hoo yeroo hangamiif osoo hin ulfaan nu tursiisa?
***Depo-Provera wanti adda ta'e tokko bu'aan isaa lilmoo dhumaa bira darbee turuu isaati. Erga dhaabbatee booda dhala dhabuun battalumatti hin deebiโu. Dubartoonni tokko tokko dafanii ulfaaโuu kan dandaโan taโus, kaan immoo hanga jiโa 18 itti fudhachuu danda'a, giddu galeessaan immoo ovulation idilee deebiโee ulfaa'uuf jiโoota 9 hanga 12 itti fudhachuu dandaโa. Harkifachuun kun dhala dhabuu dhaabbataa fida jechuu miti, innis hanga hormooniin sun guutummaatti qaama keessaa baโuuf yeroo hammamii akka fudhatuudha. Dubartoota yeroo dhiyootti ulfaa'uu karoorfataniif garuu, Depo-Provera filachuu keessaniin dura kana ilaalcha keessa galchuun baay'ee barbaachisaadha.
Dr. Afiya Tube
'aa