Dr. AbaderO

Dr. AbaderO ||โ„‚๐• ๐•ž๐•ž๐•ฆ๐•Ÿ๐•š๐•ฅ๐•ช โ„™๐•™๐•ช๐•ค๐•š๐•”๐•š๐•’๐•Ÿ'๐•ค||

๐„๐ฆ๐ฉ๐จ๐ฐ๐ž๐ซ๐ข๐ง๐  ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ž๐ฌ ๐ญ๐ก๐ซ๐จ๐ฎ๐ ๐ก
K๐ง๐จ๐ฐ๐ฅ๐ž๐๐ ๐ž, ๐ฉ๐ซ๐ž๐ฏ๐ž๐ง๐ญ๐ข๐จ๐ง & ๐œ๐š๐ซ๐ž ๐›๐ฒ
๐“๐ซ๐ฎ๐ฌ๐ญ๐ž๐ ๐ก๐ž๐š๐ฅ๐ญ๐ก ๐ญ๐ข๐ฉ๐ฌ & ๐€๐ฐ๐š๐ซ๐ž๐ง๐ž๐ฌ๐ฌ
(1)

Dr.(AFIYAS TUBE): ๐ข๐ฌ ๐๐ž๐๐ข๐œ๐š๐ญ๐ž๐ ๐ญ๐จ ๐š๐๐ฏ๐š๐ง๐œ๐ข๐ง๐  ๐ฆ๐ž๐๐ข๐œ๐š๐ฅ ๐ž๐๐ฎ๐œ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง. ๐„๐ฑ๐ฉ๐ฅ๐จ๐ซ๐ž ๐œ๐š๐ฌ๐ž-๐›๐š๐ฌ๐ž๐ ๐ฅ๐ž๐š๐ซ๐ง๐ข๐ง๐  ๐ข๐ง ๐ˆ๐ง๐ญ๐ž๐ซ๐ง๐š๐ฅ ๐Œ๐ž๐๐ข๐œ๐ข๐ง๐ž, ๐’๐ฎ๐ซ๐ ๐ž๐ซ๐ฒ, ๐†๐ฒ๐ง๐ž๐œ๐จ๐ฅ๐จ๐ ๐ฒ & ๐Ž๐›๐ฌ๐ญ๐ž๐ญ๐ซ๐ข๐œ๐ฌ, ๐๐ž๐๐ข๐š๐ญ๐ซ๐ข๐œ๐ฌ, ๐๐ฌ๐ฒ๐œ๐ก๐ข๐š๐ญ๐ซ๐ฒ, ๐š๐ง๐ ๐ก๐ž๐š๐ฅ๐ญ๐ก๐œ๐š๐ซ๐ž ๐ญ๐จ๐ฉ๐ข๐œ๐ฌ ๐ญ๐จ ๐ฌ๐ก๐š๐ซ๐ฉ๐ž๐ง ๐ฒ๐จ๐ฎ๐ซ ๐œ๐ฅ๐ข๐ง๐ข๐œ๐š๐ฅ ๐ฌ๐ค๐ข๐ฅ๐ฅ๐ฌ. ๐’๐ฎ๐›๐ฌ๐œ๐ซ๐ข๐›๐ž ๐š๐ง๐ ๐‹๐ž๐š๐ซ๐ง ๐ญ๐จ ๐ฌ๐š๐ฏ๐ž ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ž๐ฌโœ๏ธ

Namoonni hanga hirriibni biraa isin fudhatutti silkii fayyadamtan video kun isiniifii itti dhiyaadhaa.
22/01/2026

Namoonni hanga hirriibni biraa isin fudhatutti silkii fayyadamtan video kun isiniifii itti dhiyaadhaa.

Check out ๐Ÿ’ฅโ๐ƒ๐ซ. ๐€๐›๐š๐๐ž๐ซ_๐Žโž๐Ÿซ€โ€™s video.

Walqunnamtii saalaa booda fincaanuun faayidaawwan akkamii qaba?    ใ‚š       ***Yeroo wal-quunnamtii saalaa baakteeriyaan ...
22/01/2026

Walqunnamtii saalaa booda fincaanuun faayidaawwan akkamii qaba? ใ‚š

***Yeroo wal-quunnamtii saalaa baakteeriyaan naannoo qaama saalaa, gogaa ykn naannoo qaama bobbaa irraa gara ujummmoo fincaanitti seenuu danda'a. Erga wal-quunnamtii saalaa raawwatanii booda daqiiqaa 15-30 keessatti fincaanuun immoo baakteeriyaa kanneen dhiqee gara alaatti baasuun infekshiinii ujummmoo fincaanii fi qaamota wal hormaataa baay'ee nurraa hambisuu danda'a.

***Keessattuu shamarran uumamaan ujummoon fincaanii isaanii kan dhiirotaa caala baay'ee gabaabaa waan ta'eef baakteeriyaan salphumatti afuuffee fincaanii gahuu danda'a. Kanaaf irra caalatti shamarraniif baay'ee gorfama.

***Hubachiisa: Walqunnamtii saalaa booda fincaanun infekshiinii ujummoo fincaanii xiqqeessuu danda'a malee, ulfa ykn dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban hin ittisu, kanaafuu maloota ittisa biroo fayyadamuun dirqama.

22/01/2026

ใ‚š

20/01/2026

ใ‚š

20/01/2026

ใ‚š

Faayidawwan wal-quunnamtiin saalaa fayyaa dubartootaaf qabu maal fa'i?      ใ‚š    1. Walqunnamtiin saalaa hormoonota akka...
19/01/2026

Faayidawwan wal-quunnamtiin saalaa fayyaa dubartootaaf qabu maal fa'i? ใ‚š

1. Walqunnamtiin saalaa hormoonota akka Estiroojinii, Piroojestiroonii fi Oksitoosiinii akka maddan taasisuun, fayyaa fi qulqullina qaama saalaa, tasgabbii miiraa fi hirriiba gaarii, jaalalaa fi walitti dhufeenya cimaa akka qabaatanii fi akkasumas jijjiirama miiraa (mood swings) akka too'attan gochuun nageenya keessoo isaaniif kenna.

2. Wal-quunnamtii saalaa ammaa amma raawwachuun: Dhiigni gara qaama saalaa sirritti akka yaa'u taasisa, jiidhinni uumamaa (lubrication ) qaama saalaa akka dabalu taasisa, maashaaleen naannoo gadaamessaa akka ciman godha akkasumas immoo carraa qaamni saalaa umrii wajjin wal qabatee goguu kan "vaginal atrophy" jedhamu ni hir'isa.

3. Yeroo wal-quunnamtii saalaa keessattuu yeroo fedhii fiixee irra gahu maashaaleen naannoo qaama saalaa bifa rhythm ta'een ni kottoonfatu, kunis rakkoo fincaan qabachuu dadhabuu (Urinary incontinence) ni hir'isa, akkasumas immoo dahuumsa booda qaamni ishee dafee bakka duraatti akka deebi'u godha.

4. Yeroo wal-quunnamtii saalaa sammuun keemikaalonni akka Endorphin, serotonin fi Dopamine akka burqan gochuun yaaddoo fi dhiphinni namarraa hir'isa, ofitti amanamummaa namaas dabala akkasumas immoo depressioniif dawaa ta'a.

5. Walqunnamtiin saalaa akka painkiller uumamaatti waan tajaajiluuf dhukkubbii yeroo marsaa laguu, bowwoo mataa fi dhukkubbii dugdaa ni hir'isa. Akkasumas immoo faayidaalee biroo kanneen akka fayyaa onnee eeguu, dhiibbaa dhiigaa to'achuu, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu dabaluu, bareedinna gogaa fi rakkoo yeroo malee dulloomuu faa isinirraa ni hambisa.

***Artist   biyyoo itti haa salphattu, maatii fi firoottan hundaafis Rabbi jajjabina haa kennu jechaa; dhukkubni inni ak...
17/01/2026

***Artist biyyoo itti haa salphattu, maatii fi firoottan hundaafis Rabbi jajjabina haa kennu jechaa; dhukkubni inni akka isa dhukkubu karaa ebs ibsuuf yaale kan "Fatty liver ykn Cooma Tiruu jedhamu maali? ใ‚š

***Tiruun keenya uumamaan wantoota summaa'oo qaama keessaa balleessuu fi coomaa fi zeeyta bulleessuun beekkamti akkasumas immoo uumamaan dandeettii cooma hanga 5% of-keessatti qabachuu qabdi. Garuu gaafa hammi cooma isii keessatti kuufame ulfaatinnaa isii waliigalaa keessaa harka 5%-10% ol ta'u, seelonni Tiruu baay'een coomaan waan ukkaamfamaniif tiruun keenya dadhabaa dadhabaa dhufti. Yeroo kana namni tokko fatty liver ykn Cooma tiruu qabaa jenna.

Innis wantoota cooma tiruu fidan irratti hundaa'uun bakka lamatti qoodama.

1. Alcoholic Fatty liver Disease kan jedhamu yemmuu ta'u, kan dhufus dhugaatii Alkoolii garmalee dhuguu irraa kan ka'eedha. Akkaatan itti uumamus Alkooliin seelota Tiruu waan miidhuuf, Tiruun keenya cooma ofirraa baasuu ykn bulleessuu dadhabaa dhufti. Ergasii coomnis kuufamaa deemuun hamma isiin dandeettuu ol itti ta'a.

2. Inni 2ffaan immoo Non-alcoholic Fatty Liver Disease kan jedhamuu fi baay'innaan namoota alkoolii hin dhugne ykn xiqqo xiqqo dhugan irratti kan muldhatu yemmuu ta'u, yeroo baay'ee furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa fi rakkoolee metabooliziimii biroo wajjin wal qabatee rakkoo dhufuudha.

A. Maaltu namatti fida isa jedhuuf immoo

1. Furdina garmalee keessattuu kan naannoo garaa "Belly fat" isa jedhamu.
2. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa
3. Kolestirooliin "Low Density Lipoprotein" jedhamu dhiiga keessatti baay'achuu.
4. Nyaata zeeytaa fi sukkaarri itti baay'ate yeroo dheeraaf soorachuu fi
5. Alkoolii yeroo dheeraaf humnaa ol dhuguun sababoota ijoo ta'aniidha.

B. Mallattooleen isaa hoo maal fa'i?

Sadarkaa jalqabaa irratti dhukkubni kun mallattoo homaatuu kan hin agarsiifne yemmuu ta'u, namoonni baay'een dhukkuba kana qabaachuu kan beekan yeroo dhibee biraaf qorannoo dhiigaa ykn ultrasound godhaniidha.

Erga hammaataa dhufee immoo mallattooleen muldhachuu danda'an kanneen akka:

1. Dadhabbiin cimaan namatti dhagahamuu
2. Dhukkubbiin garaa cinaa mirgaa gara olitti namatti dhagahamuu
3. Ulfaatinni qaamaa sababa malee hir'achuu fi

Sadarkaan dhukkubichaa gara Cirrhosis tti kan ce'e yoo ta'e immoo mallattoolee kanneen akka:

1. Ijaa fi gogaan keelloo ta'uu (Jaundice)
2. Garaan dhiita'uu (Ascites) fi
3. Fincaan bifa bunaa ykn gurraacha qabaachuu fa'a.

C. Sadarkaalee dhukkubichaa

1. Simple fatty liver: Coomni qofti kan irratti argamuu fi Tiruun kan hin madaa'in yoo ta'e.
2. Steatohepatitis: Coomni sun Tiruu irratti "Inflammation" (Madaa'uu ykn dhiita'uu) kan fide yoo ta'e.
3. Fibrosis: Tiruun sun gaafa fayyuuf jedhu "Scar tissue ykn gadaanessa" wajjin kan fayye yoo ta'e.
4. Cirrhosis: kun immoo sadarkaa dhumaa dhukkubichaa yeroo ta'u, gaafa Tiruun guutumaan guututti miidhamtee hojii dhaabdu kan uumamuudha. Innis yaaliu cimaa ykn jijjiirraa Tiruu (Liver transplant) kan barbaaduudha.

D. Furmaataa fi Ittisa Isaa

Oduun gammachiisaan sadarkaa jalqabaa irratti Tiruun ofumaan of suphuu dandeessi waan ta'eef, wantoonni nuti gochuu qabnu:

1. Ulfaatinna qaamaa hir'isuu: kun dawaa ijoo fi isa jalqabaa yemmuu ta'u ulfaatina qaamaa paarsentii 10 (10%) gadi hir'isuun guutumatti cooma tiruu irraa balleessuu danda'a.

2. Soorata sukkaarri fi zeeyti itti baay'ate soorachuu dhiisuu, fuduraa fi muduraa baay'isanii soorachuu fi zeeyta qulqulluu akka Olive oil ykn Avocado faa fayyadamuu.

3. Sochii qaamaa yoo xiqqaate guyyaatti daqiiqaa 30f torbaanitti immoo guyyaa 5f gochuu.

4. Yoo dhibicha qabaatte alkoolii dhuguun ibidda irratti beenzila dabaluu waan ta'eef gonkumaa dhuguu dhaabaa.

Walumaa galatti dhibeen kun dhukkuba suuta suuta nama ajeessu ta'us, haala jireenya ofii (Lifestyle) sirreessuun guutumaan guututti fayyuun ni danda'ama. Mana yaalaa deemunis Liver Function Test hojjachiifachuun ykn Ultrasound laallamuun sadarkaa dhukkubichi irra jiru beekuunis baay'ee gaariidha.

16/01/2026

Cold Induced diuresis ใ‚š

Yeroo Qorraa fincaan maaliif akka sitti baay'atu yaaddee beeytaa?      ใ‚š     Taateen kun taatee physiology uumamaa "Cold...
16/01/2026

Yeroo Qorraa fincaan maaliif akka sitti baay'atu yaaddee beeytaa? ใ‚š

Taateen kun taatee physiology uumamaa "Cold induced diuresis" jedhamu yemmuu ta'u, taatee qaamni kee madaallii fayyaa kee eeguuf godhuudha.

Yeroo Qorraa wanti jalqaba qaamni kee godhu hoo'i guutumatti qaama kee keessaa bahee rakkoo fayyaa biroo akka sitti hin finne eeguudha. Kanaafis immoo ujummmoolee dhiigaa karaa gogaa, harkaa, miilaa fi gara alaatti argaman hunduu akka kottoonfatan (Vasoconstriction ) godha.

Erga ujummmooleen kunneen kottoonfatanii booda immoo dhiigni guutumatti gara orgaanota gurguddoo keessoo kanneen akka Onnee, Sombaa fi Kalee irratti deebi'a. Kunis dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa. Kaleen kees dhiibbaan dhiigaa dabaluu yeroo hubattu, akka waan dhangala'aan qaama keessatti baay'ateetti lakkoofti.

Dhiibbaa dhiigaa ol ka'e kana sirreessuufis, hormoonii dhangala'aan qaama keessa tursiisuuf gargaaru kan ADH(Anti-Diuretic Hormone) jedhamu oomishni isaa akka hir'atu gooti. Akkuma hormooniin kun hir'ateenis bishaan dhiiga keessa jiru calaluun gara fincaanitti akka jijjiiramu gooti. Adeemsi kunis dhiibbaa dhiigaa sirreessuun fincaan akka sitti baay'atu godha.

Kan biraa immoo qaamni kee dhangala'aa parsantii 90% ol karaa dafqaatiin baasa. Yeroo Qorraa garuu dafqi waan hin jirreef dhanga'aan kun hundi karaa fincaanitiin baha.

Baay'ee nama gaddisiisa๐Ÿ’”๐Ÿ˜ฅ Biyyoon itti haa salphattu๐Ÿ™
16/01/2026

Baay'ee nama gaddisiisa๐Ÿ’”๐Ÿ˜ฅ Biyyoon itti haa salphattu๐Ÿ™

แ‰ฐแ‹ˆแ‹ณแŒ แ‹จแŠชแАแŒฅแ‰ แ‰ฅ แ‰ฃแˆˆแˆ™แ‹ซ แАแŒปแАแ‰ต แ‹ˆแˆญแ‰…แАแˆ… แŠจแ‹šแˆ… แ‹“แˆˆแˆ แ‰ แˆžแ‰ต แ‰ฐแˆˆแ‹จ แข

แ‰ แ‰ดแˆŒแ‰ชแ‹ฅแŠ• แ•แˆฎแŒแˆซแˆ แŠ แ‰…แˆซแ‰ขแАแ‰ตแฃ แ‰ แ‰ฐแ‹‹แŠ“แ‹ญแАแ‰ตแŠ“ แ‰ แˆŒแˆŽแ‰ฝ แ‹จแŒฅแ‰ แ‰ฅ แˆตแˆซแ‹Žแ‰ฝ แ‹แˆตแŒฅ แˆตแˆ˜แŒฅแˆญ แŠฅแŠ“ แ‰ฐแ‹ˆแ‹ณแŒ… แŠจแˆ†แŠ‘ แ‹จแŒฅแ‰ แ‰ฅ แˆฐแ‹Žแ‰ฝ แŠ แŠ•แ‹ฑ แ‹จแˆ†แАแ‹ แАแŒปแАแ‰ต แ‹ˆแˆญแ‰…แАแˆ… แ‰ฃแ‹ฐแˆจแ‰ แ‰ต แˆ…แˆ˜แˆ แ‰ แ‹ตแŠ•แŒˆแ‰ต แŠจแ‹šแˆ… แ‹“แˆˆแˆ แ‰ฐแˆˆแ‹ญแ‰ทแˆแกแก
แˆˆแ‰ แˆญแŠซแ‰ณ แ‹“แˆ˜แ‰ณแ‰ต แ‰ แŠขแ‰ขแŠคแˆต แ‰ดแˆŒแ‰ชแ‹ฅแŠ• แ‹จแˆšแ‰ฐแˆ‹แˆˆแˆแ‹ แ‹จแ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฅ แŒจแ‹‹แ‰ณ แ•แˆฎแŒแˆซแˆ แŠ แ‹˜แŒ‹แŒ…แŠ“ แŠ แ‰…แˆซแ‰ข แ‹จแˆ†แАแ‹ แАแŒปแАแ‰ต แ‹ˆแˆญแ‰…แАแˆ… แ‰ฃแˆˆแ‰ตแ‹ณแˆญแŠ“ แ‹จ3 แˆแŒ†แ‰ฝ แŠ แ‰ฃแ‰ต แАแ‰ แˆญแข

แ‹จแŠขแ‰ขแŠคแˆต แ‰ดแˆŒแ‰ชแ‹ฅแŠ• แˆ›แŠ”แŒ…แˆ˜แŠ•แ‰ตแŠ“ แˆฐแˆซแ‰ฐแŠžแ‰ฝ แˆˆแ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฆแ‰นแฃ แˆˆแˆ™แ‹ซ แ‰ฃแˆแ‹ฐแˆจแ‰ฆแ‰น แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆแˆ แŠ แ‹ตแŠ“แ‰‚แ‹Žแ‰น แˆ˜แ…แŠ“แŠ“แ‰ตแŠ• แ‹ญแˆ˜แŠ›แˆแข

14/01/2026

ใ‚š ใ‚šviralใ‚ท

Dubartoonni waan kana gochaa turtan, harkuma keessaniin balaa ofitti hin fidinaa hardhuma irrraa kaasaa dhaabaa.      ใ‚š ...
12/01/2026

Dubartoonni waan kana gochaa turtan, harkuma keessaniin balaa ofitti hin fidinaa hardhuma irrraa kaasaa dhaabaa. ใ‚š

Innis maali yoo jettan qaamni saalaa keessan baay'ee "acidic" kan ta'ee fi baakteeriyaa "Lactobacilli" jedhamu kan of keessaa qabu yemmuu ta'u, isaanis waardiyaa uumamaa halkaniif guyyaa fayyummaa qaamni saalaa keessan eeganiidha.

Rakkoo keessan guddaan immoo qulqullina qaama saalaa keessan eeggachuuf jecha keessoo qaama saalaa keessan dhiquun baakteeriyaa balaa isinirraa eegu sanaa fi acidic environment sana jeequun waardiyaan uumamaa keessan akka badu taasistu.

Kunis immoo baakteeriyaa fi faangasoonni miidhaa qaban salphumatti akka wal horan gochuun dhibeewwan akka bacterial vaginosis, Candiasis fi dhukkuboota daddarboo qaama saalaa biroo baay'eef akka saaxilamtan isin godha. Akkasumas immoo rakkoolee fayyaa kanneen akka:

1. Qaamni saalaa keessan foolii badaa godhachuu
2. Daa'imni yeroo malee dhalachuu
3. Ulfi isinii taa'uu diduu
4. Ulfi gadaamessaan alatti uumamuu fi
5. Carraan ulfaa'uu keessan isin jalaa xiqqaachuu faa isinitti fiduu danda'a.

Kanaafuu wanti gochuu qabdan

1. Naannoo ala qaama saalaa qofa dhiqachuu,
2. Saamunaa foolii qabuu fi keemikaalota garagaraa fayyadamuu dhiisuu,
3. Yoo isinii danda'ame bishaan xiqqoo hoo'istanii fayyadamuu fi
4. Yeroo mana fincaanii fayyadamtan baakteeriyaan qaama bobbaa irraa gara duraatti akka hin dhufneef durarraa gara duubatti qulqulleefachuu hin irraafatinaa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251946294956

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. AbaderO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. AbaderO:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram