01/05/2026
Mallattoowwan 5 Dhibee Kalee Agarsiisan
★ ★ ★ ★ ★ ★ ★ ★
1. Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita’uu (hiita’uu)
2. Miilla lamaan, naannoo koomee dhiita’uu (hiita’uu)
3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa dadhabuu ykn caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)
4. Fincaan keessatti dhiiga mul’achuu (fincaan garmalee diimaa ta’uu), garmalee koffaa'uu ykn hoomachaa'uu, hangaan fincaanii caalaa baay'achuu yookaan xiqqaachuu
5. Hirriba rafuu dadhabuu, gogaa yeroo mara gogaa (dry) ta’uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii yoo of irratti mul'isan, gara mana yaalaa deemuun qorannoo fayyaa deemun baay’ee barbaachisaa dha.
Fayyummaa Kalee Akkamitti Eegganna?
👉 Bishaan gahaa, litira 2 guyyaatti dhuguu
👉 Fincaan yeroo dheeraaf of keessatti qabachu dhiisuu
👉 Qorichoota analgesics baay'inaan fudhachuu irraa of qusachuu
👉 Ashaboo baay'isanii nyaachuu fi nyaata prootinaa baay'ee qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu
👉 Alkoolii fi tamboo irraa fagaachuu
👉 Hirriba gahaa argachuuf tattaaffachuu
👉 Infekshinoota xixiqqoo (akkuma soorata fincaanii) tuffachuun dhiisuu fi yeroo sirriitti yaalamuun
Galatoomaa!