ODAAN Gaaddisaa Dhugaati

ODAAN  Gaaddisaa Dhugaati Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ODAAN Gaaddisaa Dhugaati, Pharmacy / Drugstore, Oromia, Addis Ababa.

Vacation time
29/07/2024

Vacation time

Guyyaa gaarii qabaadha oroo tiyya!   GAADDISAA DHUGAATI
28/10/2023

Guyyaa gaarii qabaadha oroo tiyya!
GAADDISAA DHUGAATI

 Jireenya ishee guutuu qabsoo ummata Oromoof kan of kenniteArtist Haloo Daawee dhukkuba yeroo dheeraa booda guyyaa har'a...
14/10/2023


Jireenya ishee guutuu qabsoo ummata Oromoof kan of kennite
Artist Haloo Daawee dhukkuba yeroo dheeraa booda guyyaa har'aa addunyaa kanarraa du'aan boqote.
Rabbiin keenya Maatii isheef,dinqisifatoota ishee,akkasumas ummata Oromoo hundaaf jajjabina haa kennu.
Jabduu keenya nagaan boqodhu😭😭😭😭

 ??Koonsartii Ayyaana Irreechaa Magaalaa guddittii handhuura   keessatti, artiistoota jaallatamoo waliin qophaa’e irratt...
29/09/2023

??

Koonsartii Ayyaana Irreechaa Magaalaa guddittii handhuura keessatti, artiistoota jaallatamoo waliin qophaa’e irratti argamuuf qophooftanii?

: Fulbaana 25/2016
: Galma Barkumee
sa’a 7:00 irraa eegalee saaqama

Ispoonserri sagantaa keenya

BGI Ethiopia
Coca-Cola Beverages Africa-Ethiopia
Safaricom Ethiopia
Cooperative Bank of Oromia

20/08/2023

FAAYIDAA SHAAYI MAGARISA/GREEN TEA
1.Furdina qaamaa hir'isuuf
2. Dhibee sukkaaraatiif
3. Cooma qaama keessaa balleessuuf
4.Finniisa balleessuuf
5. Jajjabina lafeetiif
6. Kaansarii nurraa ittisuuf
7. Dhiibbaa dhiigaatiif
8. Dhukkubbii onneetiif
9. Utaalloo/Qufaaf
10. Summaa'ina nyaataa too'achuuf
11.Dhiiga qulqulleessuuf
12. Fayyummaa Ilkaan keenyaatiif
13.Humna qaama keenyaa dabaluf
14. Koolistiroolii qaama keenyaaf hin barbaachisne balleessuuf
15 Dhibee Alzheimer,Dementiatif
16 Sammuun keenya akka waa yaadatuuf
18. Hafuura badaa Afaanii Balleessuuf

Akkamitti itti Fayyadamna
Guyyatti siinii 3-4 yoo dhugne faaydaa kana argachuu ni dandeenna
Odaan Gaaddisaa Dhugaa flow godhaa

19/08/2023

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|
**************************
Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 gad lakkisa . Shanyiin kormaa namni tokko yeroo walqunnamtii saalaa godhu gad lakkisu yoo miliyoona 15 gad kan ta'u ta'e sanyiin kormaa xiqqaate jedhama. Sanyiin kormaa xiqqaachuun akka carraa dubartii takka ulfeessuu ni xiqqeessa. Garuu dabree dabree sanyii kormaa xiqqoo qabaatee kan ulfeessuus ni jira.
----
----
Akkamitti shanyiin kormaa xiqqaachuu beekna?
Yeroo garii namni sanyii kormaa xiqqaa qabu mallattoo tokkollee qaama irratti hin agarsiisu. Dhiroonni tokko immoo rakkina kiroomoozomii, rakkina hormooniin wal madaaluu dhabuu, hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu fi ujummoon sanyii kormaa gara alaatti cufamuu qabaachuu malu. Namoonni sanyii kormaa xiqqaa qaban mallattoo asiin gadii agarsiisuu malu.
• Walqunnamtii saalaa irratti rakkina qabaachuu. Fkn walqunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu
• Dhukkubbii, iiita naannoo cidhaaniitii qabaachuu
• Rifeensi fuula irratti ykn qaamaa irratti biqiluu dhabuu ykn xiqqaachuu. Kana hoggaan jedhu dhiirti areeda hin qabne hin dhalchitu jechuu koo miti. Rifeensi haphaatee biqiluun sababa rakkinna hormooniitiin yoo ta'edha.
---
---
Maaltu namatti fida?
1. Hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu
2. Infeekshiinii tokko kan naannoo qaama saalaa hubu fkn cophxoo
3. Yeroo walqunnamtii saalaa godhan is***miin gara afuuffee fincaaniitti dhangala'uu
4. Kaansarii qaama walhormaataa
5. Yaalaa baqaqsanii yaaluu qaama saalaa qabaachuu
6. Qorichoota tokko fkn qoricha kaansarii
7. Ulfaatina garmalee
8. Sigaaraa aarsuu
9. Mukaa'uu -depression
10. Paantii nama qabdu kaayyachuu fi kkf
Hub: Wanti rakkoo kana fidaa kaniin asiin olitti tarreesse kana qofa odoo hin ta'in hedduutu jira. Namni tokko waggaa tokko guutuu walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne haadhaa manaa wajiin godhee kan yoo ulfaa'uu didde mana yaalaa deemee of laalchisuu qaba!
✍✍✍hht
----
Follow

TIMAATIMII**************Timaatimiin  maqaa saayinsii ''Solanum lycopersicum'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kompawundo...
18/08/2023

TIMAATIMII
**************
Timaatimiin maqaa saayinsii ''Solanum lycopersicum'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kompawundootafi albuudota fayyaa qaama namaatiif barbaachisoo ta'an hedduu of keessa qaba.
---
Bu'aaleen qorannoo woggaa hedduuf timaatimii irratti godhaman akka mul'isanitti:
* Koompawundoota Lycopene, Beta-Carotene, fi Chlorogenic acid jedhaman kan keemikaalota tokko tokko (free radicals) seelii keenya miidhan akka miidhaa san hin fidne dhorkan (anti-oxidant) kanniin of keessaa qaba.
* Fiber (nyaata qaamaa keenyaan hin bulloofne) guddaa waan ofkeessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf, bullayinsa nyaata saffisisuuf, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan keenyaafis gaaridha.
* Bu'aan qorannoolee hedduu akka agarsiisutti koompawundii Lycopene jenne san guddaa waan of keessaa qabuuf carraa kaansarii garaachaa, mur'umaan guddafi kaansarii xannacha pirosteeti ni hirdhisa.
* Albuuda Pootaashiyeemi jedhamu kan dhiibbaa dhiigaa akka hirdhatu godhuufi kaalshiyeemii kan jabinna lafeetiif barbachisu guddaa ta'e waan qabuuf dhiibbaa dhiigatiifi fayyummaa lafeetiif kuduraa baay'ee gorfamaadha.
* Dabalataan madda Vaayitamin A, C, K1 fi B9 (Folate) waan ta'eef fayyumaa ijaaf, sirna ittisa qaamaaf, sirna ititu dhiigaa fi haadholii ulfaatiif daa'imni gadamessa jiru qaama guutuun akka uumamuuf faayidaa guddaa ni qabaata.
* Kanaan alattis koompawuundootni fi albuudonni timaatimii keessa jiran fayyumaa Onnee keenyaaf, bareedinna gogaaf rifeensa keenyaaf shora guddaa tapachuu danda'u.
* Nyaanni keenya dhandhama gaarii akka qabaatuuf akka mi'eessituutitti ni tajaajila.
---
Faayidaalee armaan olitti eerre argachuuf bilcheessinee fayyadamuun gaarii ta'a sababa koompawundonni jenne kunniin yeroo san irra argamaniif.
---
Fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Https://t.me/Roobaabduljabbar

Address

Oromia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ODAAN Gaaddisaa Dhugaati posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share