15/05/2025
Gaafilee Ogeeyyii fi Hojettoota Fayya Itoophiyaa Illachisee Ibsa Ejjennoo Kongireesii Federalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname
*******
βGaafilee Seerqabeesaa fi Haqumma Hojjetootni Fayyaa Itoophiyaa Kaasan Iftoominaan Deebisuu Malee, Burjaajessuu, Hidhuu fi Gochaan Humnaa Furmaata Waaraa Hinfiduβ
========
Kongireesiin Federalawaa Oromoo (KFO), ogeeyyi fi hojjetoota fayyaa Itoophiyaa kanneen haala hojii mijataa, kaffaltii haqaa fi argama qabeenya fayyaa ummata tajaajiluuf barbaachisu ilaalchisee gaafilee kaasan cinaa dhaabbata. Ogeeyyiin fayyaa kunniin dadhabbi fi nuffii tokko malee addadurummaan tajaajila fayyaa irratti kan hojjetan yoo ta'u, gaafileen amma dhiyeessanis rakkoolee dhuunfaa isaanii qofa furuuf osoo hin taane, sirna fayyaa lammilee miliyoonotaaf murteessaa ta'e cimsuuf akka ta'e hubatamuu qaba.
Gaaffiin ogeeyyii fayyaa komii ariifachiisoo fi seera-qabeessa taβe irratti kan hundaaβe taβuu hubanna. Mootummaan gaaffii isaanii sirnaan ala akka taβe fi fedhiin siyaasaa adda duuba akka jiru fakkeessuun sochii ogeeyyii fayyaa seerummaa dhabsiisuuf carraaqqii walirraa hin cinne taasisuun isaa hedduu nu gaddisiiseera. Ilaalchi akkasii, hanqina baajaataa, hanqina galtee fayyaa fi rakkoolee iddoo hojii mijataa dhabuu dabalatee, rakkoolee sirnaawaa damee fayyaa keessa jiraniif xiyyeeffannoon akka hin kennamne taasiisa. Rakkoolee kanneen iftoominaan furuun, wal-amantaa tiksuufi ittifufiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf barbaachisaadha jennee amanna.
Mootummaan bakka bu'oota ogeeyyii fayyaa waliin iftoominaan marii gaggeessuun rakkoolee ka'aniif furmaata akka laatu gaafanna. Walitti bu'iinsi amma mul'atu bu'uuraan furuuf waliigalteefi tumsi barbaachisaa ta'uu ni amanna. Tarkaanfii sodaachisaa, adabbii fi humna caalaa, mala waloo hordofuun faayidaa hojjettootaas ta'e kan ummataa caalmatti kabachiisa. Wal-diddaan yeroo dheeraa fudhatu, kenniinsa tajaajilaafi amantaa ummataa miidhuu dandaβa.
Kanarraa ka'uun KFOn mootummaan Itoophiyaa tarkaanfilee armaan gadii atattamann akka fudhatu gaafata:
1/Seerrummaa fi haqumaa gaaffii hojjetoota fayyaa hubachuufi beekkamtii kennuun, gochaa burjaajessuufi jechaan laaffisuu, hidhaa fi gochaa humnaa ogeeyyii fayyaa irratti amma gaggeeffamaa jiru irraa akka of qusatu.
2/Komiiwwan jiran furuuf bakka bu'oota hojjettoota fayyaa waliin marii hunda galeessaafi iftoomina qabu akka mijeessuu.
3/Mirga hojjettoonni seeraan gurmaaβuu fi sodaa tarkaanfii haalobahannaa fi maqaballeessi tokko malee mirga isaanitiif falmachuuf qaban kabajuu.
4/Ramaddii baajataa irraa kaasee damee fayyaatiif xiyyeeffannoo barbaachisu kennuun, baajata gahaa ramaduun, hojattoota fayyatiif kaffaltii haqummaa kaffaluu, haala hojii mijataa uumuu, raabsama galteewwan fayyaa fedhii irratti hundaaye fi sirna itti-gaafatamummaa irratti fooyyaβiinsa waaraa fiduuf kutannoo qabaachuufi tattaffii gahaa gochuu qaba.
5/Damee kanaaf furmaata waaraa fi haq-qabeessaa ta'e qopheessuuf, waldaalee ogeeyyii fayyaa,hawaasa siiviliifi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta'uun hojjechuu qaba.
Gaafileen mirgaa hojjetoonni fayyaa yeroo ammaa kaasan, hawwii bal'aa hawaasni keenya haqaaf, ulfinaaf, fi sirna bulchiinsa ittigaafatamummaa qabu horachuuf qabu kan calaqqisiisu. Dhimmoota kanneen walhubannoon furuun sirna fayyaa Itoophiyaa cimsuun guddina biyyaa jabeessa jennee amanna.
KFOn gama isaatiin Itoophiyaa naga-qabeettii, haqa-qabeettii, federaalaawaa fi dimookiraatawaa taate, kan mirgi fi fayyummaan lammiilee hundaa keessatti kabajamu ijaaruuf kutannoo qabu carraa kanaan irra deebiin mirkaneessa.
Kongireesii Federalawaa Oromoo (KFO)
Caamsaa 7, 2017
Finfinnee, Oromiyaa, Itoophiyaa