Oromiya Kingi Oro

Oromiya Kingi Oro Oromoofi Oromoon yoo wallole kan mo'amu Oromoodha.

01/05/2026

...Gaalamootummaan dhumnisaa...!
‎Addaggummaan jireenya namaaf ta'ee hinbeeku!
‎Beekamtiif qabeenyi karaa dalgaa dhufus nama boqochiisee hinbeeku!
‎Cidhi qarshiin raawwatamuu danda'a, gaahelli garuu qarshiin hin ijaaramu! Jaalallis qabeenyaan hin tikfamu

01/05/2026

Akka feete tahi waan feete dalagi sitti hin dubbatamiin warra jedhu kana bar kan addaggummaa dhaloota dhaalchise!
‎Isaan kun warra ofii itti qancaree, dhaloota isaan ilaalee fiigu kanammoo kichuutti carabaa jirudha!

01/05/2026

Gaafan du'e lafa boo'ichakoo kaameraa📷 qabattanii akka hindhufne!

05/04/2026

Miidhamtees dararamtee
dhiitamtees kabalamtee
tuffatamtees dhiibamtee
kan siif nahu yoo dhabde😫

Gonkumaa hin cabsin boquukee
kun hunduu darbee lufaa
waan turu fakkaatullee
siifis guyyaan ni dhufaa 🙏Abshiir
Nama naan jedhu maaliifan dhabe😫

28/03/2026

"Daa'imni Dhalatu Dhalaa/Dhiira Ta'uu Kan Murteessu, Abbaadha Moo Haadha?"
***********************************************
Saalli daa'ima dhalatu tokkoo dhiiraa fi dhalaa ta’uun hojii Rabbii ta’uus, saayinsiin akka ibsutti saala daa’imaa kan murteessu chromosome abbaa irraa dhufuudha. Chromosome dhiiraa XY yoo ta’u, kan dubartii immoo XX dha. Dhiirti chromosome Y ykn X kennuu danda’a, dubartiin garuu yeroo hundaa chromosome X qofa arjoomti. Kanaaf, saala daa’imaa murteessuu irratti gaheen guddaan sanyii dhiiraa irraa dhufa. Yoo dhiirti chromosome Y kenne, daa’imni dhiira ta’a; yoo X kennu immoo dhalaa taati. Akkuma beekamu, dhiirti yeroo wal qunnamtii takkatti sanyii kormaa miiliyoona shanii ol dhangalaasu. Sanyiiwwan kanneen keessaa tokko qofaatu carraa hanqaaquu cabsuu aragata. Sanyii dhiiraa keessatti chromosome lachuu X fi Y ni argamu. Chromosome Y saffisaan fiiga, garuu yoo hanqaaquu hin arganne dafee du’a. Chromosome X immoo suuta fiiga, garuu hanga guyyaa sadiillee obsaan hanqaaquu eeggachuu danda’a. Yoo wal qunnamtiin osoo hanqaaquun gadi hin lakkifamin raawwatame, chromosome Y dafee waan du’uuf, chromosome X carraa eeggachuu qaba. Yoo hanqaaquun gadi lakkifamtee fi wal qunnamtiin hanga guyyaa lama keessatti raawwatame, chromosome Y saffisaan dursuun dhiira dhalachuu ni danda’a. Haata’u malee, sanyiin dhiiraa saala daa’imaa murteessuu danda’ullee, chromosome X fi Y keessaa kamtu akka irra oolu carraadha. Yoo chromosome Y carraa irra ooluu akka qabaatu barbaadame, tibba hanqaaquun gadi lakkifamuutti dhiyaatanii torbee tokkoof walitti aansuun wal qunnamtii saalaa raawwachuun barbaachisadha.
***********************************************
Kanaaf namoonni haati warraa tiyya dhalaa malee ykn dhiira malee dahuu hin dandeessu jechuun dogoggoraan bultii diigaa jirtan dogogoraan badii ishii malee haadha warraa teessan maqaa balleessurraa of qusadhaa! Dogoggoraan bultii teessan diigurraa of qusadhaan dhaamsa kiyya. Barreeffama kana erga dubbiftan booda share godhaa!

06/03/2026

1. Jalqaba of filadhu, sana booda nama si filatu filadhu
2. Jalqaba of jaalladhu, sana booda namoota gatii siif kennan jaalladhu
3. Dura of kabaji, sana booda nama si kabaje kabaji
4. Dursa nageenya kee tiksi, itti aansuun warra kabajan simadhu
5. Dursa gatii kee beeki, isa booda warra beekaniif eegi
6. Jalqaba jireenya kee ijaari, itti aansuun warra deeggaran affeeraa
7. Dursa of amani, sana booda warra argatan amani
8. Jalqaba yeroo keef gatii kenni, sana booda warra dhimma baasan waliin dabarsi
9. Jalqaba daangaa kee eeggadhu, sana booda kan isaan kabaju fudhadhu
10. Jalqaba ofirratti invest godhi, isa booda warra invest godhan irratti invest godhi
11. Dursa sammuu kee cimsi, isa booda warra ol kaasan waliin walitti hidhi
12. Dursa of fayyisi, sana booda warra si bukketti fayyan waliin ta’i
13. Jalqaba daandii kee hiikadhu, sana booda warra waliin wal ta'an waliin deemi
14. Jalqaba galma ga’i, sana booda warra dhugaadhaan gammadu waliin ayyaaneffadhu
15. Jalqaba onnee keetiif kunuunsi, sana booda warra si gammachiisaniif bani
16. Dursa of hubadhu, sana booda warra si hubatan hammadhu
17. Jalqaba gammachuu horadhaa, itti aansuun warra dinqisiifataniif share godhaa
18. Jalqaba hundeeffama keessan eegsisaa, itti aansuun namoota gatii dabalan affeeraa
19. Jalqaba guddina filadhu, itti aansuun warra si waliin guddatan filadhu
20. Dursa of kabaji, sana booda warra si kabajan kabaji

Jajjabina:
Jireenyi kee dursa dirqama keeti. Ofii kee filachuudhaan—nageenya kee, guddina kee, fi gammachuu kee—akkaataa namoonni biroon addunyaa kee keessaa qaama ta’uu danda’aniif haala mijeessita. Of kabajuu fi of jaallachuudhaan yeroo gaggeessitu, uumamaan namoota jireenya kee keessatti qaban hawwatta, fayyaalessa, hariiroo gammachuu fi milkaa’inaaf bu’uura cimaa ta’an uumta.

04/03/2026

Barri naaf darba jedhee,
Atariin "kiikkii" jedhee,
Ashkariin "giiftii" jedhee,
Okkoteen "gomboo" jedhee,
Monforeen "Obboo" jedhee
Raafuudhaan "ittoo" n jedhe
Raatuudhaan "ishoo"n jedhe.

Dur jabana abbaakootii,
Balbalaan gad waamanii,
Boroodhaan itti himatu,
"Yaa qaqqabsiisa" jedhu,

Ammammoo jabanakoo,
Tokkoffaa na waamanii,
Lammata na ifatu,
"Yaa dadhabsiisa" jedhu.

Nama wayyaan liilane
Ijoolleen "Obboo" hin jettu,
Haati dhalte hin jaallattu,
Waarsaan maqaa hin lagattu,
Waashaa gamatti haa galtu!

Kanan imimmaan xeena
Akka niitii maseenaa,
Eessa abbaakoon aseena?

Yoo toleef baranuma
Yoo dideef amaluma,
Yookaan isa kanatti,
Yookaan dhiisaa qaratti!

25/02/2026

Waliin Said Abdulkarim Odaa – Reefu akka leellistoota olaanoo isaanii keessaa tokko ta'etti beekamtii argadhe!

24/02/2026

Kabajaafi jaalala namaa Waaqatu namaaf laata, abbaatu tikfata🙋‍♀️

24/02/2026

Haalli akka odeessu miti dubbiinkee maaltu karaatti hanbisa yaadakee

Address

Oromiyaa
Addis Ababa

Telephone

+251917853427

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiya Kingi Oro posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category