Kilinika Gidduu-Galeessaa ODAA ኦዳ መካከለኛ ክሊኒክ ODAA Medium Clinic

Kilinika Gidduu-Galeessaa ODAA ኦዳ መካከለኛ ክሊኒክ  ODAA Medium Clinic Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kilinika Gidduu-Galeessaa ODAA ኦዳ መካከለኛ ክሊኒክ ODAA Medium Clinic, Hospital, Sheger, Addis Ababa.

10/10/2024

Gosoota dhukkubbii Mataa fi wal’aansa isaanii

Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta’u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay’inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabuudha.

1. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache) kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata.

2. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka’uuf jedhu ni beeku. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha.

Address

Sheger
Addis Ababa

Telephone

+251962210603

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kilinika Gidduu-Galeessaa ODAA ኦዳ መካከለኛ ክሊኒክ ODAA Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category