13/10/2025
Dhaabbatnni Teeknoolilojii Shaggar baratootta simachuun barnoota eegalchiise
Finfinnee, Onkololeessa 13,2025: Dhaabbatnni Teeknoolilojii Shaggar (Shaggar Inistitiyuutii Teekinoloojii ( SIT )) hundaâuun yeroo jalaqabaaf baratoota akka biyyatti ciccimoo taâan maddaallii hedduu keessa erga darban booda guyyaa kaleessaa simachuun barnoota eegalchisuun himame.
Kaayyoon Shaggar Inistitiyuutii Teekinoloojii ( SIT ) inni guddaan, dameewwan saayinsii umamaa jaarraa 21ffaa keessa baayyee barbachisoo taâan kanneen akka Saayinsii Hawwaa, Hubannoo Namtolchee (AI), Saayinsii Niyukilaaraa, Bayooteknoolojii, Elektirikaalii, Mekaanikaalii fi Mateeriyaal Injiineringii irratti kan xiyyeeffatu taâuun himame.kunis caphiinsa sirna barnoota keessatti umamee fooyyeessuufi fala taâuu akka dandaâuu himameera.
Shaggar Inistitiyuutii Teekinoloojiin sirna kenniinsa barnootaa, kaarikulamii fi laaboraatooriiwwan dhaabbilee barnoota olaanaa idil-addunyaa gama kanaan dursa qaban kan hordofuufi walsimuu taâu himamee. Akkasumas saayintistoota idil-addunyaa hirmaachisuun, barnoota yaad-rimee (theory) caalaa, barnoota gochaan deeggarame kennuun kaayyoo ijjoo ShaggarShaggar Inistitiyuutii Teekinoloojiin ijaarameef keessa tokko taâuun eeramera. Kanaanis qorattoota, barattoota qaxalee kanneen fedhii addaa qabaniif carraa shaakallii, sakattaâiinsa laboraatoorii fi yaalii gochaa umuun kalaqa haaraa akka ummaaniif kan jajjabeessuu taâu eerameera.
Sagantaa kana irratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, argamuun haasaa taasiseen barattoota carraa itti barachuu argataniif dorgomtummaa, kalaqa haaraafi yaada haaraa maddisiisuun biyya dorgomtuu ijaaruun imaanaa isaani akka baatani dhaameera.
Carraa kanaan Sirna simannaa barattootaa guyyaa kaleessa, Shaggar Inistitiyuutii Teekinoloojiitti gaggeefameen barattoota qaxalee calallii hedduu keessa dabarsuun simate ture pireezdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa obbo Shimalis Abdiisaa fi hoggaanttonni olaanoon argamaniiru.