17/01/2026
Miseensota keenya hundaaf.
Gaafii mirgaa kafaltii hojii sa'aa idileetiin alaatiin(duty) walqabatee jiru ilaalchisee nuuf dhiyeessaa jirtaniif Kutaan seeraa keenya haala armaan gadii kana akka hordoftan kallattii kaa'eera.
1ffaa-Ogeessonni dhaabbilee kafaltiin "duty" mindaa moofaadhaan kafaltii raawwatan keessa jirtan akkaataa labsii hojjattoota mootummaatiin komii keessaan barreeffamaan koree komii manneen hojii keessaniitti akka dhiyeeffattan gorsi Kan laatame yoo ta'u kun booda Mana Murtii Bulchiinsaatti ol-iyyannoo dhiyeeffachuuf tarkaanfii jalqabaa ta'a.
2ffaa-Warroonni hanga ammaa kafaltiin isiniif hin raawwatamne immoo kafaltii "duty" yoo gaafattan mindaa amma qabdaniin Kan herreegame ta'uu otoo hin ilaalle akka hin mallatteessine.
3ffaa- Dhabbilee tokko tokkotti ogeessa amansiifneeti Kan jedhu dhiyeessuuf qaboo yaa'ii irratti mallatteessisaa jiraachuun barameera. Kanaaf qabiyyee qaboo yaa'ii otoo hin ilaalin akka hin mallatteessine.
4ffaa- Gaafiin mirgaa kun faayidaa seeraan ogeesssaaf kenname waan ta'eef karaa seeraa qofaan namuusaan falmachuun barbaachisaa dha.
Odeeffannoo dabalataaf nu qunnamuu dandeessu.