11/12/2024
WAA'EE QORICHA SALBUTAMOL(ALBUTEROL) 2MG/4MG
||~~~~.
1️⃣.Qorichi Salbutamol maali?
✍️Salbutamol~Jechuun qoricha garee bronchodilator jedhamuu ta'ee kan maashaalee daandii qilleensaa gara sombaa dhaqu si'eessee addaan dhifee bal'isee qilleensi salphumati yeroo gabaabduu qofaaf rakkoo malee somba bira akka ga'u taasisuuf gargaara.
2️⃣.Qorichi salbutamol yeroo yaalaaf fayyadamnu bu'aalee akkamii qaba?
▪️Rakkoo hargansuu ittisuuf.
▪️Rakkoo hafuurri nama hanqachuu ykn ciccituu.
▪️Mallattoo Qufaa fi dhiphachuu qomaa sababa dhibee asmiitiin dhufu.
▪️Mallattoo dhibee asmii yaaluuf.
▪️Rakkoo daandiin qilleensaa dhippatee yeroo qilleensi keessa darbuu sagaleen hargansuu dhaga'amuu hir'isuuf .
▪️Mallattoo rakkoo dhibee daandiin qilleensaa gara sombaa deemu yeroo dheeraaf danqamee turuu(chronic obstructive pulmonary disease).
▪️Mallattoo rakkoo hargansuu yeroo sochii qaamaa hoojjatanii mul'atu fi kkf yaaluuf gargaara.
3️⃣.Qoricha Salbutamol yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍️Namoonni alarjii qoricha salbutamol qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍️Namoonni haalota rakkoo fayyaa kanneen akka.....
▪️Dhibee tayirooyidii si'ataa ol ka'aa qabu.
▪️Namoonni dhibee dhiibbaa dhiigaaf yaala fudhataa turan.
▪️Namoonni seenaa dhibee onnee qabani.
▪️Dhukkubbii qomaa qabu.
▪️Rakkoo dha'annaa onnee qabu.
▪️Rakkoo tiruu qabu.
▪️Rakkoo kalee qabu.
▪️Hanqina elementii potaasiyeemii dhiigaa keessaa qabu.
▪️Dhibee sukkaaraa qabu.
▪️Dhiita'uu ujummoo dhiigaa qabaachaa ture.
▪️Namoonni sababa yaalaa baqaqsanii yaalamuutiif qoricha hadoochaa waliigalaa Barbaadu.
▪️Namoonni qoricha asmii fayyadamanii jidduun dhaabanii turan.
▪️Namoonni qorichoota biroo kamuu fayyadamaa jiran fi haalota kkf qabu qoricha salbutamol fayyadamuun durati rakkoo qabu ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha kana jalqabuu hin qabuu.
✍️Namoonni qoricha ogeessi fayyaa ajajeef kanneen biroo ykn qoricha ofumaaf gabarraa bitee fayyadamaa ture,qoricha vaayitaaminii,qorichoota aadaa fi kkf fayyadamaa jiru ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabuu.
✍️Yeroo rakkoo fayyaa birootiif qorichoota biroo kanneen akka...
▪️Qorichoota corticosteroids kan akka beclomethasone inhalation.
▪️Qorichoota Diuretic kan akka furosemide.
▪️Qorichoota dhiibbaa dhiigaa yaaluuf gargaaru kan akka atenolol fi propanolol.
▪️Qorichoota rakkoo dha'annaa onnee yaaluuf gargaaru kan akka digoxin.
▪️Qorichoota dhibee asmii yaaluuf gargaaru kan akka theophyline fi aminophyline.
▪️Qorichoota hadoochaa walii galaa( general anesthesia).
▪️Qorichoota rakkoo fayyaa sammuu yaaluuf gargaaru muraasa kan akka meclobemide,phenelzine,amitriptyline,clomipramide ykn imipramine fi kkf fayyadamaa osoo jirruu qoricha salbutamol yoo waliin fayyadamne qaama keessati wal nyaatinsa gaggeessee rakkoo fayyaa biroo fiduu wan danda'uuf ogeessa fayyaa beeksisnuu malee qoricha salbutamol jalqabuu hin qabnuu.
✍️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabduu yoo ogeessa fayyaa gaafattee hayyama argatte malee.
✍️Haati hoosiftu qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabduu yoo ogeessi fayyaa hayyameef malee.
4️⃣.Qoricha salbutamol yeroo yaalaaf fayyadamnu akkamiti fudhachuu qabna?.
✍️Akkaatuma ogeessii fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
✍️Qoricha salbutamol haala mallattoo dhibichaa fi umrii yaalamaa irrati hundoynee karaalee baay'een fayyadamuu kan dandeenyu yeroo ta'u san keessaa muraasa kan ilaalluu ta'a.
✍️Qoricha salbutamol maayikiroogiraamii (100mcg) meeshaa inhaler jedhamun gara afaaniin fudhachuun mallattoo dhibee offirraa balleessuuf yeroo barbaachisaa ta'eti yeroo (1~2) puff fudhachuu ni dandeenya.
Madda:
WAA'EE QORICHA SALBUTAMOL(ALBUTEROL) 2MG/4MG ||~~~~. 1️⃣.Qorichi Salbutamol maali? ✍Salbutamol~Jechuun qoricha garee bronchodilator jedhamuu ta'ee kan maashaalee daandii qilleensaa gara sombaa dhaqu si'eessee addaan dhifee bal'isee qilleensi salphumati yeroo gabaabduu qofaaf rakkoo malee somba...