Dr Oumer Mudesir

Dr Oumer Mudesir This page contains, more information about human health problems and treatment for them

02/11/2022

Ganama ganama garaa duwwaatti bishaan dhuguun faayidaa akkamii fayyaa keenyaaf qaba?

1. gogaa qaama keenya akka hin gogne, hin shushuntuurre gochuu fi bareechuu keessatti gahee guddaa qaba
2. Ulfaatina qaamaa hir'isuuf
3. Cirracha kalee nurraa ittisa akkasumas cirracha kalee hammaan xixiqqoo tahaniif akka yaalaatti gargaara.
4. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu keenyaa ol kaasa
5. bareedina rifeensaa fi guddina rifeensaa keenyaaf gaariidha
6. fedhii nyaataa ni dabala
Fayyaa hin dhabinaa

FUNUUNA(DHIIGUU FUNYAANII_EPISTAXISFunuuna jechuun yeroo dhiigni karaa funyaanii dhiigu jechuudha. Dhiigni karaa funyaan...
10/10/2022

FUNUUNA(DHIIGUU FUNYAANII_EPISTAXIS
Funuuna jechuun yeroo dhiigni karaa funyaanii dhiigu jechuudha. Dhiigni karaa funyaanii dhiigu kun karaa hedduudhaan dhufuu danda'a, fakkeenyaaf booksiidhaan dhahamuu ykn wantoonni jajjaboon funyaan yoo nama dhahan(nasal blow), keessi funyaanii yoo nama goge(nasal dryness), rakkoo fayyaa dhibee keessoo( internal Medical problem) dhaan dhufa.
Kan irratti xiyyeeffachuu qabnu funyaan keenya osoo waa nundhahin ykn osoo sababa nugogeef osoo hintaane callisee kan nudhiigu yoo ta'e, rakkoo fayyaa dhibee keessaa kan akka kaansarii dhiigaa fi qal'achuu dhiigaa garmalee ta'uu waan danda'uuf yeroo funuunni isin mudatu hatattamaan gara mana yaalaa deemuun ilaalamaa!

05/10/2022

By clicking the following link you can get a very important health education! By Afan Oromo Amharic language and English
https://www.facebook.com/profile.php?id=100086183502565

This page contains, more information about human health problems and treatment for them

29/09/2022

VAAYIRASII TIRUU(Hepatitis B Virus)
===============================
Infeekshinii tiruu namaa isa hamaa ta'ee, vaayirasii Hepatitis B jedhamuun kan dhufuufi talaalliidhaan akka salphaatti ittisuun kan danda'amudha.
Dhukkubni kun baay'inaan kan daddarbu dhangala'oo nama dhukkuba kanaan faalame keessaa bahu tuttuquudhaaidha.
KARAALEE DHUKKUBNI KUN ITTIIN DADDARBU
1. Dhiigaafi bu'aalee dhiigaa(limmee vaayirasii kanaan faalame, dhiiga him qoratamne)
2. Walquunnamtii saalaa of eeggannoo hinqabne
3. Haadha irraa gara daa'imaatti(yeroo ulfaa,yeroo da'umsaa fi da'umsa boodaa)
4. Dhangala'oo Dhukkubsataa vaayirasii kanaan faalame kan akka fincaaniifi gororaa fa'aan daddarbuu nidanda'a.
MALLATTOON DHUKKUBA KANAA MAAL FA'A?
Dhukkubni kun jalqabarratti mallattoo namarratti agarsiisu qabaachuu dhabuu danda'a, mallattooleen kunniin namaa namatti garaa garadha. Dhukkubni kun mallattoon inni agarsiisu keessaa:
- Ijji namaa lamaan sirriitti keelloo ta'ee mul'achuu
- Dhukkubbii garaa(garaa ciniinuu, garaa hammeessuufi olguuruu,nyaata dhowwuu)
- Fincaan namaa gurraacha'uu
Dhukkubni ku mirkanaa'uuf qorannoo laaboraatoorii ga'aa barbaachisa.
YAADACHIISA: Namni kamiyyuu mallattoo eeguu osoo hintaane osoo fayyaa jiruu iyyuu of qorachiisuun barbaachisaadha.
YAALIIN ISAA MAALI?
Yaaliin dhukkuba kanaa hammeenya(severity) isaarratti hundaa'a.
Yeroo baay'ee namoonni Dhukkuba kanaan qabaman qorichoota aadaa fayyadamuun of miidhu. Kanarra garuu dhaabbata fayyaa deemanii osoo mari'achiisanii baay'ee gaariidha.
Irra caalaan of eeggannoo gochuudha. Dhukkubsataa Kenya kamiyyuu osoo dhukkubnisaa adda hin bahiin dhiiga, fincaaniifi gorora isaa tuttuquu irraa hanga danda'ame ofqusachuun barbaachisaadha.
Galatoomaa.
Hubachiisa!!! Namoonni osoo hinbeekin yookiin osoo dhukkubni addaan hinbahiin Dhukkubsataa keessan tuttuqxan erga dhukkubni kun beekamee booda akkuma inni beekameen qoratamtanii yoo bu'aan qorannaa keessan negative (qulqulluu) ta'e hatattamaan talaallii jalqabuun baay'ee barbaachisaadha.

26/09/2022

Baay'inni sanyii dhiiraa( seelii sparmii) hir'achuu jechuun maaljechuudha?
Rakkoo kana kan fidanhoo maal maal faadha?

Baay'inni sanyii dhiiraa(seelii ispeermii) dhiirri tokko si'a takkaatti dhangalaasu miliyoona 39,928dha. wantoota dhala dhabuu dhiirotaa fidan keessaa tokko hir'achuu seelii ispermiidha. Kanaaf seelii ispermii miliyoona 39 gadi yookiin miililiitira tokko keessa seeliin ispermii miliyoona 15 gadi yoo ta'e hir'ateera jenna.

Wantoota guyyaa guyyaan raawwannu kan Hir'achuu seelii ispermii fidan keessaa;
1. Ulfaatina qaamaa garmalee
2. Sochi qaamaa gochuu dhiisuu
3. Uffata jalaa/paantii baay'ee nu qabu yeroo hedduu uffachuu
4. Alkoolii baay'inaan dhuguu
5. Tamboo aarsuu
6. Yeroo dheeraaf taa'aa turuu
7. Dha’icha naannoo cidhaaniifaadha.

የ ወንድ ዘር ፍሬ (ስፐርም ሴል)ማነስ ማለት ምን ማለት ነው?
የ ስፐርም ሴል ማነስን የሚያመጡ ነገሮች ምን ምንድናቸው?

የወንድ የፍሬዘር(ስፐርም ሴል) ብዛት አንድ ወንድ በአንድ ጊዜ የሚያፈሰው 39 ሚሊዮን 928 ነው።
የወንዶች የመውለድ አለመቻል ከሚያመጡ ነገሮች እንዱ የ ስፐርም ሴል ማነስ ነው። ስፐርም ሴል (የወንድ የዘር ፍሬ) አንሷል የምንለው የስፐርም ሴል ብዛት ከ 39 ሚሊዬን በታች ወይም አንድ ሚሊሊትር ውስጥ ከ 15 ሚሊየን በታች ሲሆን የዘር ፍሬ አንሷል እንላለን።

የ ስፐርም ሴል ማነስን የሚያመጡ የ እለት ተለት ተግባራችን
የሚከተሉ ናቸው፣

1. ከሚያስፈልገው በላይ መወፈር
2. የአካል ብቃት እንቅስቃሴ አለማድረግ
3. በጣም የሚጠብ እና የሚይዘን ፓንት ሁልጊዜ መልበስ
4. አልኮል በብዛት መጠጣት
5.ሲጋራ (ትምባሆ) ማጨስ
6. ለረጅም ጊዜ ተቀምጦ መቆየት
7. ብልት ላይ መመታት ናቸው።

25/09/2022

Amazing procedures

22/09/2022

Qorannoo saayinsaawaa hanga har'aatti adeemsifameen Kaansarii afuuffee fincaaniitiif kan nama saaxiluu danda'an keessaa;
1. Tamboo xuuxuu
2. Infeekshinii afuuffee fincaanii irra deddeebiin nama mudatu
3. Ujummoo (kaatetarii) yeroo dheeraaf namarra turu(torban lamaa ol)
4. Keemikaalota balaafamoo bakka hojiitti irra deddeebiin saaxilamuu dha. Ta'us garuu kaansariin afuuffee fincaanii namoota carraa saaxilamummaa hinqabne kamiinuu hubuu nidanda'a. Kanaafuu namni tokko fincaan isaa dhiiga fakkaatee kan diimatu ta'e, mallattoo dhukkuba kaansarii afuuffee fincaanii waan ta'eef hatattamaan Dhaabbilee fayyaa deemee of ilaalchisuu qaba.
Fayyaa hindhabinaa!
Dr. Umar Muddassir

እስካሁን በተደረጉ ሳይንሳዊ ጥናቶች መሰረት ለ ሽንት ፊኛ ካንሰር ሊያጋልጡ የሚችሉ ነገሮች የሚከተሉት ናቸው፡፡
1. ሲጋራ ማጨስ
2. ተደጋጋሚ የሽንት ፊኛ ኢንፌክሽን
3. ለረጅም ጊዜ የቆየ የሽንት ቱቦ (ካቴተር)
4. በስራ ቦታ ለተለያዩ አደገኛ ኬሚካሎች በተደጋጋሚ ተጋላጭ መሆን ናቸው፡፡ ሆኖም ግን የሽንት ፊኛ ካንሰር ምንም አይነት ተጋላጭነት የሌላቸው ሰዎችንም ሊያጠቃ ይችላል፡፡
ስለዚህም አንድ ሰው ውሃሽንቱ ደም መስሎ የሚቀላ ከሆነ፣ ጊዜ ሳይወስድ የጤና ተቋም ሄዶ መታየት አለበት።

21/09/2022

Kabajamtoota Hordoftoota page kiyyaa akkam jirtu? Baga nagaan gara page kiyyaatti dhuftan! Anaadhufu jenneerra. Hordoftoonni page kana hordoftan Odeeffannoo fayyaa gahaa ta'e afaan sadi'iin( Afaan Oromoo, Afaan Ingiliffaa fi Afaan Amaaraatiin argachuu nidandeessu. Yeroodhaaf afaan lama qofaa kan fayyadamnu yoo ta'u yaada hordoftootaa ilaaluun Afaan Ingiliffaa dabaluu dandeenya. Hordoftoonni keenya karaa emai, inbox, akkasumas karaa bilbilaatiin nuquunnamuu nidanda'u. Page kana Invite, like , share godhuu hindagatinaa!. Odeeffannoo fayyaa qooduudhaan lammii keenya haa hubachiifnu, Galatoomaa!

የተከበራችሁ የዝህ ፔጅ ተከታዮች እንዴት ናችሁ? ወደኔ ፔጅ እንኳን ደህና መጣችሁ። የዚህ ፔጅ ተከታዮች፣ የጤና መረጃ በ ሦስት ቋንቋ(በ አፋን ኦሮሞ፣ በ እንግሊዘኛ እና በ አማርኛ ማግኘት ትችላላችሁ ። ለጊዜው በ ሁለት(2) ቋንቋ የምንጠቀም ሲሆን ፣ የ ተከታዮቻችን ሀሳብ አይተን በ እንግሊዘኛ ቋንቋ መረጃችን ማስተላለፍ እንችላለን። ተከታዮቻችን ስላጋጠማቸው ማንኛውም የ ጤና ችግር በ email, በ ውስጥ ሜሴጅ እንዲሁም በ ቀጥታ ስልክስ ከኛ ጋር መወያየት ይችላሉ። ይሄን ፔጅ invite, Share, like በማድረግ የጤና መረጃ ለወገናችን እናካፍል። እናመሰግናለን

Address

Ambo

Opening Hours

Monday 08:00 - 05:00
Tuesday 08:00 - 05:00
Wednesday 08:00 - 05:00
Thursday 08:00 - 05:00
Friday 08:00 - 06:00
Saturday 08:00 - 06:00
Sunday 09:00 - 06:00

Telephone

+251966084135

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Oumer Mudesir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Oumer Mudesir:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram