26/07/2022
Karoora hojii bara 2015 milkeessuuf...
****************
Qormaata hedduun marfamnee injifannoowwan karoora bara 2014 keessatti galmeessifne karoora hojii bara 2015 keessattis sadarkaa olaanaan raawwachuuf haamilee guutuun hojiitti galla.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara hojii 2014 keessa rakkoowwaaniifi qormaatiilee hedduu keessummeessus, harka tokkoon rakkoo furaa harka biraan hojii misoomarratti hojjetameen injifannoowwan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessan hedduun galmaa'aniiru.
Injifannoon dhufe kun aarsaa hoggansi naannichaa sadarkaan jiru taasiseen ta'uun mirkana.
Bara xumurame kana hojii hojjetame keessatti ciminnoonni akka; Karooraan hogganamuu danda'uu, Qormaata keessatti hojii misoomaa milkeessuu, Hooggansa haalaaf hin jilbeeffanne horachuu,Waan jalqabne xumuruufi Hooggansa aarsaa kamuu kanfaluuf duubatti hin jenne horachuun danda'ameera. Kun ciminoota gurguddoo bara kana galmaa'anidha.
Bara Hojii haaraa kanatti hanqinoota hoogganaa ta'anii gahee ofii wallaaluu,Waan xixxiqqoon gammaduufi dafanii abdii kutuu, tajaajila si'ataa kennuu dadhabuu, Qisaasama yeroo, maallaqaafi humna namaafi kanneen biroo furuun nageenya hawaasa keenyaa eegsisuun hojii misoomaa eegalame daraan itti fufsiisuurratti fuulleffachuun kan hojjetamu ta'a.
Karoora hojii bara,2015 milkeessuuf hoggansifi ummanni keenya kutannoofi murannoo olaanaan ammumarraa eegalee sochiitti galuuf of qopheesseera.
Oromiyaa ni ijaarra❗