19/11/2025
DHUKKUBA GAGGABDOO (Epileptic Seizure)
Dhukkubni gaggabdoo kan uumamu, sababa yeroof jeeqamuu weerara elektiriikawaa sammuutiinidha. Taateewwan kunis daqiiqaa muraasaaf ofwallaaluu, hollannaa to'annoon ala ta'e, akkasumas irra deddeebiin yookiin yeroo muraasaaf dhukkubsatichi akka kufu ykn akka fajaju taasisa.
Dhibeen kun namarraa namatti kan hin dabarre, yeroo dheeraaf dhibee namarra turudha.
Mallattoon dhukkuba kanaa baay'inaan hollachiisuu, kuffisuu fi ofwallaalchisuu yoo ta'u, gosoota isaa irratti hundaa'ee mallattoolee biroos mul'isuu danda'a.
ILAALCHOTA DOGOGGORAA DHIBEE KANAAN WAL QABATAN
DHUKKUBNI GAGGABDOO:-
👉 Abaarsa miti.
👉 Tuttuqqii fi hafuuraan, gorora / hancufaan, hindaddarbu.
👉 Umurii, amantaa fi saala hinfilatu.
👉 Yaala qaba
👉 Dhukkubsatichi yeroo dhukkubsatutti arrabasaa ciniinuu nidanda'a garuu arrabasaa hinliqimsu. Kanaafuu, waa afaan keessa kaa'uun dhorkaadha.
WANTOOTA DHUKKUBA GAGGABDOOF NAMA SAAXILAN
✓ Sababoota kanneen akka infekshinii, istirookii, jijjiirama caasaa sammuu fi kkf.
✓ Balaan tasaa sammuu irra ga'uu (trauma)
✓ Dheerachuu fi miixuu rakkisaa yeroo da'umsaatiin rakkoo harganuu (hanqinni oksijiinii) uumamuu.
✓ Sanyiidhaan (maatii ykn fira dhihoo keessaa namni dhibee kana qabu yoo jiraate).
Hub: Hammeenyi dhukkuba gaggabdoo mallattoo kamiinuu osoo hin agarsiisin, yeroo fi bakka kamittuu uumamuu danda'a. Sababootni dhukkubsatoota irratti miidhaa hir'ina qaamaa fi du'aatii geessisan yeroo hollachuu, kufuu fi ofwallaaluu rakkoowwan uumamanidha.
AKKA TASAA NAMNI GAGGABDOO QABU YOO NUBIRATTI KUFE MAAL GOONA? (GARGAARSA YAALA DURAA)
@ Hollannaa / hurgufamuu sababii gaggabdoo kanaan dhufu dhaabuuf yeroon nama sana qaban nimul'ata. Kun dogoggora.
@ Dhukkubsatichi bakka hammaataa (miidhaa geessisuu danda'u) tti yoo kufe, yeroo gangalatu/dhiittatu ofiisaa akka hinmiine bakka akkasiirraa fageessuu fi olkaasanii qabuun deeggarsa taasisuu.
@ Wantoota miidhaa geessisuu irra fageessuu