Dr.Nimoona Bonso

Dr.Nimoona Bonso Fayyaan Faaya!

17/11/2025

Viral Haemorrhagic Fever (VHF) maalidha?
*****************
Ministeerri fayyaa Itoophiyaa maxxansa sa'aa tokko dura Fuula isaarratti maxxanseen Dhukkubni Viral Haemorrhagic Fever jedhamu kan ammaatti maalummaan isaa adda hin baane Kibba Biyyattii Magaalaa Jinkaa keessatti akka Mul'atee fi hanga ammaa namni saddeet dhukkuba kanaan qabamuun akka shakkame barameera jedhe.
Odeeffannoo ganamaa kaasee argaa turreen ammoo Namoonni mallattoo walfakkaataa kana agarsiisan namni shan kan du'ee fi isaan keessaa Ogeessi fayyaa namoota san ilaalaa ture (Hakima tokkoo fi Narsiin tokko) akka keessa jiran dhageenye.
Waa'ee Dhukkubichaa waan muraasa!
"Viral Haemorrhagic Fever " jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:-
👉Ebola Virus
👉Marburg virus
👉Yellow Fever
👉Lassa Fever isaan ijoodha.dhukkuboonni kun heddumminaan naannoo tropical area tti deddeebin mul'atu. Weerara fiduudhanis beekamu.
Mallattooleen dhukkuba kanaa maali?
👉👉Qaama gubaa
👉👉Dhukkubbii buusaa
👉👉Ballaqamsiisaa gadi teessuma(kan dhiiga makatellee ta'uu danda’a
👉👉Dadhabbii qaamaa
👉👉Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra fi kabiroo)
Dhukkubni kun akkamiin daddarba?
👉Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu
👉Dhangala'aa namoota dhukkubichaan qabameen tiqamuu
👉Bookee busaa
👉Hargansuudhanillee kan darban ni jiru.
👉Nama dhukkubichaan du'e tuttuquu.
Dhukkubni kun nama ni ajjeesaa?
Eeyyen ni ajjeesa .hangi ajjeesuu isaa garuu gosa Vaayirasii dhukkubicha fidee irratti kan hundaa'ullee ta'u ragaa hanga ammaa jiruun 25-90% ta'a. Kana jechuun nama dhukkuboota kanaan qabame dhibba tokko keessaa namni naannoo 25 hang 90 du'uu danda'u jechuudha. Yoo deeggarsi yaalaa hin godhaminiif.
Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama?
👉Nama dhukkuba kanaan qabametti baay'ee itti dhiyaachuu dhiisuu
👉Ilbiisota addaa addaa ittisuu fi farra ilbiisotaa fayyadamuu
👉Nama dhukkubichaan qabamuu shakkame adda baasuu fi kkf fa'i
Dhukkubni kun yaala qabaa?
Dhukkuboonni kun yaala duubatti deebisu hin qaban. Wanti mana yaalatti godhamu deeggarsa ogummaa tokko tokko gochuu qofa.Deeggarsuma sanaanuu garuu hanga tokko du'aatiin ni hir'ifama.
Weerarri kun biyya keenyatti ka'e taanan balaa guddaa geessisa.Waaqni Nutti hin fidin jenna.Cabsee Dhufnaanis waan dandeenyun dura dhaabachuuf qophiidha.
Dr Birbo Chala
Sadaasa 12,2025

08/10/2025

Of Eeggannoo Namoonni Dhukkuba Sukkaaraa Qaban Taasisuu Qaban.
********************************************
1. Of Eeggannoo Qaamaa:
Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu, Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa’atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa’achuu, Yoo deeman miila qullaa fi kopheewwan miila mullisan kaa’achuu irraa of eeggachuu, Yoo miila dhiqatan bishaan dilallaa’aadhaan dhiqachuu, Miila isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu.

Sababa adda addaatiin madaan miila isaanii irratti yoo ba’e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.

2. Of Eeggannoo Qorichaa:
Qoricha mana yaalaa nuuf kennamu seeraan eegnee yoo fudhanne gilukoosii qaama keenya keessaa ggarmalee akka ol hin kaane taasisuudhaan rakkoo dhukkubi kun onnee kalee fi qaamota biroo irraan ga’u akka dafee hin dhufne tasisa.

3. Of Eeggannoo Nyaataa:
Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi’aawaa, fi kkf. Irraa of qusachuu qabna. Kuduraa fi Muduraa mimmiyaa’oo hin taane ammoo sirriitti siirachuudha. (Asirratti yeroo tokko tokko sukkaara baay’isanii nyaachuudhaan dhukkubni sukkaaraa nama qaba jedhanii kan yaadan dogoggora. Erga dhukkuba sukkaaraan qabamnee garuu nyaachuu hin qabnu.)

Nyaata coomaa fi dhadhaaan itti baay’ate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun ofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.

Sababa adda addaatiin yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’e mallattoo akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi of wallaaluu yoo argitan daftanii waan sukkaara qabu xiqqoo fudhachuu qabdu. Kan akka karamellaa, lallaafaa… Akkuma Mallattoon sirraa’een garuu dhaabuu qabna.

KAANSARII      **********Kaansariin kan uumamu hogguu seeliin qaama keenyaa guddina seeran alaa/abnormal/ tasiisaniidha....
13/09/2025

KAANSARII
**********
Kaansariin kan uumamu hogguu seeliin qaama keenyaa guddina seeran alaa/abnormal/ tasiisaniidha. kaansariin sirna qaama keenyaa kamuu hubuu kan danda'u yoo ta'u, lakkoofsan gosoonni kaansarii 100 oli. kaansariin tokko maqaa qaama jalqaba hubeen haa wamamu malee dandeettii qaama namaa kamittuu faca'uu/tamsa'uu qaba.
Kaansariin akka addunyaatti nama ajjeesudhaan dhukkuba onneetti aanee sadarkaa lammaffaarratti argama. Kaansariin sirna qaama namaa kamiyyuu hubuu kan danda'u yoo ta'u; kaansariin somba namoota heddu qabuu fi ajjeesuudhan sadarkaa duraa irratti argama. Kaansariin harmaa nama qabuudhaan sadarkaa lammaffaa irrati yoo argamu, nama ajjeesuudhaan sadarkaa shanaffaarraatti argama. Akka Afrikaattis haa ta'uu akka biyya keenyatti kaansariiwwan hedduminaan ummata dararaa jiran kaansarii ulaa gadaameessa, kaansarii tiruu, kaansarii harmaafii kkf.

KAANSARIIN eenyu qabuu danda'a:
*************
1.Namoota umriidhaan raagan.
2.Nama fira kaansarini qabame qabu(sanyiidhaan)
3.Tamboo xuuxuu-gosa kaansarii hedduuf sababa ta'a, keessumatuu kaansarii: Sombaa, Kalee, Rajiijii, Garaachaa.
* Namni tamboo xuuxuu yoo dhaabe carraa kaansariidhaan du'uu ni hiri'isa. Nama tamboo xuuxu qofa osoo hin taane namni aara tambootiif saaxilamu (miseensa maatii, hiriyaa fi kan biraas) kaansariidhaan qabamuuf carraa qabu.
* Naannoo baadiyatti keessumattuu dubartoonni aara mana keessatiin hubamaniis hamma tokko Carraa kaansarii sombaatiin qabamuu qabu.
4.Akoolii baay'isuu
5.Garmalee furdachuu.
6.Sochii qaama(Ispoortii) gochuu dhabuu.
7.Kuduraa fi Muduraa nyaata keessaa dhabuu.
8.Wal-qunnamtii saalaa dhiira tokko ol ta'e waliin rawwachuu-dubartootatti kaansarii ulaa gadameessa/Cervical cancer/ fida.
9.Infeekshiinii-vaayrasii tiruu/hepatatis/ ,vaayrsii ulaa gadameessaa hubu/human papiloma virus, HPV/ , vaayrasii HIV, dhukkuba garaachaa baakteeriyaadhaan dhufu/H.pylori/
10.Ifa aduutiif garmalee saaxilamuu- kaansarii gogaa/melanoma/hedduudhaaf

11/09/2025

Baga bara 2018 isin gahe.
Barri kun kan milkii akka isiniif ta'u hawwa.

CONGRATULATIONS to all Ethiopians and Her Allies !!The Grand Ethiopian Renaissance Dam rises above all. The great Nile r...
08/09/2025

CONGRATULATIONS to all Ethiopians and Her Allies !!
The Grand Ethiopian Renaissance Dam rises above all. The great Nile renaissance Dam is the largest number one dam in Africa. It is a symbol of innovation, energy, and unity. This project has brought us together — built by Ethiopians, for Ethiopians!

Fooliki asiidii maali?faayidaan inni dubartii ulfaaf qabu hoo maali? Yeroo daa'iman boca sammuu fi ispaayinaal koordi si...
23/08/2025

Fooliki asiidii maali?faayidaan inni dubartii ulfaaf qabu hoo maali? Yeroo daa'iman boca sammuu fi ispaayinaal koordi sirrii hin taanee dhalatani,hawaasa biratti akka abaarsa waaqaatti ilaalama ,garuu saayinsiin hoo maal jedha?
•fooliki asiidiin gosa viitamin 9 tahee,Kan namtolcheedhaan hojjatamuudha.
Fooliki asiidiin,viitaminoota jiran keessaa goota ulfaa jedhamuun beekkama,sababni isaas sammuun fi ispaayinaal koordiin keennaa boca isaa qabatee akka uumamu taasisa.
Kanaafuu, dubartiin takka yeroo ulfaa fi ulfa dura yoo gosa viitaminii kana gahaa hin argatin bocni sammuu fi ispaayinaal koordii uumamu sirrii hin tahu jechuudha.
Maddooni viitaminii kanaa hoo?baaqelanuugiihanqaaquumuduraa fi kuduraalee garagaraati.tahus maddoon armaan oli dubartii ulfaaf gahaa waan hin taaneef,bifa qorichaatiin fudhachuu qabu.
•Dubartiin ulfaa takka ykn ulfaayuu barbaaddu takka yeroo akkamii viitaminii kana fudhachuu qabdi?
*osoo hin ulfaayiin dura jia tokkoof fi erga ulfooftee booda yoo xiqqaatee jia sadiif,oggeessa fayyaatin kennamuuf qaba.
Faayidaaleen woliigalaa dubartii ulfaa viitaminii kanarraa argattu muraasni;
-daa'imni ishee rakkoo cufamuu dhabuu sammuu fi cufamuu dhabuu ispaayinaal koordii akka muudanneef gargaara.
-akka rakkoon cufamuu dhabuu sammuu fi ispaayinaal koordii irra deebiin daa'ima ishee irratti hin uumamne ittisa.
-baqaqaan dhalachuu hidhii daa'imanii ittisa.
_akka daa'imni ishee yeroo isaa eeggatee dhalatu taasisa.
_akka daa'imni ishee ulfaatina qaama sirrii tahe woji akka dhalatu taasisa.
_akka ulfi irraa hin jigne ittisa.
_dhiibba dhiigaa yeroo ulfaa ni ittisa.
_akkasumas akka daaimni ishee gara fuulduratti dhibee onnee,dhibee sukkaara,fi gosoota kaansarii garagaraatin hin qabamne gargaara.

Amaloota addaa Gadaamessaa keessaa muraasa:-1.Gadaamessi addunyaa jalqabaa ilma namaati.2.Yeroo dubartiin da'umsaaf geet...
17/08/2025

Amaloota addaa Gadaamessaa keessaa muraasa:-
1.Gadaamessi addunyaa jalqabaa ilma namaati.
2.Yeroo dubartiin da'umsaaf geettetti malqaa,hobbaatii fi dhangala'aa osoo hin dabalatin hanga 1000 gram ulfaachu danda'a. Deesse ji'a ji'a boodatti 50-100 giramaatti deebi'a.
3.Gadaamessi sagalee fi ifa dabarsuu danda'a. Dubartiin jalqaba ulfaa torbee 18-20tii jiddutti sochii mucaa jalqabaaf/first fetal Quickening yoo dhageessu,kan duraan dahan torbee 16-18tii jiddutti dhagahu.Dhahannaa onnee mucaas alaan altraasaawundii malee lakkawuun kanumaaf danda'ama.
4.Dubartiin gadaamessa malee dhalattu ni jirti.Kunis dubartoota 4500 keessaa 1 irratti mul'achuu danda'a.
5.Gadaamessi gosa garaagaraa qaba.Gosti hundi ulfaaf mijataa miti.
6.Fiixeen gadaamessaa/sarviksiin yeroo ciniinsuu hamma waraqaa happachuu danda'a.
7.Ji'a ji'aan sanyiin kormaa fi dhalaa yoo wal hin argatini xuriin laguu bifa dhiigaan yoo bahu,yoo walargatan fartilaayizeeshinii booda oovamii fudhachuun ofitti qabata.Oovamiin akka guddatuuf mijatus dhangala'aa elemantoota lubbuuf barbaachisoo akka K,Na,Cl,gilukoos,pirootinii fi k*k oomisha.
8.Gadaamessi maashaa laayeri sadi kan qabuudha.Inni keessoo/iindoomeeyrim isa itti aanu /maayoomeetrim keessa yoo seene dhukkubbii namatti fida.Xannachii fi tishuun indoomeetrim yoo qaama isaan ala gara oovaarii fi k*k bahees dhukkubbii namatti fida.
9.Gadaamessaan alatti dubartiin ulfaa'uu/ectopic pregnancy ni dandeessi garuu kun miidhaa irraan waan gahuuf yerootti yaalamuu qabdi.
10.Gadaamessi jiddugaleessaan dheerina 7.5cm,jidduutti 4cm fi afoogara duubaatti 2.5cm ta'a.Kuni garuu dubartoota dura dahan irratti warra jalqabaa ni caala.
faaya...................................
Dr.Nimoona Bonso

.
22/06/2025

.

"Biyya baay'inna ummataaa miliyoona 100 ol qabdu keessatti ogeeyyiin fayyaa kuma 500 hin caallee mormii kaasuun wanti dhufu hin jiru. Guutun guututti yoo badanis miidhaan dhufu hin jiru. Kaleessa bar ogeessi fayyaa hin turre, garuu ummatni inuma jiraachaa ture" MM Abiyyii Ahmaditu jedhe kan jedhu yoo dhagahu miira aarii fi gaddaan wal maketu natti dhaga'ame. Hilarious!

Jechi dadhabaan akkanaa maal irraa madda kan jedhu nan dhiisa. Akka ogeessa fayyaatti; akka nama umrii isaa barnootaa fi tajaajila fayyaa kennuun dabarseetti, akka lammiittis deebiin koo:

Eeyyan dhalli namaa dur duri, osoo wal'aansi ammayyaa hin dhufin duras, jiraachaa tureera. Garuu aarsaa guddaa itti kafalaa ture. Duri sababa dhukkuba gara kaasaatiif haati ilmoo ishii awwaalteerti. Dhiiga dahumsa boodaatiin ilmaan haadha malee hafteerti. Abbaan osoo qotu sibiilli waraane teetanasiin du'eera. Maatiin yataamatti hafeera. Dhukkuboonni wal'aansa qaban kan akka daranyoo sombaa, koleeraa, bookeebusaa, gifiraa, dadhabbii onnee fi kkf dhala namaa jaarraa hedduuf ajjeesaniiru. Dargaggeessa qotee, bocee, baratee, barsiisee biyya jijjiiruu danda'u dhukkuboota salphaaf dhabneerra. Umriin namaa(life expectancy) wal'aansa ammayyaa dura waggaa 30-40 ture.

Akka muummichi jedhe, erga ogeeyyiin fayyaa dhabamuun miidhaan dhufu hin jiru tahe, maaliif namoonni mallaqa kana hunda dhangalaasanii mana yaalaa deemu? Maaliif abbaan mana isaa gurguree ilmoo yaalchifata?

Nama biyya bulchaarurraa jecha akkasii dhagahuun qaanyii guddaa dha. Uumatti aansee yoo ogeessi fayyaa hin jirree daa'imti kichuu citti, haati dahumsaan miidhamti, qotee bulaan sababa gasoon miila dhoofteef wal'aansa teetanasii dhabee du'a.

Sababa ogeessa fayyaa; Smallpoxn adunyarraa dhabamsiifameera. Pooliyoon biyyoota hedduurraa badeera. Dhukkubsataan HIV lubbuun tureera. COVID-19n waggaa tokkotti talaallii argateera. Dhukkuboonni infekshinii hedduun amma yaala qabu. TBn, gifiraan, vaayirasiin tiruu, kaansariin hulaa gadaamessaa, fi kkf talaalliii fi wal'aansa kan argatan ogeessa fayyaatiin tahuu beekaa laata? Ummatni Adunyaa saffisaan wal-horee, umriin dheeratee biiliyeena 8, ummanni Itoophiyaa miliyoona 100 akka caalu maaltu godhe laata? Tajaajilli fayyaa sababa adda duree dha.

Akkuma namuu beeku, biyya tanattii ogeeyyiin fayyaa; kaffaltii xiqqaan, bakkaa fi haala mijataa hin taane hedduu keessatti aarsa olaanaa kaffaluun hawaasicha tajaajilu. MM tanaarraa hijaaba.
Dhumarratti wanti jedhu, ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessa jiraachuu fi dhiisuun si'i hin miidhu taha. Duras atii fi ministerronni tee biyya keessatti hin yaalamtan. Biyyattii garuu ni miidha. Hawaasa keenna ni miidha.

MM kana yeroo hedduu jechoota fi gochoota nama barate jibbuutu irraa muldha. Sababa gochoota isaa biyyattiin "sammuun goguuf" deemti; dhalootni barnoota jibbe, beektonni, doktoroonni, hayyuun saayinsii fi barsiisaan carraa argate hundaan biyyaa baqachutti jira.

Haala kanaan itti fuufnaa sirni fayyaa biyyattii duraanuu dadhabaa ture, kufuun isaa ifa-gala. Bulchiinsa biyya tanaarraa erga abdii kunnee oollee bulleera. Ofuma keenyaa furmaata ni barbaadanna. Tiisisarraa damma hin eegnu.

Nagaan oolaa.
đź“· AI
©Mishaa B. (MD)

06/06/2025

Baga geessan
Warra Baranaa kan Egeree.
Eid mubarak.

03/06/2025

Paappayaa
1. Fayyaa ijaa fi dandeettii arguu keessatti ga'ee ol'aanaa qaban (Vaayitamin A baay'inaan waan qabuuf)
2. Fayyaa lafee keenyaaf tumsa addaa qaba (xuuxamuu elementii kaalsiyeemii waan dabaluuf, akkasumas elementii calcium waan qabuuf)
3. Bullaa'iinsa soorataaf hedduu gargaara (Qabiyyee nyaata hafaa ykn fiber ol'aanaa waan qabuuf)
4. Fayyaa rifeensaaf gaariidha (Vaayitamin C'n uumama collagen keessatti ga'ee waan qabuuf)
5. Fayyaa gogaa ni eega (Vaayitaamin C fi Lycopene ga'aa of keessaa qaba).
--------------
Walumaa galatti qabiyyee ol'aanaan addatti Paappayaan ofkeessaa qabu:
â—ŹFolate
â—ŹVitamin A
â—ŹVitamin C
â—ŹFiber
â—ŹCopper
â—ŹMagnesium fi
â—ŹPotassium fa'i.
---------------
Fayyaan Faaya

Nama nu dhagayyuu fi deebii keenya oduu godhu dhabne.Tomorrow we will start full strike.
18/05/2025

Nama nu dhagayyuu fi deebii keenya oduu godhu dhabne.
Tomorrow we will start full strike.

16/05/2025

Dr.Chalan maa badee ?
Waan gaafii mirgaa gaafatee yoo hiitan ta,e, kun fala tasuma hin ta'u.

Address

Robe
Arsi

Telephone

+251931253350

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Nimoona Bonso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category