16/08/2025
Mallattoolee Hamaa ykn Yaaddessaa (Red Flags) Dhukkuba Dugda Gadi kan Jedhaman
1. Nama umurii waggaa 50 olii ykn waggaa 20 gadii irratti yoo mul’ate.
2. Nama qamaa isaa duraan kansariin miidhame yoo qabaate.
3. Ulfaatinni qaamaa sababa hin beekamne yoo dafee hir’ate.
4. Qaamni ofirraa ittisa dhukkubaa dadhabuu (immunosuppression) yoo qabaate; fakkeenyaaf nama HIV qabu ykn nyaata gahaa dhabuu.
5. Infeekshinii fincaanii yoo qabaate, dawaa limmoo (IV drug) yoo fayyadame, qorra ykn ho’aa qaamaa (fever/chills) yoo qabaate.
6. Dhukkubni dugdaa boqonnaan hin fooyyaane.
7. Balaa ykn miidhaan cimaa dugda irratti yoo qunname.
8. Dawaa istirooyidii (steroid) yeroo dheeraaf yoo fayyadame.
9. Fincaan baasu dhoorkamuu ykn to’achuu dadhabuu.
10. Sagaraa (bobbaa) baasu ykn to’achuu dadhabuu.
11. Naannoo qaama teechumaa fi qaama dhiiraa/dubartii irratti hubannoo dhabuu (yoo xuqame hin dhagahamne).
12. Miilota gadii irratti dadhabuu ykn laamfamuu saffisaan dabalaa adeemu.
Hubachiisa!
Namni dhukkuba dugdaa qabu yoo mallattoolee hamaa kana keessaa tokko ykn baay’ee qabaate, dafanii gara hospitaalaa deemuun MRI ykn CT SCAN’n yoo ilaalame, wanti baqaqsanii yaaluu barbaachisu yoo argame, sa’aatii 48–72 keessatti yoo wal’aanne carraan fayyuun guddaa dha!