Dr.Tesfaye Negi-Neurosurgeon

Dr.Tesfaye Negi-Neurosurgeon Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr.Tesfaye Negi-Neurosurgeon, Doctor, Assela, Asela.

Mallattoolee Hamaa ykn Yaaddessaa (Red Flags) Dhukkuba Dugda Gadi kan Jedhaman1. Nama umurii waggaa 50 olii ykn waggaa 2...
16/08/2025

Mallattoolee Hamaa ykn Yaaddessaa (Red Flags) Dhukkuba Dugda Gadi kan Jedhaman
1. Nama umurii waggaa 50 olii ykn waggaa 20 gadii irratti yoo mul’ate.
2. Nama qamaa isaa duraan kansariin miidhame yoo qabaate.
3. Ulfaatinni qaamaa sababa hin beekamne yoo dafee hir’ate.
4. Qaamni ofirraa ittisa dhukkubaa dadhabuu (immunosuppression) yoo qabaate; fakkeenyaaf nama HIV qabu ykn nyaata gahaa dhabuu.
5. Infeekshinii fincaanii yoo qabaate, dawaa limmoo (IV drug) yoo fayyadame, qorra ykn ho’aa qaamaa (fever/chills) yoo qabaate.
6. Dhukkubni dugdaa boqonnaan hin fooyyaane.
7. Balaa ykn miidhaan cimaa dugda irratti yoo qunname.
8. Dawaa istirooyidii (steroid) yeroo dheeraaf yoo fayyadame.
9. Fincaan baasu dhoorkamuu ykn to’achuu dadhabuu.
10. Sagaraa (bobbaa) baasu ykn to’achuu dadhabuu.
11. Naannoo qaama teechumaa fi qaama dhiiraa/dubartii irratti hubannoo dhabuu (yoo xuqame hin dhagahamne).
12. Miilota gadii irratti dadhabuu ykn laamfamuu saffisaan dabalaa adeemu.
Hubachiisa!
Namni dhukkuba dugdaa qabu yoo mallattoolee hamaa kana keessaa tokko ykn baay’ee qabaate, dafanii gara hospitaalaa deemuun MRI ykn CT SCAN’n yoo ilaalame, wanti baqaqsanii yaaluu barbaachisu yoo argame, sa’aatii 48–72 keessatti yoo wal’aanne carraan fayyuun guddaa dha!

Dhukkuba Dugda Gadi (Low Back Pain – LBP)• Dhukkubni dugdaa namoota baay’ee irratti mul’ata; qufaa ykn utaaloo booda sab...
16/08/2025

Dhukkuba Dugda Gadi (Low Back Pain – LBP)
• Dhukkubni dugdaa namoota baay’ee irratti mul’ata; qufaa ykn utaaloo booda sababa lammaffaa namoonni gara mana yaalaa deeman ykn hojii irraa hafanidha.
• Akka qorannoon mul’isutti, namoota addunyaa irra jiraatan keessaa parsantii 60–90% jireenya isaanii keessatti yoo xiqqaate al tokko dhukkubni dugdaa kun ni muudata.
• Akka ragaan agarsiisutti, dhukkubni kun yeroo hedduu yaalii guddaa malee ykn yaalii fayyaa xiqqoo qofaan ni fooyya’a. Yeroo baay’ee (parsantii 85–90%) dhukkubni kun torbee 4–6 keessatti fooyya’a. Haa ta’u malee, yeroo kana keessatti fooyya’iinsi hin mul’anne yoo ta’e, dafanii gara mana yaalaa deemuun maashina MRI ykn CT SCAN jedhamuun ilaalamuu fi yaala barbaachisu argachuu qabu.
• Yeroo baay’ee sababni dhukkuba kanaa sababa salphaa foon ykn lafee dugdaa ti. Sababoonni biroo dhukkuba kanaaf sababa ta’an keessaa: mucuca’uu ykn baqaquu diskii, cabuu lafee dugdaa, infeekshinii lafee dugdaa, xanacha ykn kansarii lafee dugdaa ykn spinal cord irratti argamu fi kkf.

Honored to begin neurosurgical services in Bale Zone — a critical step toward providing life-saving and timely care for ...
13/08/2025

Honored to begin neurosurgical services in Bale Zone — a critical step toward providing life-saving and timely care for neurosurgical emergencies, while reducing the cost and travel burden for patients!

🌟 Oduu Gammachisaa Hawaasa Godina Baalee Hundaaf! 🌟🏥💙

Hospitaala Meelbaa 🏥✨ ispeeshaalistii hojii haaran hojii biraas 🚀 jalqabeera!

Ammas Ispeeshalistii baqaqsanii yaaluu dhukkuba sammuu 🧠💭, narvii 🦴🫀⚡ fi ispaayinaal koordii (Spinal Cord) 🩻🛡️ irratti tajaajila addaa 🌟 kennuu jalqabeera.

💡 Kun imaammata fayyaa godina keenyaa keessatti tarkaanfii guddaa 📈 ta’ee, namoota dhukkuba kanaan miidhaman gara magaalaa fagoo 🗺️🚗 deema turan asumati baasi hin taanef osoo hin saaxiamin yaala eegalle jirra🙌.

👏 Baga gammaddan! 🎉 Tajaajilli kun hawaasa keenya 👫🏾👨‍👩‍👧‍👦 🌱 bu’a qabeessa ta’a! 💎

💊 Tajaajila Kenninu

🧠 Xannacha (Kaansarii) Sammuu
🤕 Miidhama Mataa fi Dugdaa (kan balaa irraa ka’e) 🚑
🦠 Infekshini Sammuu (Malaa Sammuu keessa)
💢 Dhulutubbii Dugdaa fi Mormaa
📀 Baqaqquu (Muccuccachuu) diliski (Disc Herniation)
🧬 Xannacha (Kaansarii) Ispaaayinaal Koordii
⚠️ Rakkoowwan uumama sammuu fi Ispaaayinaal Koordii
👶 Bananmu Dugda Daa’immanii (Spina Bifida) 🍼
💧 Bishaan sammuu keessaa kuufamu (Hydrocephalus)
🩸 Dhangala’uuinsa Dhiigaa Sammuu Keessatti (Stroke)

---

👨‍⚕️ Dr. Tasfaayee Nagii
(Ispeshaalistii Baqaqsanii yaaluu Sammuu 🧠🔬, Ispaaayinaal Koordii 🩻⚡ fi Narviii, Gargaarraa Piroofeessera 🎓)

📍 Teessoon:
🏙️ Roobee Baalee
🛣️ Addabaabayii Waaqoo Guutuu karaa bahaatin
🏢 Marfata Gooroo, Gamoo Boing duraanii irratti nu argattu

📞 Bilbilaa:
📲 0986 999 755
📲 0908 070 020

✨ HOSPITAALA MEELBAA 💙🏥 — Fayyaadhaaf Filannoo Sirrii! 🌿

Address

Assela
Asela

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Tesfaye Negi-Neurosurgeon posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category