Naa'ol Baacaa

Naa'ol Baacaa Odeefannoo Fayyaa Sammuu Bilisaan Argachuuf Maatii PAGE Keenya Taa'a!Sammuun Gaggeessaa qaama maarati Fayyaa Sammuu Male Fayyaan Hin Jiruu!!

28/03/2025

Dhukkuba Amala Farra Hawaasummaa -
(Antisocial Personality Disorder)
***********
Amalli dhuunfaa nama tokkoo muuxannoo, haala naannoo (iddoo jireenyaa), fi amaloota dhaalaan argamaniin murtaaya. Kanaaf, namoonni amala adda addaa qabaatu. Amaloonni adda adda namni tokko qabu wolitti ida’amuun namummaa (amala dhuunfaa) nama sanii kan ibsan ta’u.
—-

—-
Namonni tokko tokko garu sababoota adda addaatiif (dhaalaa fi jijjiirama haala hojii sammuu irraa) amala hin baratamne, kan adda ta’ee fi hawaasa keessatti akka amala gadheetti Ilaallamu deddeebiin gochuu (qabaachuu) danda’u. Amalli gadheen isaan itti fuufiinsan qabaatan kunis jireenya dhuunfaa, hojii, barnootaa, fi hawaasummaa isaanii kan jeequ ta’a. Amalli dhuunfaa sadarkaa san gahe akka rakkoo fayyaa sammuu cimaa (personality disorders) ilallama.
—-

—-
Rakkoowwan (dhukkuboonni) amala dhuunfaa (personality disorders) akaaku kudhantu jira. Isaan keessaa tokko kan ta’e dhukkuba amala farra hawaasummaa (antisocial personality disorder) asii gadiitti ilaalla.
—-

—-
Namoonni dhukkuba farra hawaasummaa qaban yeroo baay’ee safuu, ittiin bulmaata, fi bartee hawaasaa, akkasumas seera cabsuudhaan yakkamtoota ta’u. Yeroo hedduu, wontoota hookkora kakaasan godhu. Kijibuun, sobuun, dawaalee sammuu namaa hadoochanii fi alkoolii deddeebiin dhuguun isaan irratti muldhata. Itti gaafatamummaa maatii fi hojii isaanii irratti fuulleffatanii milkaayuun itti ulfaata.

Mallattoowwan dhukkuba amala farra hawaasummaa ijoo ta’an kan deddeebiin mul’atan isan armaan gadii kana:

* Waan hawaasni dogoggora jedhee fudhatu tuffachuu.
* Deddebiin waan soba ta’e dubbachuu.
* Miira namoota birootiif dhimma dhabuu ykn namoota kabajuu dhiisuu.
* Miira olaantummaa qabaachuu ( ani nama addaa fi ol’aanadha jedhanii yaaduu fa’a danda’u)
* Wontoota yakkaa ta’an deddeebiin raawwachuu
* Diinummaa, gara jabeessummaa, jeequmsa uumuu, fi namoota biroo doorsisuu.
* Namoota biroo miidhuun akka yakka hintaane itti dhaga’amuu.
* Nageenya ofiitii fi namoota birootiif dantaa dhabuu irraa wantoota balaa geessisan hojjachuu.
* Itti gaafatamummaa bahuu dadhabuu. Itti gaafatamummaa hojii ykn maatii bahuu dhabuu.
* Fedha fi yaalii of-ajjeesuu, akkasuma namoota biroo ajjeesuu qabaachuu
* Akkasumas, miidhaa qaamaa namoota irratti geessisuu, hatuu, seera cimaa cabsuu, qabeenya balleessuu, sobuu fi amanamummaa dhabuun mallatoolee ijoo muldhataniidha.

Yaala gahaa malee, dhukkubni amala farra hawaasummaa (antisocial personality disorder) rakkoo umurii guutuu nama wojji jiraatu ta’a. Garuu namoota tokko tokko irratti mallattooleen tokko tokko ― keessattu amala hookkara uumuu fi yakkaa raawwachuu ― yeroodhaan hir’achaa deemuu danda’u.
—-

—-
Namoonni dhukkuba farra hawaasummaa qaban ofuma isaaniitiin gargaarsa yaalaa hin barbaadan. Sirri akka ta’anii fi miira itti dhaga’amu irraas waan godhanitti hin gaabban. Kanaaf, hiriyyaan keessan ykn miseensi maatii keessan mallattoole kana muldhisuun yoo dhukkuba kana qabaachuu akka dandaʼu shakkitan, namni sun ogeessa fayyaa sammuu bira deemuun gargaarsa akka argatu suuta gorsuun amansiisuun gargaara!

Fayyaa Sammuu Male Fayyaan hin jiruu 🧠 🧠


13/02/2025

Namni jireenya kee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenya kee gidduu galuufis namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenya keef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha!

Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofii keef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji!

Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireenyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti.

Namni filannoo dhuunfaasaa jireenya kee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenya keef, ofii keef gahaa miti jechuu miti.

Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun!

Nama keessaas namni dalagaa keetti amanu, jabina kee beekuufi filannoo kee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uu kee hubatu, kan naannoosaa jiraachuun kee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu!

Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofii keef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuun miirri ofii keef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu isaaniin hin dhagahiin.

12/02/2025
Congratulations
26/07/2024

Congratulations

14/06/2024

Namni Gaggabdoo (Epilepsy)qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessa ?

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessaa muraasni:
✓ Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessuu.
✓ Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii hirkisuu
✓ Akka qilleensa haalaan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.
✓ Hanga isaan of baranitti itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.
✓ Naannoo morma isaaniitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.

Wantoota godhamuu hin qabne!
√ Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.
√ Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baranitti kennamuufii hin qabu.
√ Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sosochoosuuf yaaluun hin barbaachisu.
√ Kiribiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu.
√ Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

05/06/2024

?

Saayinsii Fayyaa Sammuu keessatti wanti maraataa jedhamu hin jiru! Sammuun keenya garuu akkuma qaamota biroo dhibeewwan adda addaa dhukkubsachuu danda'a. Dhibeewwan kunis maqaa fi mallattoolee garaagaraa kan qaban yoo ta'u akkuma dhukkuboota qaamaa biroo yaalamuu danda'u.

➡️Hundaafuu Maraatan Eenyu?

✓Nama dhibee sammuu dhukkubsatu gowwomsanii qabeenya isaa fudhachuu?❗

✓Nama dhukkubsatee qofa haasa'u ykn boo'u qoosaaf Itti fayyadamuu?❗

✓Nama dhibee sammuu dhukkubsatu of hin beekuu jeechuun saalqunnamtiif kakaasuu?❗

✓Nama sammuun dhukkubsate maallaqaan gowwoomsuun Ittin bashannanuu?❗

➡️Hundaafuu nuti boru dhukkubsachuu dhiisuuf ragaa qabna?

Walumaagalatti nama dhibee garaachaa, kalee,narvii,fi kkf dhukkubsatu namni Itti qoosuu hin jiru. Sammuun keenyas akkuma qaamolee kanniinii dhukkubsachuu waan danda'uuf qoosaa dhiisnee waa'ee dhibeewwan sammuu irratti hubannoo sirrii qabaachuun qabna.

➡️Waan hoojjannu hundaaf immoo waaqa haa Sodaannu!

Fayyaa ta'aa!
©Beekii M•[Ogeessa Yaala Sammuu]

ወደ አማኑኤል ሆስፒታል የሚገቡ የአዕምሮ  ህሙማን ቁጥር እየጨመረ ነው ተባለ፡፡በሆስፒታሉ አስተኝቶ ህክምና ምክትል ዳይሬክተር   ነርስ ተስፋዬ አለምነህ   ወደ ሆስፒታሉ የሚመጡ አዳዲስ  ታ...
22/05/2024

ወደ አማኑኤል ሆስፒታል የሚገቡ የአዕምሮ ህሙማን ቁጥር እየጨመረ ነው ተባለ፡፡

በሆስፒታሉ አስተኝቶ ህክምና ምክትል ዳይሬክተር ነርስ ተስፋዬ አለምነህ ወደ ሆስፒታሉ የሚመጡ አዳዲስ ታካሚዎች እየጨመሩ መምጣጣታቸውን ተናግረዋል፡፡

በአማኑኤል አዕምሮ ስፔሻላይዝድ ሆስፒታል ከሚመጡ ታካሚዎች ከሴቶች በበለጠ ወንዶች ትልቁን ቦታ ይይዛሉም ተብሏል።

ከሆስፒታሉ ደህና ሆነው ወተው ከወጡም በኋላ ያለው ሁኔታ የተስተካከለ ስለማይሆንላቸው ተመልሶ የማገርሸት እና ተመልሶ የመምጣት ነገር እየጨመረ መጥቷል ሲሉ ለኢትዮ ኤፍ ኤም ተናግረዋል፡፡

አንድ ክፍተት እየፈጠረ ያለው የተጠኑ ጥናቶች ባለመኖራቸው መንግስትም ትኩረት እየሰጠው አለመሆኑ እንደሆነ ገልፀዋል፡፡

ወደ አማኑኤል ሆስፒታል የሚመጡ አብዛኞቹ ታካሚዎች ድባቴ ፣ባይፖላር ፣ ከባድ የአእምሮ ህመምና በአደንዛዥ እፅ ሱስ ሳቢያ የሚመጣ የአዕምሮ ህመም የተጠቁ እንደሆኑ ገልፀዋል፡፡

በሆስፒታሉ ከሚታከሙ ታካሚዎቸ ውስጥ በብዛት ከ20-40 አመት የእድሜ ክልል ውስጥ የሚገኙት ቁጥራቸው ከፍ እንደሚል አንስተዋል ፡፡

የሆስፒታሉ ግንባታም በጣም የቆየ እና ደረጃውን የጠበቀ እንዳልሆነ የተናገሩት አቶ ተስፋዬ በተደጋጋሚ የአልጋ እጥረቶች እንደሚገጥሟች አስታውቀዋል፡፡

ለሚፈጠሩ ክፍተቶች እንደማስተንፈሻም በጤና ሚኒስተር አማካኝነት በሆስፒታሉ ግቢ ሌላ ህንፃ ለመገንባት መሰረተ ድንጋይ መጣሉን እና በአንድ አመት ግዜ ውስጥ ያልቃል ተብሎ እቅድ ተይዟል ብለዋል፡፡

የአእምሮ ህመም ታክሞ መዳን የሚችል በመሆኑ ህብረተሰቡ በቂ ግንዛቤ ሊኖረው እንደሚገባም ተግረዋል፡፡

ኢትዮ ኤፍኤም

Address

Asella
PSYCHIATRIST

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naa'ol Baacaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Naa'ol Baacaa:

Share