Gola oda wareda healthy office

Gola oda wareda healthy office Dhimmoota fayyaa hawaasatif barbaachisa tahee fii hin taane irraattii hubannoo wal jijjiiruudhaa.

🌴 Faayidaa Baala Nana ☘️ Yeroo gara baadiyyaa biyya keenyaatti baane biqiltuun kun urgooftuu baay’ee urgooftuu ta’ee fi ...
20/01/2026

🌴 Faayidaa Baala Nana ☘️

Yeroo gara baadiyyaa biyya keenyaatti baane biqiltuun kun urgooftuu baay’ee urgooftuu ta’ee fi gaara fi qarqara daandii irratti biqilu qaba. Sanyii mi'eessituu kana erga gogee fi haala gaarii irra jiruun fayyadamuu dandeenya.

Zayitiin mint (nana) akka waan shaampoo ilkaanii, gogaa, karameellaa fi meeshaalee miidhaginaa oomishuuf itti fayyadama. Mint gosoota adda addaa hanga 20 ta’antu jira. Baalli nana salphaatti guddachuu kan danda’u yoo ta’u, nyaataa fi shaayiitti dabalamuun mi’aa fooyya’aa nuuf kennuu danda’a. Akkasumas baala mukaa qabiyyee antioksidaantii olaanaa qabuudha.

Qabiyyee: Baala toofuu giraama 100.
ka anniisaa------------44 kg kaalorii
8. kaarboohayidireetii----giraama 8.41
፨ . cooma--------------- giraama 0.73 ta’a
pirootiinii------------3.29 giraama
፨ . sibiilli------11.87 ml
Sibiila diimaa-------0.240 ml
-- Pootaasiyeemii--458 ml
Vitamin C -- 13.3 ml fi isaa ol.

Baalli kun faayidaa hedduu qabaatus, muraasa isaanii arguuf qofa:-

1 Gogaa namaa aarsuu (alarjiidhaaf):- Asiidiin roozmarii baala mint of keessaa qabu gogaa yeroo ammaa (allergic) karaa uumamaan yaaluuf gargaara.

2 harma hoosisuuf:- baalli mint haadholii harma hoosisanii fi daa’imaaf gaarii dha; wanti inni of keessaa qabu dhukkubbii fi caccabni fiixee harmaa irratti akka hin uumamne taasisa.

3 Qorqorroo fayyisuuf: Shaayiin Tosgn keessumaa qoonqoo sababa qorraan cufame banuuf faayidaa guddaa qaba.

4 ፡Dhukkubbii garaachaaf:- Baalli nana dhukkubbii garaachaa fi bullaa'insa nyaataaf furmaata ta'ee yeroo dheeraaf tajaajilaa ture. Namoonni dhukkubbii garaachaan rakkatan qoricha Super Mint irraa hojjetame kana torban afuriif guyyaatti al lama fudhachuun dhukkubbii isaanii dhibbeentaa 50 ol hir'isuu danda'u.

5 Dhukkubbii hir'isuu:- Odeeffannoon akka mul'isutti hawaasni Bushmen dhukkubbii isaanii irraa boqonnaa argachuuf mint Biraazil akka asprinkini fayyadamuu danda'u.

6 Gogaaf:- Yeroo baay’ee gogaan keenya sababa ciniinnaa xixiqqoo ykn sababa adda addaatiin miidhamuu danda’a. Looshiniin miidhaginaa Naanaan qopheesse furmaata hundarra gaarii ta'uun isaa argameera.

7 Fayyaa afaan keessaa:- Baalli nana wanta uumamaa farra inflammatory kan of keessaa qabu yoo ta'u fayyaa afaaniitiif faayidaa guddaa qaba. Kana malees, afuura gaarii qabaachuuf gargaara.

Baalli nana miidhaa cinaa qabaachuu waan danda'uuf yeroo itti fayyadamnu of eeggannoo gochuu qabna.

🌿 Nana baay'ee fayyadamuun hin gorfamu.
🌿 Zayitii mint daa'immanii fi daa'imman irratti dibachuun balaa qaba.
🌿 Namni dhagaa cilee qabu Nana (mint) fayyadamuu hin qabu .
🌿Dubartoota ulfaaf fayyadamuun hin gorfamu.

Odeeffannoo dabalata fi guutuu argachuuf telegram channel koo join godhaa dubbisaa caalaatti baradhaa itti fayyadama

  of eeggannooNamoota hedduu Dhibee galaafachaa jiruDhaggeeffadhaa 👇🏽
20/01/2026

of eeggannoo
Namoota hedduu Dhibee galaafachaa jiru
Dhaggeeffadhaa 👇🏽

Dhiibbaa dhiigaa ykn onneef qoricha waliigalaa fudhachuu? Maagniziyeemiin akka malee walitti bu’uu fi humna isaanii hir’...
20/01/2026

Dhiibbaa dhiigaa ykn onneef qoricha waliigalaa fudhachuu? Maagniziyeemiin akka malee walitti bu’uu fi humna isaanii hir’isuu danda’a. Kam irraa fagaachuu qabna?...👇1ffaa💬

Hubannoo Waa'ee Qoricha Cetirizine 10mg  1️⃣.Qorichi cetirizine maali?✍Cetirizine~jechuun qoricha farra histaaminii jene...
20/01/2026

Hubannoo Waa'ee Qoricha Cetirizine 10mg

1️⃣.Qorichi cetirizine maali?
✍Cetirizine~jechuun qoricha farra histaaminii jenereeshiinii(dhaloota) lammaffaa ta'ee kan dhiibbaa keemikaala histaaminiitiin qaama keessaati uumamu hir'isuuf gargaarudha.

2️⃣.Qoricha Cetirizine maalif fayyadamna?
✍Mallattoolee adda addaa sababa keemikaala histaaminiitiin kutaalee qaama keenyarrati uumaman kan akka....
* Haxxifachuu.
* Ijji imimmaan yaasuu.
* Funyaan fi laagaan nyaachuu.
* Mallatoolee alarjii garagaraa.
* Dhangala'oo funyaanii.
* Qabbana.
* Diddiimatee nyaachuu gogaa.
* Mallattoo alarjii sababa jijjiirama waqtiitiin dhufu.
* Mallattoo alarjii sababa dhibee asmiitiin dhufu.
* Mallattoo alarjii gogaan dhangala'oo godhachuun horbabbaa'ee nyaatu kan yeroo hamma torbee 6 turuu danda'uu (chronic urticaria) fi kkf yaaluuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Cetirizine fudhachuun durati maali godhuu qabna?

✍Namoonni alarjii qoricha Cetirizine qabu qoricha kana gonkuma fayyadamuu hin qabuu.

✍Qoricha kana yaalaaf fudhachuun durati yoo rakkoo fayyaa kan akka dhibee kalee,dhibee tiruu fi kkf qabaanne ykn qabaachaa turre ogeessa fayyaatiif himnu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabnuu.

✍Namoonni guyya guyyaan qorichoota biroo kan akka....
* Qorichoota rakkoo fayyaa qabbanaa fi alarjii.
* Qorichoota rakkoo fayyaa dhukkubbii kan hadoochaaf gargaaru.
* Qorichoota rakkoo fayyaa hirriibaa.
* Qorichoota rakkoo fayyaa gaggabdoo.
* Qorichoota rakkoo fayyaa dhiphinaa fi yaaddoo.
* Qorichoota rakkoo maashaalee qaamaa fi kkf yaaluuf gargaaru fayyadamu qoricha Cetirizine waliin walirra buusnee yaalaaf fayyadamuu hin qabnuu sababni isaa qoricha kana waliin fayyadamuun hirriiba dhabuuf nu saaxiluu wan danda'uuf.

✍Qorichi Cetirizine dandeettii yaaduu sammuu hir'isuu wan maluuf qoricha kana yeroo fayyadamne hojiilee akka konkolaataa konkolaachisuu,hojiilee ciccimoo fi kkf of eeggannoon hoojjachuu qabnaa.

✍Yeroo qoricha Cetirizine yaalaaf fudhachaa jirruti alcoolii fayyadamuu irraa fagaachuu qabna,waliin yoo fayyadamnee miidhaa qorichi kun geessisuu malu cimsuu wan danda'uuf.

✍Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha kana fudhachuun daa'ima ishii miidhuu danda'aa jedhamee wanti abdatamu hin jiru ta'ullee garuu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fudhachuu hin qabduu.

✍Haati hoosiftu qoricha kana yeroo yaalaaf fudhatu qorichi kun gara harma haadhaatiin daa'ima ishii bira ga'uu wan danda'uuf qoricha kana fayyadamuu hin qabduu.

✍Qoricha kana namoota ga'eessa ta'anii fi daa'immanii umriin isaanii ji'a 6 ta'an fi kan saani olii mallatoolee alarjii add addaa yaaluuf fayyadamuu ni danda'u.

✍Qoricha kana iddoo hoo'a fi jiidhaa irraa fageeysinee tempireechara dareetti kuusuu qabna.

4️⃣.Qoricha Cetirizine akkamiti yaalaaf fudhachuu qabnaa?

✍Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti osoo doosii isaa hin guddisnee ykn hin hir'isnee yeroo hamma jedhame qofaaf fayyadamuu qabna.

✍Qoricha kana nyaata waliin ykn nyaata maleesi guyyaati yeroo takka qofa fudhachuu ni dandeenya.

✍Qoricha Cetirizine bifa kiiniinii alanfatamuu yoo ta'ee alanfannee liqimsuu qabna.

✍Qoricha kana bifa dhangala'ootiin yoo ta'ee safarree hamma ogeessi nuuf ajaje qofa fudhachuu qabna.

✍Qoricha kana guyyaa 3 iif fudhannee fooyya'insa mallattoo yoo ofirrati arguu dhabne ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.


5️⃣. Qorichi Cetirizine miidhaa akkamii fiduu mala/danda'aa?
* Haqqisuu.
* Garaa kaasaa.
* Dhukkubbii mataa.
* Afaan goggogsuu.
* Dadhabuu, qaamni fedhii malee hoollachuu,janja'uu.
* Goginsa garaa.
* Hirriiba dhabuu.
* Dhukkubbii garaachaa.
* Fincaan xiqquma finca'uu ykn fincaan dhabuu.
* Harganuuf ykn liqimsuuf rakkachuu.
* Dandeettin Sirriti arguu hir'achuu.
* Boqonnaa dhabuu fi kkf mul'achuu fa'adha.

✍ Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.

Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

  salphaa haadha erga deessee booda baay'ee dhiigaa jirtuuf ykn nama balaan irra gahee baay'ee dhiigaa jiruuf lubbuu bar...
19/01/2026

salphaa haadha erga deessee booda baay'ee dhiigaa jirtuuf ykn nama balaan irra gahee baay'ee dhiigaa jiruuf lubbuu baraaruuf gargaaru!!!!
Baay'ee nama dhukkubsa garuu lubbuu baraara!!!
Maqaan isaa maal jedhama???

Biqiltuu naannoo gaditti Mararree(Mararree) jechuun beekkamtu kana Namoonni bu'aa isii hin beekan taha.Garuu biqiltuun k...
19/01/2026

Biqiltuu naannoo gaditti Mararree(Mararree) jechuun beekkamtu kana Namoonni bu'aa isii hin beekan taha.
Garuu biqiltuun kuni biqiltuu nyaata filatamaan irraa hojjatamuu fi rakkina dhibee Keenya hedduu irraa nu fayyisuudha.

1.Dhukkubbii mar'imaan dubartii dhukkubu.
2.Gigiinsa garaacha keenyaa.
3.Iita'uu Qaama keenyaa.
4.Rakkiina garaa keeysaatiin dhibee kintaarotii nutti dhufu
5.Ciccituu rifeensa keenyaa.
6.Fedhii nyaataa dhabuu fi k.K.f hunda karaa salpaan yaalee Fayyisaa.

.

Biqiltuu kana erga bishaaniin irraa dhiqxanii booda akkuma raafutti cirtan, ibidda irratti bishaan danfistanii booda biqiltuu kana itti naqxanii bisheessitu(Bilcheeysitu) haalaan bilcheeysuu hin qabdanu xinnooshee qofa irra tursiiftu.

Achiin booda irraa fuutanii akkuma raafutti yeroo biddeenaan qabattanii nyaattu.

Dhibee akka ita'uu qaama keenyaa fi ciccituu rifeensaa ammoo erga bulleeysitanii daatan booda rifeensa keeysan dibattu.

Turtii ji'a takkaa dibattu.

Kan iitaa'uu qaama keenyaa ammoo iddoo iita'e gubbatti hitu.

Mana Qorichaa Aadaa Afrokush
0921499112
0934 44 49 40
0718344002

 ?. ''''''''''''''''''''''"""""""""""""""""Dhukkubni onnee yeroo baayyee namoota umriidhaan raagan irratti mul'ata." Kee...
18/01/2026

?.
''''''''''''''''''''''""""""""""""""""
"Dhukkubni onnee yeroo baayyee namoota umriidhaan raagan irratti mul'ata." Keessattuu namoota furdina garmalee qaban, namoota tamboo xuuxan, namoota alkoolii dhuganii fi namoota dhiibbaa dhiigaa qaban irratti baayyinaan saaxilama.

Dhukkubni onnee dhukkuba balaafamaa waan ta’eef of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Dhukkubsataan dhukkuba onnee yaala argachuudhaan cinatti of eeggannoo gochuu qaba. Of eeggannoowwan gochuun barbaachisu isiniif akeekuun wajji wantoota akka shaayiitti/nyaataatti fudhachuun onnee keessan fayya qabeettii taasisu isiniif eerra.

Mallattoon dhukkuba onnee:
```````````````````````````````````````````
➢ hafuura kutuu/harganuuf rakkachuu
➢ dha’annaan onnee saffisaan dabaluu ykn
➢ dhahannaan onnee tasuma gadi bu'uu, ➢ rukuttaan onnee sirrii hin taane namatti dhagayamuu.
➢ miilli dhiitayuu, keessumattuu gara waaree booda iitaan dabaluu.
➢dhukkubbiin laphee gama cinaa bitaan namatti dhagayamuu.
➢ akka nama ba'aa guddaa laphee irratti baateetti namatti ulfaachuu,
➢ qaamni tasuma dafquu, ykn qaamni tasuma qabbanaayuu.
➢ qaamni baayyee huqqatuu ykn furdina garmaleef saaxilamuu.

Dhukkubsataan Onnee Maal Gochuu Qaba!
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''’''""""""""""""""

A. Ulfaatina qaamaa hir’isuu.
B. Nyaata cooma qabu nyaachuu dhiisuu.
C. Umurii isaanii guutuu soogidda dhiisuu.
D. Yeroo dhukkubni onneen namatti dhufu, bakka qabbanaatti boqochuu.
E. Boqannaa gahaa fi hirriba gahaa argachuu.
F. Dhiphachuu irraa of qusachuu
G. Gammachuu humnaa olii too'achuu
H. Miira dallansuu dafanii too'achuu.
I. Beelayanii turuu fi Quufa garmalees baqachuu. Nyaata xiqqeessanii yeero yeeroon nyaachuu. Fakkeenyaaf guyyatti yeeroo 3 nyaachuu mannaa yeeroo 5 ykn 6 xixiqqeessaa nyaachuu woyya.
J. Alkoolii dhuguu, tamboo xuuxuu, caatii qaamuu fi araadota biroos dhaabuu
K. Fedhii foonii ofiin ofirraa baasuu dhiisuu.
L. Nyaata Soodiyamii hin qabne kan akka fuduraalee, buna haphii, daabboo soogidda hin qabne nyaachuu.
M. Bishaan saamsamee dhufu/bishaan hayilaandii jedhamee beekkamu dhuguun dura qabiyyee Sodium isaa xiqqaa ta'uu isaa adda baafachuu.
M. Yoo xiqqaate guyyatti daqiiqaa 30 sochii qaamaa gorsa ogeessaatiin deeggarame gochuu.

Dhukkuba onnee manumatti fooyya'uuf
˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝
◦Qullubbii adii:
• Guyyaatti fottoqqii(cloves) qullubbii adii tokko ykn lama alanfatanii nyaachuu. Yoo dhandhamni qullubbii kan isin gubu ta'e aannan burcuqqoo tokko danfisuun, qullubbii fottoqxuu takka keessa buusuun dhuguu.

◦Karkeddee/Hibiscus:
• Baala ykn Daraaraa karkeddee/hibiscus daakkamaa maankaa xiqqaa tokko bishaan kooppii tokko keessatti danfisuun damma bulbula maankaa tokko itti dabaluun, torban 3 ykn 4f guyyaatti al tokko dhuguu.

◦Doobbii/nuttle:
• Baala doobbii kan gogfamee daakkame irraa maankaa sukkaaraa tokko bishaan burcuqqoo tokkootiin danfisanii ganama ganama dhuguu.

◦Irdii/tumeric
• Daakuu hirdii/irdii maankaa shoorbaa tokko bishaan ykn aannan kooppii tokko keessatti danfisuu.Torban sadii hanga ji’oota muraasaatti guyyaatti al tokko ykn lama dhuguu.

◦Shaayii Magariisaa:
Guyyaatti shaayii magariisaa sinii sadii hanga afuriitti dhuguu. (shaayii magariisa keessaa Moriingaan hedduu filatamaadha)

Hedduudhaa!
˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙
Dhukkubni Onnee dhukkuba kunuunsa cimaa barbaadu! Sabani isaa onneen sekondii tokkoofillee hujii ishee usuu dhaabdee, jiraachuun namaa gaafii keessa gala. Qaamni namaa hundi onnee wajjiin hidhata cimaa qaba.

Kanaaf onnee keenyaa akkaataa soorataa sirreessuun, sochii qaamaa dhaabbiin gochuu(regular exercise) fi haala jireenyaa fooyyessuun(life style change) kunuunsuun barbaachisa dha.

Yeeroo yaalannus gosaa dhukkuba onnee adda baafnee beekuu fi ka'umsa dhukkuba kanaa beekuun yeeroon yaalachuun barbaachisaa ta'a.

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush


092 879 5750
0909316243




Ajjeesaa callisee lubbuu namoota kumaatamaa balleessaa fi balleessaa jiru, .Kalee Tiruu fi Garaacha keenya!!!Dhibee kale...
14/01/2026

Ajjeesaa callisee lubbuu namoota kumaatamaa balleessaa fi balleessaa jiru, .

Kalee Tiruu fi Garaacha keenya!!!

Dhibee kalee. Tiruu irraa of eeguuf qabxiilee armaan gadii dubbisuu fi hubachuun barbaachisaadha.

Barreeffamni kun Afaan Ingiliffaan barreeffamee addunyaa guutuutti raabsamee gara Afaan Amaaraatti hiikameera. Dhimma fayyaa waan ta'
Egaa, dhukkubni tiruu umurii fi saala osoo hin ilaalin callisee ajjeesaa bara keenyaa waan ta’eef, waanuma barame kan guyyaa guyyaan miidiyaa hawaasaa irratti dhageenyu fi arginu ta’eera.

Dhimmi dhiheenya kana artist Fikena, dargaggeessa ganna 19 Melat, fakkeenya tokko.
Dhukkubsattoonni uwwisa miidiyaa hin argannee fi waa'ee isaanii hin dhageenye, mana keessatti haa lakkaa'amu.

Kalee keenya, .

* Tiruun kutaa qaama keenyaa barbaachisaa ta'ee fi xiyyeeffannoo guddaa itti hin kenninedha.
Kutaawwan qaama keenyaa kanneen akka onnee, sammuu fi sombaa baay’ee barbaachisoo ta’an keessaa tokko tiruu ti.

Akkuma onneen keenya hojii dhaabu, tiruu dadhabuunis du’aaf nama geessa.
Hojiin tiruu fincaan calaluu ​​qofa osoo hin taane, summii baay'ee miidhaa geessisu qaama keenya keessaa kan seelii qaama keenyaa fi nyaata nyaannu keessaa uumamu balleessuudha.

* Nyaata nyaannee dhugnee haa geenyu!!!!

Hubatteettaa! Dargaggoonni sababa dhukkuba tiruutiin du'an hangam ol'aanaadha???

Har'a dargaggeessi ganna 20 tokko sababa dhibee tiruutiin gara Hindii akka deeme ni dhageessa, boru immoo dargaggeessi ganna 30 sababa dhukkuba tiruutiin akka du'e ni dhageessa.

Garuu maaliif akkas jettu?

Barreeffama kana waliin suuraawwan tokko tokko maxxanfamaniiru, kanneen keessaa Fanta, Coca-Cola, Sprite, fi dhugaatii mi'aawaa biroo, Pepsi dabalatee.

Tiruun keenya akka hojii dhaabu kan taasisan wantoota ijoo ta’an kanneeni.

Ameerikaa, Awurooppaa fi Awustiraaliyaa keessatti hammi dabalata dhugaatii kanneenitti dabalaman baayyee xiqqaadha.

Sababni isaas biyyoota kanneen keessatti dhaabbileen oomishaalee kana oomishan qabiyyee dhugaatii sadarkaa murtaa’e gadi akka ta’u seeraan dirqama waan ta’eef, kanaaf fayyadamtoonni biyyoota kanneen keessa jiran baay’ee hin miidhaman.

Wanti amma dubbannu, .

waa’ee wantoota dhugaatiiwwan keessa jiran, jechuunis wantoota nyaata hin balleessineef itti fayyadaman, wantoota halluu itti kennan, asiidota tokko tokkoo fi keemikaalota biroo isaan keessatti makaman.

Keessattuu Afrikaa keessatti biyyoota tokko tokko keessatti wantoota kana irratti daangeffamni seeraa tasumaa hin jiru.

Biyyoota Afrikaa tokko tokko keessattis seerri kun jira malee hojiirra hin oolu.

Biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti qabatamaan baay’inaan akka itti fayyadaman ni hayyamu. Gaafa Afrikaa deemtan birandiin achitti gurguramuu fi birandiin Xaaliyaanii fi Jarmanitti gurguramu gidduu garaagarummaan guddaan akka jiru argitan.

Biraandiin Afrikaa keessatti argamu baay’ee burtukaana ifaa fi baay’ee mi’aawaa dha sababa qabiyyee sukkaara baay’ee qabuun.

Dhugaatiiwwan Afrikaa keessatti argaman soorata baay’ee ol’aanaa qaba.

Kunis, wantoota nyaata hin balleessine, halluu, sukkaara fi asiidota adda addaa of keessaa qabu.

Yeroo dhugaatii mi’aawaa dhugnu tiruu keenya wantoota miidhaa geessisan keessa jiran qaama keenya irratti miidhaa guddaa waan geessisaniif calaluuf yaala, garuu yeroo gabaabaa keessatti wantootni kun tiruu keenya faayidaa akka hin qabne taasisa.

Kanaaf dhugaatii mi’aawaa kana dhuguu dhiisuun gaariidha.

Dhugaatii mi’aawaa keessatti wanti faayidaa qabu waan hin jirreef, waan uumamaa of keessaa hin qaban.

Fakkeenyaaf Fantaan maali? Kompaawundii isa keessa jiru maali?

Obboleewwan koo Fantaan burtukaana akka hin taane mirkanaa'inaan dubbachuu dandeenya.

Dhugaatii keemikaalli hedduun itti dabalameedha.

Dhugaatiiwwan lallaafaa fi mi’aawaa biroos akkasuma.

Bishaan qulqulluu dhuguun baayyee gaarii fi qaama keenyaaf baayyee mijata.

Juicen burtukaana uumamaa qaama keenyaafis baayyee mijata.

Share gochuun page kana like godhaa!!!

Odeeffannoo fayyaa dabalataaf link Telegram tuquun maatii keenya join godhaa dubbisaa caalaatti baradhaa

Dhukkuba Kintaarotii Garaa Keessaa(internal hemorrhoids ...— 🔹Onnee irratti naasuu tasaa uumuu, miiraa aarii namatti baa...
13/01/2026

Dhukkuba Kintaarotii Garaa Keessaa(internal hemorrhoids ...—

🔹Onnee irratti naasuu tasaa uumuu, miiraa aarii namatti baayyisuu fi mataa keessa gubuu. 🔹Qaamni yarachuu/huqqachuu,
🔹 Dugdi dhukkubuu
🔹 Garaa(bobbaa) gogsuu
🔹Mataa keessa gubuu
🔹Qaamni daaraa dhaluu
🔹Teessuma keessa hooqsisuu
🔹Luka keessa Hadoochuu

Kintaarotiin Osoo nama Hin Qabin Akkamitti Ofirraa Ittisuun Danda'ama?

Bishaan Gahaa Dhuguu: Guyyatti bishaan hamma barbaachisu dhuguun bobbaa akka laaffatu godha.

Nyaata Faayibarii (Fiber) Qabu Nyaachuu: Kuduraa fi muduraa baayyisanii nyaachuun gogiinsa garaa ittisa.

Teessuma Baayyisuu Dhiisuu: Yeroo dheeraaf iddoo tokko taa'uun kintaarotii namatti jabeessa; sochii qaamaa gochuun barbaachisaadha.

Mana Yaalaa Deemuu: Dhiigni sagaraa waliin bahu yeroo tokko tokko rakkoo mar'immaanii ta'uu waan danda'uuf, ogeessa fayyaa bira deemanii qoratamuun murteessaadha.

Wiirtuun Yaala Aadaa Kuush: Kintaarotii Garaa Keessaa Fi Kintaarotii Alaafis Furmaata Sirrii Qabna. Koottaa Yaalamaa Torbee Tokkotti Bilisa Taatanii Galtu. Qaamni Keessan Usuu Hin Madaayin, Dhukkubbiin Usuu Isinitti Hin Dhagayamin Kintaarotii Ofirraa Hobbaafattu.
Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush

Teessoon 🟢 𝗪𝗶𝗶𝗿𝘁𝘂𝘂 𝗬𝗮𝗮𝗹𝗮 𝗔𝗱𝗮𝗮 𝗞𝘂𝘂𝘀𝗵 🌿 akka armaan gadiiti:

Magaalaa Shashamane, Karaa Bahiinsa Baalee, Naannoo “30” jedhamuun beekamu, Gamoo H/Kuyyuu Ayinoo Irratti Nu Argattu.

Tajaajilli guyyoota hunda, sa’aatii 24 ni kennama.

0928795750
0909316243

Address

Gola Oda, Harargee, Oromia Ethiopia �
Burka Dare
20178

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gola oda wareda healthy office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram