Drug shop

Drug shop Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Drug shop, Medical and health, Deder.

22/08/2022

Dire dawa
⭕Oduu Gammachiiftuu‼️

👉Elauto Engineering and Trading

Dirree Konkolaataa Haaraa Walitti Suphuun Gabaaf Dhiheessuu Jalqabde ‼️

: 📌Warshaan konkolaataa walii suphuu ''Elauto Engineering and Trading'' jadhamu Zoonii Daldala bilisaa Dirree Dhawaa keessatti eebbifamuun hojii jalqabeera.

📌Sirna eebbaa kanarratti hoji Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkii biyyaalessaa, Obbo Sanduuqaan Dabbabaa, Kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar, hundeessaan warshaa Elauto Injiinariingi, Obbo Tokkichaa Alamaayyoo fi keessummoonni afeeraman argamaniiru.

📌Hundeessaan warshaa Konkolaataa "Elauto Engineering" Injiinar Tokkichaa Alamaayyoo warshaan Konkolaataa Zoonii daldala bilisaa Dirree Dhawaa keessatti ijaaran lammiileef carraa hojii uumuu bira dabree ce'umsa teeknoloojiitiif gumaacha olaanaa qaba jadhan.

📌Kaampaaniin isaanii Sochii Konkolaataa biyya keessatti walii suphuu jalqabe guutumaan Guututti biyya keessatti hojjachuuf kan karoorfate tahuu dubbatan Injiinar Tokkichaan.

📌Hoji Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii biyyaalessaa Obbo Sanduuqaan Dabbabaa hojiin Konkolaataa walii suphuu Warshaa "Elauton Enginaringii Imala gara Badhaadhinaatti Jljalqabame milkeessuu keessatti gumaacha Ololaanaa qaba jadhan.

📌Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa, Obbo Kadir Juwaar Warshaan Konkolaataa walii suphuu kan Elautoo Jadhamu guddina magaalaa Dirree Dhawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu himuun Abboottii qabeenyaa misooma Industirii irratti hirmaachuu barbaadaniif deeggarsa barbaachisaa hunda kan godhan tahuu dubbataniiru.

📌Ijaaramuun warshichaa carraa hojii kan uumeef tahuu Dargaggoonni magaalaa Dirree Dhawaa dubbataniiru.

19/08/2022

Muftii Oromiyaa!
Maqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun beekkamu. Baha Oromiyaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Tuulaa Ganda Usmaan iddoo ja'amutti, Bara 1907 A.L.I ykn Hijraa 1336 A.L hijraatti dhalatan.

Sheikh Aadam Tuulaa daa'imummaadhaan waggaa 12 tti barnoota Diin Islaamaa barachuu eegalan. Sheekkan akka: Sheikh Muhammad Ibraahiim, Sheikh Aliyyii Aruusii, Sheikh Muhammad Oborraa, Sheikh Sa'iid Kombolchaa, Sheikh Ibraahiim Usmaan (Ceekhaa) fi kkf irratti, kitaaboota adda addaa, Fannii baay'ee akka Fannii Nahwii, Ma'aanii, Manxiqaa, Fiqhii, Tafsiira Quraanaa, Sahiiha lamaan fi kkf barate.

Sheikhni keenya haala kanaan bonaa fi ganna keeysa, baddaa fi gammoojjii keeysa Osoo dadhabe hin ja'in Sheekha tokkorraa gara sheekha biraatti osoo dabruu, barnoota isaanii kan waggaa 12 irraa hanga waggaa 37 JACHUUNIIS waggaa 25 isaanitti fudhate injifannoon xumuran.

Eega barnoota isaanii xumuran boodaas fadhii isaan Diin Islaamaa barsiisuuf qaban irraa kan ka'e, Baha Oromiyaa Aanaa Dirree Xayyaaraa Araddaa Suqul Ganda Adduus iddoo ja'amutti Majliisa (caayaa) Diin Islaamaa dhaabuun barsiisuu eegalan.

Sheekhni keenya erga barsiisuu eegalan waggaa 55 caaleeti jira. Sheekkan Majliisa isaaniitti baratanii, isaan irraa eeybifamanii Majliisa dhaabanii akkuma sheekha keenyaatti barsiisuurratti arkaman qofti nama 40 irra hedduu dha.

Sheekh Aadam Tuulaa yeroo ammaa manguddoo umriin isaanii amata 100 ol dabre tahullee hanga ammaatti Diin Islaamaa barsiisaa jiran.

Sheekha keenya RABBI umrii isaanii nuuf haa dheereeysu. Jazaa (galata) isaanii Jannatul-Firdoowsi RABBI haa godhu.

Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!

https://t.me/BBC_Afaan_Oromoo
18/08/2022

https://t.me/BBC_Afaan_Oromoo

Oduu - BBC News Afaan Oromoo BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo

Address

Deder

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Drug shop posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram