Jabal xixaa midia

Jabal xixaa midia Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jabal xixaa midia, AIDS Resource Center, Ana dadar makala, Deder.

05/05/2024

Yaadachiisa Rakkinni jireenyaa Qotee bulaa keenya baha oromiyaa Harargee naannoo gammoojjii garii keessatti harka jajjabeeffataa jira fakkaata warri keessa beytan nuu qoradhaa Addaan nuu baasaa.
yaa Rabbi Rahmannikee bal'aadha kenna keetiin nuu birmadhuuf dhaqqabi

05/05/2024

Hidhii wal-jala dabarsaa,naguma,yeroo hunda ati, homa fedhe haa tahuu,ana tahaa ree?na galchaaree?ani akkas natti hin fakkaatu,ani kolfa hin fedhu,ati hin dallanin,ani nama kolfu hin barbaadu,dhiisi gahee,kan booda moo?maaltu bade laata? haarawa hin argine siin jechuu jalqabnaan,waa badanii beeki,jechi kuni hundi, kan garaa fageenya agarsiisuufi jaalalli cituu eeruu,nama akkas siin jedhu wajji jiraatta taanaan, tikeetiin kee sii kutamee jiraa uf argadhu.

Eeee
Konkolaataan bareeduma alaatiin osoo hin taane, humna fardaa keessoo jiru saniinii gulufaa ooltii beeki, agartuu ijaatiin qofa laaltee waan sii gale seetee nama garaan isaa bade wajji burraaqaa hin oolinii,uf harkatti cabdaa uf qusadhu.

Jaaloo
Ija namaa irraa waa hubadhu,aggaara namaa laalii argi,nyaara namaa eeggataa kolfi malee,waan sii hin galiniifi waan sii gale hundaaf,bilaasha hakaksaa hin oolinii gadi taa’i.

Obbolaa
Kitaaba dubbisuu dandeettu qofarratti xiyyeeffadhu, nama si gitu wajji imali,ol kotootuufi tuffatamuu irraa uf qusadhu,gadi bu’uufi qaanawuu irraa uf tikfadhu.

Namana
Ijjata namaa laalii,tarkaanfii kee daangeffadhu malee, qilee quxalee buutee,lafa deebii hin qabnetti cabdee haftaa uf toohadhu.

Hey
Liqimsan haqqisan malee,aak jedhaniif garaan oota hin baasuu beeki,bancancartee hafta malee,namni lafaa ol si kaasu hinjiruu,kufaatii keetiif sababa ufitti hin tahinii miilaan gadi dhaabbadhu.

Ekaa
Baratan waa hubatan,hubatan waa dubbatan,dubbitu hujiitti jijjiirama,jijjiiramatu fooyyee fida,fooyya’iinsa keessa guddinni jira,guddina keessa ulfinni jira,ulfina saniif barnootni bu’uura ta’ee muramte!

05/05/2024

Osoo Hin Dubbisin Akka Bira Hin Dabarre
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Waqtii tokko Ergamaan Rabbii s.a.w gara masjiidaatti dhufan. Namootni hagoon yommuu haasawanii fii kolfan argan. Akkana jechuun isaanitti dubbatan:- "Osoo du'a kan yaadattan tahee silaa bifa kanaan isin hin argu ture. Yoomiyyuuu maaf hin taane du'a keessan yaadadhaa. Qabriin guyyaa hundaa akkana jechuun lallabdi, "Ani mana kophummaa ti." Namni mu'umina tahe yommuu qabrii isaa keessa aseenu qabriin akkana jetti, 'Baga nagaan dhufte. Gara koo dhufuun kee hedduu waan gaarii dha. Namoota dachee irra jiran hunda irra hedduun si jaaladha.

Amma ati gara koo dhuftee jirta. Akkamitti akka si keessummeessu ni agarta." jettiin. Eegasii qabriin isaa hanga inni ilaaluu dqndahutti bal'attiif. Balballi jannataas ni banamtiif. Balbala kanaanis hafuurrii fii urgaan jannataa isatti hafarfama. Haatahuu garuu namni badii fii khufrii irratti du'e yommuu qabrii isaa keessa aseenu akkana jettiin. 'Baga nagaan dhufte siin hin jedhu. Iddoo kana dhufuun siif cinqaa dha. Namni ani dachee irratti hedduun jibbaa ture si'i dha. Amma gara kootti dhuftee jirta. Akkam akka si godhu ni agartaa." jettiin. Eegasii dhiphattee walitti isa maxxansiti. Hanga lafeen cinaacha gara tokkoo kan gara kaaniitiin wal keessa lixxutti.

Bofa 70 kan hanga guyyaa qiyaamaa isa iddaatiin dararaniintu itti gadi lakkifama. Summiin bofootni kunneen qaban hamaa dha. Osoo bofni tokko summii isaa kana dachee irratti gadi dhiisee silaa dachee tana irratti biqiltuun takka oli hin biqiltu ture." Eegasii booda Nabiyyiin Rabbii s.a.w akkana jedhan "Qabriin tun takkaa caffee jannataa taati takkaa immoo boolla ibiddaati." Ergamaan Rabbii s.a.w mu'umintootni Yoomiyyuuu yoo tahe du'a yaadachuu akka qaban goorsaniiru. Maaliifuu du'a irra deddeebi'anii yaadachuun qalbii irratti sodaa Rabbii horachuuf nama qarqaara waan taheef. (Fezekir center)

Yaa Rabbi warra ati jaalatteenii qabrii isaanii immoo caffee jannataa taasiftuuf keessaa nu taasisi. Aamiin

By: Abu Huzeyiifa

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

05/05/2024

Rafuu ka'aan oduu ajaa'ibaa kana arge:
Gareen wahii biyya Hindii keessatti saani isaan gabbaran duunaan gadda guyyaa sadii labsan.
Mee xiinxali Rabbiin isaanii duunaan guyyaa sadii boo'aa jiran. Yaa Rabbi dukkana keessaa isaan baasi. Kan Muslima taate immoo Rabbiin galateeffadhu.
أعلنت طائفة في الهند إقامة الحداد لمدة ثلاثة أيام على روح البقرة التي تعتبر أكبر آلهة الهندوس.
تصور؟ إله يموت ويترك عباده يبكون عليه!!!
هذه الصورة تجعلك تحمد الله مليون مرة أن هداك للإسلام، وجعلك تعبد إلها حيا لا يموت، قويا لايغلب، قادرا لا يعجزه شيء في الأرض ولا في السماء.
الحمدلله على نعمة الإسلام، وكفى بها نعمة!!

Address

Ana Dadar Makala
Deder

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jabal xixaa midia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram