
20/11/2024
Aja'iboota Onnee:
*************
1. Onnee nama tokkoo guddinni ishii haga aboottee harkaa (fist) nama sanii geessi.
2. Onneen dubaraa kan dhiiraa caalaa daddaftee dha'atti, onneen dhiirotaa ammoo guddinaan xiqqoo kan dubartootaa ni caala.
3. Rukuttaan onnee kan eegalu micireen garaa haadhaa keessatti uumamtee torbee afuraffaatti (4ffaa) tti.
4. Onneen keenya giddu galeessaan daqiiqaatti al 72 dha'atti (nama waggaa 70 jiraate tokkoof osoo adda hin kutiin si'a biliyoona 2.6 ol dha'atti jechuudha).
5. Onneen giddu galeessaan guyyaatti dhiiga liitra 7,600 gara qaamaatti rabsiti.
6. Madda ka'umsa sochii kan mataashee waan qabduuf onneen qaama irraa addaan baatee rukuttaa ishii itti fufuu dandeessi; hanga oksiijiinii ga’aa dhabdee duututti jechuudha.
7. Onneen qaama hundumaatti naannoo seelii tiriiliyoona 75 ta’anitti dhiiga kan rabsu yeroo ta’u “koorni’aa ijaa” qofatu dhiiga hin argatu.
****************
Fayyaan Faaya