16/01/2023
Roobbii ~Ringworm
****************
Roobbiin fangaasiin kan namatti dhufu yoo ta'u qaama keenya kan akka mataa, fuula, harka ,miilaa fi kkf hubuu danda'a.
Gosoota roobbii
-----
1. Roobbii mataa:- Roobbiin kun haalaan namarraa namatti daddarba. Irra heddumminaan joollee waggaa 2 hanga 10 miidha. Mallattoolee akka
• Rifeensa irraa haaduu
• Hooqsisuu
• Shiftii diddiimaa mataa fi kkf
2. Roobbii miilaa:- Roobbiin baayyinaan atileetoota waan " athlete's foot" jedhamuun beekkama. Dargaggoota fi ga'eessootaa irratti heddummaata. Sababa miilli baayyee dafquuttiin, kaalsii fi kophee akkaan namatti maxxanu uffachuu, erga dhaqatanii fi bishaan daakaan boodaa miila sirritti goggooyfachuu dhabuutiin namatti dhufa
3. Roobbii mudaanmuddii
4. Roobbii qaamaa
5. Roobbii qeensaa
Akkamitti roobbiin nama qabdi?
-----
Roobbiin sanyii fangasii 40 ol ta'an irraa nama qaba. Fungasiin kun gogaa keenyaa fi iddoo jidhaa qaban jiraata.
Akkamitti nama qaba?
1. Namarraa namatti dabrudhaan. Kuniis nama roobbii sana qabuu waliin waltuttuqun, filtuu ykn uffata tokko waliin fayyadamuun nama qaba.
2. Beeyladootarra gara namaa :- beeyladootaa roobbii qabaniin wal tuttuquun ykn meeshaa isaan qaban tuquun nama qabuu danda'a. Fkn saree fi adurreen roobbii namatti dabarsuun beekkamu
3. Meeshaarra gara namaa: meeshaa namni roobbii qabu itti fayydame ykn iddoo shaawaraa miilaa qullaa keessa dhaabbannee dhiqachuun nama qabuu dandeessi
4. Biyyeerraa gara namaa
Mallattoolee
----
Waan qubeellaa ykn hamartii fakkaatu kan hooqsisuu, kan diimatu, malaa illee yaafachuu kan malu, rifeensa buqqaasuu fi kkf
Maal godhuu qabna?
1. Qulqinna qaamaa sirritti eeggachuu. Daa'imman yeroo hunda akka harka dhiqatan godhuu
2. Meeshaale dhunfaa waliin fayyadamuu dhabuu. Fkn koofiyyaa, filtuu, boraatii fi kkf
3. Uffata fi booratii nama dhibee kana qabuu guyyaa hunda bishaan hoo'aadhaan miicuu. Sababni isaatiis uffata eda uffate odoo hin miiccine har'aas deebi'ee kan uffatu yoo ta'e , fangaasiin san irraa