01/03/2026
FUNUUNA (EPISTAXIS)
Funuunni rakkoo beekama fi namoota baayyee irratti yoo xiqqaate jireenya isaa keessatti altokko ni muudata. Funuunni kan uumaamu yommuu hiddi/ Ujummoleen dhiigaa keessoo funyaanii marsanii argaman miidhamanidha. Funyaan keenyaa fi hiddi dhiigaa funyaanii sababa iddoo argama (location) isaatin, innis gara alatti ananii (close to the surface) waan argamanif yeroo heddu miidhaf ni saaxilamu.
SABABOOTA FUNUUNAAF NAMA SAAXILAN
1,Qilleensa gogaa yeroo dheeraaf gara keessatti fudhachuu ( prolonged inhalation of dry air)
2.Infeekshiini funyaanii ykn kulkullu saayinasii
3,Quba keenya funyaan keessa seensisuun tuttuqu, keessattu yoo qeensa dheeraa qabna ta’e, hidda/Ujummolee dhiigaa akka salphatti miidhuu danda’a.
4,Allerjii funyaani ( Nasal allergy)
5, Qorichoota itituu dhiigaa irratti dhiibbaa qaban/hir’isan fudhachuu
6,Dhibee tiruu qabaachuu
7, Qofaa fi haxxiifannaa yeroo dheeraa nurra ture ykn hamaa ta’e
8.Rukkutaa/balaa morma keenyaa olii
10.Uumaaman rakkoo itituu dhiigaa qabna yoo ta’e.
11.Dhibee Kaanserii, garuu sababoota funuuna fidan keessaa dhibbantaa baayyee xiqqaa qabata.
ITTISA
-Quba keenyaan keessoo funyaan keenyaa xuxxuquu dhiisuu.
-Wantoota jajjaaboo ykn qara qaban gara keessoo funyaan keenyaa galchuu dhiisuu.
-Akka keessoon fuunyan keenyaa hin gogne wantoota gargaaran fayyadamuu fknf dibata akka “Vaseline”
-Wantoota alaarjii nutti ta’e yoo beekne irraa fagaachuu.
-Yoo kana dura nu funuune beeka ta’e, ofii keenyaaf boqonnaa gahaa fudhachuu
-Qeensa daa’immanii yeroo yeroon gaggabaabsu, yoo funyaan isaanii keessa godhan akka hin dhiigneef
-Tamboo aarsuu dhiisuu Tamboon haala adda addaan funuuna nutti fiduu danda’a; fknf:- Keesson funyaanii akka goguu fi nama nyanyaatu/hooksisuu gochuun..
YAALA
Ittisa irra darbee funuunni yoo kan nu muudatu yoo ta’e:-
=AKKAMITTI DHIIGUU DHAABNA?
Mana keenyatti/Ofii keenyaan:-
Funuunni yeroo baayyee gargaarsa mana keenyatti ofiif goonun nu dhiisa; Innis..
1,Bakka jirrutti taa’uun funyaan keenya kutaa lallaafaa quba guddaa(Abbudu) fi quba elemtuu giddutti jabeessanii qabachuu.
2,Afaan keenyan qilleensa baafachuu fi fudhachuu/haarganuu (funyaan keenya waan cufameef, yeroof qilleensi afaanin akka bahuu fi seenu gochuu)
3,Gara fuulduratti xiqqoo jechun dhiigni akka gara dubatti deebi’ee ujummoo nyaata ykn ujummoo qilleensa hin seene gochuu, akka fakki armaan gadii isa jalqaba.
4,Ciisuu ykn Sochii gochuu dhiisuu; kun dhiibbaa dhiigaa gara funyaanii jiru akka hir’atu gochuun, dhiiguu ni hir’isa
Haala kana daqiqaa 5 – 20 f gochuu qabna. Yeroo kana dhiigni itituun dhiiguu ni dhiisa.
Kana goonee yoo dhiiguu dhiise wantoota akka dhiigu godhan gochuu hin qabnu; fknf keessoo funyaan keenyaa xuxxuquu .
Garuu kana goonee daqiqaa 20 oliif yoo dhaabbachuu dide mana yaalaa deemuu qabna.
5,Cabbiin yoo argame ykn bishaan qorraa fuula fi funyaan keenya irratti naquu.
6, Sochii cimaa ykn dalagaa yeroof dhaabuu(boqonnaa fudhachuu)
=YOOM MANA YAALAA DEEMUU QABNA?
-Mala armaan olii fayyadamtanii yoo daqiqaa 15-20 keessatti dhaabbachuu dide
-Dhiigni saffisaan kan dhiigu ykn baayyee kan dhiige yoo ta’e
-Qilleensa gara keessaa fi alatti baasun yoo kan nu rakkisu ta’e ( difficulty of breathing )
Kan ol nu deebisiisu/ haqqisiisu yoo ta’e, sababa dhiigni baayyeen gara liqimsiitutti dhiigef
-Sababni dhiiguu, yoo rukkutaa, balaa mataa ykn fuula irra gahe yoo ta’e (fknf yoo kufnee ta’e, balaa tiraafikaa)
-Yeroo baay’eef irraa deeddebi’e kan isiin dhiiguu yoo ta’e
-Yoo mallattoo hir’ina dhiigaa kan qabdan ta’e kan akka miira dadhabbii, Lafti naman naanna’uu fi kkf,)
-Yoo Qoricha Dhiigni akka hin ititne godhan fudhattu ta’e ; fknf aspirin, warfarin ykn yoo rakkoo akka dhiigni hin ititne godhan qabdu ta’e; fknf hemophilia)
Wantootni armaan olii kunneen yoo jiraatan osoo Xaxaaleen garaagaraa hin Uumaamin yeroo mana yaalaa deemuu qabna.
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!