Dr. Firomsa Jibril

Dr. Firomsa Jibril Kings get paid Simps get played!!! Failing to prepare is preparing to fail!!!

Mallattoolee dubartiin yeroo saalqunnamtiirraa gammaddu agarsiiftu.**********************************************G-spot-...
15/04/2026

Mallattoolee dubartiin yeroo saalqunnamtiirraa gammaddu agarsiiftu.
**********************************************
G-spot-ii (bakka lallaafaa fi onnee fakkatu kan dallaya qaama saalaa dubartii fuulduraa irratti argamu) yeroo qaamni saalaa dhiiraa tuqu, mallattoolee adda addaa agarsiisifti.
Mallattooleen yeroo G-spot-iin tuqamu mul'atan keessaa muraasni;
1. Fincaan mudduu.
2. Dhangala'aa keessa qaama saalaa waan dabaluuf qaamni saalaa mucucaatuu.
3. Dhangala'aan buqushaa keessaa ba'uu/faca'uu (Squirting).
4. Gammachuu guddoon itti dhaga'amuu (Deep or**sm).
5. Qaamni Saalaa(buqushaan) iita'uu/bokokuu:
Iyyuu.
6. Afaan banuu.
7. Haalaan si hammatuu/harkaafii luka sitti maratuufii kkf.

Kanaaf bakkaafii argama isaa adda baafatanii wal gaammachiisun bultii bareechudha.
©️ Dr. Hamza Jemal
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

GOSA WALQUNNAMTII SAALAA “STRADDLING POSITION ”Gosa walqunnamtii saalaa “Straddling position” jechuun gosa walqunnamtii ...
15/04/2026

GOSA WALQUNNAMTII SAALAA “STRADDLING POSITION ”
Gosa walqunnamtii saalaa “Straddling position” jechuun gosa walqunnamtii saalaa keessatti, dhiirtii lafa ciisee dubartiin irra taa’uun ykn jilba isaanii irratti taa’uun kan raawwatamu jechuudha. Haaluma kanaan:

💞 Fakkeenya:
Dubartiin dhirsa irra taa’uun (yoo “man-on-bottom” ta’e) mataa fi qaama ofii bilisaan to’achuun raawwachuu dandeessi.

Dhiirti ammoo ciistee ykn teessoo irratti taa’ee ofirratti fudhata.

🩷 Faayidaa isaa:

1. Dubartiin to’annoo qabaatti — saffisa, jaba, fi dheerina yeroo ni to’atti.

2. Hirmaannaa qaamaa fi tasgabbii ni dabala.

3. Walquunnamtii saalaa mi’aawaa fi miidhaa hin qabne ta’uu danda’a, yoo of-eeggannoon raawwatame.

4. wal-quunnamtii saala mi’aawaa fi jaalalaa calaqqisiisuuf Position filatamadha.

⚠️ Of-eeggannoo:

Yoo yeroo dheeraaf taa’aan dhiibbaa qaama (fkn: jilba, lafee dugda) fida wan ta'ef, bakka jilbeenfannaa laafaa filadhu.
Qilleensa (air trapping) fi miidhaa qaama keessaa (pelvic injury) of irraa eegi.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr. Firomsa Jibril
fans
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

FAAYIDAA WALQUNNAMTII SAALAA DUBARTOOTAAF🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎Walqunnamtiin saalaa dubartootaaf faayidaa  hedduu qaba...
15/04/2026

FAAYIDAA WALQUNNAMTII SAALAA DUBARTOOTAAF
🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎
Walqunnamtiin saalaa dubartootaaf faayidaa hedduu qabaachuu danda'a.
Faayidaaleesaa ijoo keessaa muraasni kunooti:
👉 saalqunnamtiin fayyaa qaamaa dubartootaatif faayidaa gaarii qaba, kunis fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa fooyya’aa, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa guddisuu, fi maashaan naannoo qaama saalaa jabina fooyya’aa ta’e qabaachuun dandeettiin fincaan qabachuu akka dabalu taasisa.
👉miira dhiphinaafi yaaddoo hir’isuu danda’a sababa gadhiifamuu hoormoonii endoorfiinii fi oxytocin maddisiisuun miirri gammachuu akka jiraatu taasisa.
👉saalqunnamtii walitti dhufeenya miiraa hiriyoota gidduutti cimsuu, walitti dhiyeenyaa fi amantaa guddisuu, kunis itti quufinsa hariiroo waliigalaa guddisuu danda’a.
👉Qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti, sochiin saalqunnamtii sababa endoorfiin gadhiifamuu isaatiin dhukkubbii yeroo marsaa laguu salphisuuf gargaaruu akka danda’u addeessa.
👉 Walqunnamtii saalaa booda hormoonotni gadhiifamuun qulqullina hirribaa fooyya’aafi boqonnaa gaarii qabaachuu akka danda’a taasisa.
👉Qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti, walqunnamtiin saalaa marsaa laguu to’achuuf gargaaruu akka danda’u eera.
👉dubartoonni qaama ofii isaanii akka qoratan, fedhii isaanii akka hubatanii fi fedhii isaanii akka ibsan taasisa.
🍎Faayidaan saalqunnamtii dubartootaaf filannoo dhuunfaa, hariiroo, fi fayyaa waliigalaa irratti hundaa'uun namoota dhuunfaa biratti garaagarummaa guddaa qabaachuu akka danda'u hubachuun barbaachisaadha.
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Wantoota 8n kana Jireenya kee Keessatti Tasumaa Hin Godhin1. Miira namaa ittiin taphachuuf hin yaalinGammachuu kee qofaa...
15/04/2026

Wantoota 8n kana Jireenya kee Keessatti Tasumaa Hin Godhin
1. Miira namaa ittiin taphachuuf hin yaalin
Gammachuu kee qofaaf miira namaa miidhuun hin ta’u. Ati yeroo gabaabaa keessatti injifachuu dandeessa, garuu nama sana bara dheeraaf dhabuu dandeessa.

2. Of fooyyessuuf hojii kee hin dhaabin
Waan beektu hammamiyyuu yoo ta’e, yeroo of ijaaruu dhaabde, yeroo sana irraa kaastee gad bu’uu jalqabda.

3. “Ani gahumsa hin qabu” jettee of hin tuffatin
Jireenya keessatti namoonni akkuma ati of mul'istutti si ilaalu. Kanaafofitti amanamummaa qabaachuun baay’ee barbaachisaadha.

4. Abdii hin kutin
Abdi qabaachuun jireenyaaf akka hafuuraati. Sodaa fi yaada hamaa irraa bilisa si baasee, yaada gaarii fi abdii siif guuta. Rakkoon hammam cimaa ta’us abdii hin muratin.

5. Kabaja ofii keetiif hin dhabin
Of kabajuun of kunuunsuu keessaa isa guddaadha. Yoo of hin kabajne, namoonni biroonis si hin kabajan.

6. Carraa kadhachuu hin baratiin – ofitti amanadhu.
Carraa argachuuf kadhachuun si xiqqeessa. Qooda kanaa, dandeettii kee irratti amantii qabaachuun, ofitti amanamummaa agarsiisuun si guddisu.

7. Nama ykn waan tokko illee salphaa goote hin ilaali (hin tuffatin)

Waan qabdu hunda akka salphaatti yoo ilaaltu, miidhaa qaba. Fakkeenyaaf: jaarsa/jaartii kee tuffachuun jaalala isaanii hir’isa; hojii kee salphaa ilaalchuun balaa maallaqaaf si saaxila; fayyaa kee dagachuunis dhibee sitti fida.

8. Addunyaan yoo si miidhellee gaarummaan kee hin du’in
Namoonni yoo si fayyadamanillee, amala gaarii kee hin dhiisin. Gaarummaan kee humna kee fuuldurati.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Dubra kittaanuu/ absumaa godhuu********Meeshaan dubraa san narvii kuma 8 ol of keessaa qabdi! Kuniis narvii fiixee meesh...
15/04/2026

Dubra kittaanuu/ absumaa godhuu
********
Meeshaan dubraa san narvii kuma 8 ol of keessaa qabdi! Kuniis narvii fiixee meeshaa dhiiraa ( g***s p***s) irra jiru dachaa lamaan caala jechuudha! Narviileen kunneen miira kakaasuu fi yeroo walqunnamtii saalaa gammachuu argachuuf gargaaru!

Qinxiriin dubraa( cl****is) huddumatti irraa qunqumtee yoo lafa keesse ,fedhiin isii zeeroo seenee teessaniituma wal ilaaltan malee wanti addaa tokkolleen hin jiraatu!

Yeroo akkanaa tokko quufee tokko agabuu bula jechuudha! Kanaaf suutuma walirraa jechuutu gaariidha!
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatoomaa!!!
Fayyaanfaaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

 🤐 ENDOMETRIOSIS — DHUKKUBA BAAY’EE NAMNI HEDDUUN CALLISEE RAKKATUUDHADubartoonni hedduun dhukkuba kanaan rakkachuun isa...
15/04/2026


🤐 ENDOMETRIOSIS — DHUKKUBA BAAY’EE NAMNI HEDDUUN CALLISEE RAKKATUUDHA
Dubartoonni hedduun dhukkuba kanaan rakkachuun isaanii waanuma jiraati… garuu yeroo baay’ee hin dubbatan. Har’a me waa'eesa ifa isinif haa goonu.👇
🔑 maali?
Endometriosis jechuun tishuun “endometrium” jedhamu (kan keessa gadameessaa jiru) bakka gadameessaan ala guddachuu jalqabuu jechuudha.

👉 Bakka akka: ovaarii, tuuboo ovaarii (fallopian tube) fi naannoo qaama saalaa biroo irratti mul’achuu danda’a.
Tishuun kun akkuma kan gadameessaa:
• ni furdata
• ni caccaba
• ni dhiigaas8
❗ Garuu dhiigni kun gara ala bahuu waan hin dandeenyeef, keessa kuufamee dhukkubbii cimaa fi rakkoo garaa garaa uuma.

🔑 Mallattoolee (Symptoms) beekamoo
• Dhukkubbii cimaa yeroo laguu
• Dhukkubbii mudhii fi garaa (abdominal cramp)
• Dhukkubbii yeroo walqunnamtii saalaa ykn booda
• Laguu ulfaataa ykn yeroo dheeraa
• Dadhabina, iita’uu (bloating)
• Rakkoo garaa gogiinsa ykn yaasaanis mul'achuu danda'a (constipation or diarrhoea)
• Yeroo baay’ee – dhala dhabuu irratti argama 🥲

🔑 Dhiibbaa dhala irratti qabu
Endometriosis sababoota dhala dhabuu keessaa isa tokko:
👉 %30 ol dubartoonni kana qaban ulfa ta’uuf baay'ee rakkachuu danda’u
Sababoota:
• Tishuu madaa (adhesions) uumuu
• Tuuboo gadameessaa cufuu
• Naannoo ulfaaf hin mijanne uumuu

🙏 Garuu yaada gaarii:
Dubartoonni muraasni ulfa fayyaa qabaachuu danda’u.

🔑 Akkaataa itti to’atamu (Management)

✔️ Qoricha dhukkubbii hir’isu (painkillers)
✔️ Wal’aansa hormoonii
✔️ Wal'ansaBaqaqsanii yaaluu (surgery) yeroo barbaachisetti
✔️ Sochii qaamaa gochuu
✔️ Nyaata madaalawaa
✔️ Dhiphina to’achuu

💡 Ergaa keenya
Endometriosis “dhukkuba callisanii obsan” bira tarani miti.
👉 Yoo mallattoolee kana qabaatte, ogeessa fayyaa qunnami
👉 Yeroon beekuun, rakkoo guddaa irraa si baraara

📢 Dubartii baraaruun hawaasa guutuu baraaruudha!!!
©Dr.Firomsa Jibril
Telegram channel kenyas subscribe godhaa 👇
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatooma!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

QAAMA SAALAA KEE MEESHAA LOLAATTI HIN ILAALIN? — Dhiironni, dhugaa haa dubbannu.Bilbila kee kaasee ni eegda, kophee kee ...
15/04/2026

QAAMA SAALAA KEE MEESHAA LOLAATTI HIN ILAALIN? —
Dhiironni, dhugaa haa dubbannu.
Bilbila kee kaasee ni eegda, kophee kee ni qulqulleessita, konkolaataa kees ni tajaajilta…
Garuu qaama saalaa kee hoo? Akkuma meeshaa darbanii itti fayyadamanii gatanii ilaaltaa?
Bakka qulqulluu hin taane keessa isa galchita, saalqunnamtii of eeggannoo hin qabne keessatti isa fayyadamtaa, akkasumas uffata isa ukkamsu uffatta — Garuu akkas gochuun gaarii miti. Yeroo inni miidhame, dadhabe, yookaan hojii isaa dhaabe — rakkoo sana irratti of ilaaluun hin barbaachisu.

Mee qabxii armaan gadii kana haa ilaallu:
1. Qaamni saalaa kee wanti hundi akka rukutuuf goda hundatti akka galuuf hin uumamne.
Bakka hundatti isa galchuu dhiisi. Of agarsiisuuf Fayyaa kee balleessuun si hin barbaachisu. Saalqunnamtiin humnaan baay’ee godhamu neervii fi dhiiga qaama sanaaf dhiyaatu miidhuu danda’a.

2. Seegaa dhawuu (of-sa***) (ma********on) humnaan baay’ee gochuun miira qaama sanaa dadhabsiisa.
Akka meeshaa waraanaatti isa qabachuun miira isaa hir’isa. Keessattuu seegaa suuraa fi vidiyoon walqabatu taanaan Sammuun kee qaama namaa irratti osoo hin taane suuraa fi vidiyoo(porn) irratti akka hojjatu barata.

3. Surree si qabdu uffachuun faaya miti — qaama kee miidha.
Ho’i guddaan fi ukkamsuun sanyii hir’isa, rakkoo dhaabbannaa qaama saalaa (erectiledysfunction)fida.
4. Dhukkubni, yookaan wanti adda ta’e kamiyyuu arganii callisuun gaarii miti.
Ogessaa fayyaa mariisisuu qabda

5. Qulqullinni kee baay’ee murteessaadha.
Uffata xuraa’aa, qaama hin dhiqamne, foolii badaa — kun hundi jaalallee kee ni jibsiisa. Qaama ishee kabajuuf kan kee qulqulleessi.

6. mallattoon akeekkachiisaa kanneen akka Gubaa, fincaan qabachuu dadhabuu, yookaan miidhama yoo sitti dhaga’ame — qaamni kee gargaarsa si gaafachaa jira. Gara ogeessa fayyaa deemi.

7. Rakkoon dhaabbannaa qaama saalaa umuriifi dhukkuba qofani miti.
Tamboo xuuxuu, alkoolii baay’isuu, nyaata fayyaf hin taane, sochii qaamaa dhabuu — hundi isaa walitti qabamee rakkoo guddaa fida. Kana sirreessuun si irra jira.
XUMURA:
Qaamni saalaa kee eenyummaa kee miti. Kennaa uumamaan Rabbiin sif kenneedha— itti gaafatamummaa qabuun fayyadami.
Yoo akkanatti itti fufte, hojii isaa si dura dhaabuu danda’a.
Of eegi. Of sirreessi. Humni dhugaa sirna jireenya kee keessatti argama.
©Dr. Firomsa Jibril
Telegram channel kenyas subscribe godhaa 👇
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatooma!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Hojiilee  gororaa(saliva) muraasa👇👇👇1. Bullaa'insa (Digestive) Gororri xannacha gororaatin maddu yeroo ati nyaata ijaan ...
15/04/2026

Hojiilee gororaa(saliva) muraasa👇👇👇
1. Bullaa'insa (Digestive)
Gororri xannacha gororaatin maddu yeroo ati nyaata ijaan agarturra jalqabe walitti cophuun baay'ata, kun amma nyaanni jiidhe laaffatu godha, nyaanni jiidhe laaffate haala salphaa ta'een liqimfama.
2. Eegumsaa (Protective functions)
Gororri akka maddi dhangala'aa afaan keessa jiruu (oral mucosa)n hin gogne eega, kun immoo dubbachuu yookin haas'uf nu gargaara, qabiyyeelen gorora keessa protinin argamu asiidifi beezile afaan seenan hunda neutralize godhun gara normaalatti deebisu, yoom kana qofa gororri protini akka inzaayamii layisozomi (lysozyme) jedhamu ka guddinafi baay'ina baakteeriyaa to'atu if keessa qaba, kun immoo normal flora baakteeriyaa nama keessa jiraachun barbaachisaa ta'eefi ka miidha fidan adda baase akka qaamni to'atuf gargaara.
3. Nyaataafi sirna nyaataa (Trophic function)
Sooranni wal makatoo kannen sukkara ashaboo fi akkasuma albuudota garagaara kannen akka foosforas zinkii fi kkf qaama ilkaani kan alaa (enamel) wajjin waltuquun albuudota kannen akka baasani qaama ilkaanii kan alaa (enamel) kanf kennan taasisa.
4. Balfa baasuu (Excretory function)
Oomishaalee metabolising kannen akka yuuriyaa(uria), aciidi yuuriyaa (uric acid), qorichoota medications, leads, ashaboole merkuuriitifi kkf hundinu balfa gororaan bahuudha.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatooma!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Qaama saala dhiiraa(p***s) 2 qabaachu...****************************************Ta'umsi isaa baayyee baayyee xiqqoo ta'u...
15/04/2026

Qaama saala dhiiraa(p***s) 2 qabaachu...
****************************************
Ta'umsi isaa baayyee baayyee xiqqoo ta'us dhiironni qaama saala dhiiraa lama(2 p***s) qabaatanii dhalachuu danda'u, qaamni saalaa kunis lama kan ta'u fiixee isaa qofa irratti ykn lachuu kan of danda'anii fi kan dalagaan (functional) ta'uu danda'a. Namoonni haala kanaan dhalatan yeroo baayyee rakkoo uumamaa qaamota biroo qabaachuu danda'u, rakkooleen uumamaa qaamota biroo kunneen hin jiran taanan homaa rakkoo hin qabu, garuu rakkooleen biroo jiraannaan yaalamuu qabu; kanaaf daa'imman gaafa dhalatan qaama saala dhiiraa lama qabaatanii dhalatan rakkoolee qaamota biroof qoratamuudhaan yaala barbaachisu argachuu qabu.
©️ Dr. Hamza jemal
Telegram channel kenyas subscribe godhaa 👇
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatoomaa !!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

"Dubra dubrummaa qabdu waliin walqunnamtii saalaa osoo hin raawwatin duraa fi erga raawwatanii booda maal maaltu godhamu...
14/04/2026

"Dubra dubrummaa qabdu waliin walqunnamtii saalaa osoo hin raawwatin duraa fi erga raawwatanii booda maal maaltu godhamuu qaba?"
********
Wanti duraan raawwatanii hin beekne yeroo baay'ee nama sodaachisuu danda'a. Namni tokko durbummaa qaba kan jedhamu yeroo baay'ee kana dura walqunnamtii saalaa raawwatee ykn rawwattee kan hin beekne yoo ta'edha. Kanaaf, gaafa jalqaba raawwatan miirri sodaa jiraachuu danda'a. Akkasumas, nama jaalatanii fi baay'ee amanan waliin yoo ta'e immoo, miirri gammachuu illee jiraachuu danda'a. Keessattuu, dubartoonni gaafa dura walqunnamtii saalaa raawwatan membireeniin haphiin durbummaa kan 'h***n' jedhamtu gaafa tarsa'u miirri dhukkubbiifi dhiigni dhiigu jiraachuu danda'a. Keessattuu, walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal hin ho'isne taanaan dhukkubbiin kun cimaa ta'uu danda'a. Kanaaf, rakkooleen kun akka hin uumamneef walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal ho'isuun baay'ee barbaachisaadha. Akkasumas, waan yeroo walquunnamtii saalaa mudachuu danda'u hundaafuu akka waliin jiraniifi furmaata barbaachisu hundaa waliin akka barbaadan sirriitti mari'achuu baay'ee gargaara. Akkasumas, daqiiqaa 30 dursanii bishaan sirriitti dhuguun, buna dhuguu, nyaata qaamatti hin ulfaanne nyaachuu fi kkf baay'ee gargaaru. Yeroo walquunnamtii saalaas haala isaaniif mijatu waliin mari'achaa raawwachuun rakkoolee jenne hir'isuudhaaf baay'ee gargaara. Wal-quunamtii saalaa boodas wal haammachuu, mataa ishii ofitti qabuu fi waldhungachuun dhukkubbii hir'isuuf ni gargaara. Dabalataan, ulfi uummamuu waan danda'uuf ulfa hin barbaachifne ittisuuf koondomii fayyadamuun ulfa hin barbaachifne ittisuudhaan dabalata dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban hir'isuuf gahee guddaa taphata. Yoo koondomii hin fayyadamne ta'e immoo ulfa hin barbaachifne ittisuuf karoora maatii hatattamaa (post pill) sa'aa 72 keessatti fudhachuudhaan hambisuun ni danda'ama.
©Dr.Hamza Jemal
Telegram channel kenyas subscribe godhaa 👇
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Hirmaannaa keessaniif guddaa galatoomaa!!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Bu'aalee Walqunnamtii saalaa jalqabun duratti wal hoo'isuun qabu.1. Dhiiraafi dubartiinis hormonii fedhii itti kakaasu k...
14/04/2026

Bu'aalee Walqunnamtii saalaa jalqabun duratti wal hoo'isuun qabu.
1. Dhiiraafi dubartiinis hormonii fedhii itti kakaasu ka qaamni saala daran akka saala faallaa ta'e hawwatufi harkisu maddisiisuf gargaara.
2. Dubartiin dhangala'a qaama saalaashee (natural lubricant)keessa uumaman jiru kan mucuceesse akka laaftutti qaama saala dhiira fudhatu godhu maddisiisuf gargaara.
3. Dhiigni gara kilitoris akka deemun miiraa keessa galtu taasisa.
4. Guntuutni akka harkifate gara hoo'inatti fidu godha.
5. Qaamni saalaa dubartii akka walitti dhippatee boca jijjiirrate qaama saala dhiiraa haalan jabeesse qabu gochuuf isa qopheessa.
6. Maashalen akka hiikachun relax godhuf gargaara.
7. Dhiigni kara qaama saala dhiiraa yaa'uun guutame qaamni saala dhiiraa akka ka'uu qofa osoo hin ta'in haalan ka'e dhaabbate yeroo ka'ufi dhangalaasu jidduu jiru dheeressuuf gargaara.
Source: reproductivehealthstdntbook
Telegram channel kenyas subscribe godhaa 👇
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Address

Menschien For Menschien
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Firomsa Jibril posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Firomsa Jibril:

Share

Category