18/05/2023
Caamsaa 10,2015
Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Gamaaggamni Raawwii Hojii ji,oottan saglanii(9)Taasifame.
Buufata Fayyaa Hariirotti Gamaaggamni Raawwii Hojii ji, oottan saglanii (9)Abbootii Adeemsaa, Focal person, Ogeeysota Fayyaa, Supparvaayzarootaa fi Hojjattoota Ekisteenshinii fayyaa Hunda Hirmaachise Sadarkaa PHCU tti Gaggeeyyfamee Ooleti jira.
Gamaaggama Kanarratti argamuun Haasaa Baniinsa kan taasisan I/A waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Qumbii Obbo fi Miseensota Maanajimantii waajjiraa Muraasa yammuu tahu Gamaaggama Kanarratti Gabaasa Ji,a Sagalii Ilaalchisee Hanqina Ji,oottan Saglanii,Ciminaa fi Hudhaalee turan Xiinxaluun Hojiilee Bara 2015 Raawwachuuf karoorsinee Hafan addaan baasudhaan Karoorri Hojii Guyyoota Shantamaa(50) Qophaayee Boru Ganamarraa Hojiitti akka jijjiiramurratti waliif galamee goolabamee jira.
Itti Dabaluun Daayrektarri PHCU Hariro Dargaggoo Kenna Tajaajilaa kennamu Galmaan gahuuf Hirmaattonnii fi Raawwattoonni Hojii Gamaaggama kanarratti argaman Murteessoo tahuu ibsuun Gara fuula durattis Ogeessa Gara Laafessa tahe , Kan Miirri Namummaa Itti Dhagahamuu fi Hawaasa Mirga isaaf falmatu, dammaqaa tahe oomishuu irratti akka xiyyeeffatamu dhaamun Gamaaggamichi Goolabamee jira.
!