30/10/2025
Pheenxee qofaaf
1. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 1:35) irratti, ganama bariin ka'ee, iddoo namni hin jirree dhaqee, Rabbiin kadhachuun isaa gabaafame.
2. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohannis 18:22) keessatti, qondaalota keessaa tokkoon rukutame. Namni Rabbiin rukutuu ni danda'aa.
3. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Maarqos 15:34) irratti, sagalee guddaadhaan, “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” Rabbii koo, Rabbii koo maaliif na dhiifte?” jedhee Rabbii isaa waammata.
Yoo Yesus Rabbiin ta'e, Rabbiin Yesus Kiristos itti iyye sun kami laata?
4. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 8:28) irratti, ofiin homaa hojjechuu hin dandeenyee fi qaamni isa erge isa wajjiin yeroo hundumaa jiraachuu dubbataree.
Yoo Yesus Kiristos Rabbiin ta'e, akkamitti waan fedhe gochuu hin dandeenyeree?
5. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 14:28) irratti, abbaan na caala'o. jedha.
6. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 23:46) irratti, sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!” jedha.
7. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 10:18) irratti, “Maaliif gaarii naan jettuu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedha.
8. akkasumas akkamitti (Luqaas 18:19) irratti: “Maaliif gaarii naan jettu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedheree.
9. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohannis 20:17) irratti, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Rabbii kootii fi Rabbii keessaniitti ol nan ba'a” jedheree.
10. Yesus Kiristos; Rabbii cubbuu dhiifama godhu yoo ta'e, akkamitti yeroo nuti jal'anne (Luqaas 23:34) irratti: “Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!” jedhaa.
11. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti duuka buutonni isaa, Maat
Yesuus_Waaqa_qabaachuu fi waaqa isaa kan kadhatu, waaaa isaaf kan ajajamu, kan bulu, kan sagadu akka ta'e ragaa macaafa qulqulluu irraa;
Romaa:- 15:5-6
“ብርታትና መጽናናትን የሚሰጥ አምላክ ክርስቶስ ኢየሱስን ስትከተሉ፤ በመካከላችሁ የአንድነትን መንፈስ ይስታችሁ፤ ይኸዉም በአንድ ልብና በአንድ አፍ ሆናችሁ፤ የጌታችንን የኢየሱስ ክርስቶስን አምላክና አባት ታከብሩ ዘንድ ነዉ፤፤
"Waaqayyo inni obsaa fi jajjabina namaaf kennu immoo, fakkeenya kiristos Yesuus duukaa buutanii, walii galtee akka qabaattaniif, sagalee tokkichaan Waaqayyoon abbaa gooftaa keenyaa Yesuus kiristos akka galateeffattaniif isin haa gargaaru”
Phaawuloos, jajjabinni fi obsi Waaqayyoo irraa argamuu ibse. Waaqa isa abbaa Yesuus ta’e galateeffachuuf, Yesuusiin duukaa bu’uu akka qaban ibse. As irratti; Yesuus, karaa waan ta’eef duukaa bu’uun barbaachise. Nabiyyiin kamiyuu karaa itti gara Waaqayyo deeman yookiin karaa ittiin ‘Waaqayyoon’ beekan akka ta’e beekamaadha.
Lallabdoonni wangeelaa; Yesuusiin haala kanaan yeroo ibsan, ummanni yeroo ammaa kan waa’ee Yesuus hin beekne, Yesuusiin Waaqa jedhee waan hin jirre wajjin rakkata. Kun maaliif isinitti fakkaata? Sababni isaa; macaafa hordofuu dhiisanii falaasama yaada ofii waan hordofaniif karaan harkaa bade. Umrii isaanii hafte keessatti yoo karaa qajeelaa filatan malee, Waaqni jara harkaa badeera. Jireenya biyya lafaa kanatti Waaqa osoo hin barin, duuti yoo itti dhufte salphina.
Ibroota;- 1:13
"እግዚአብሔር፤ “ጠላቶችህን የእግርህ መርገጫ እስከማደርግልህ ድረስ፤ በቀኜ ተቀመጥ"
"Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun “diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa’i!” jedhee beeka?"
As irratti;- Yesuus; ergamoota kaan caaluu isaa yommuu barsiisu, hima keeyyata kana irra jiru barreesse. Pirootestaanonni fi kiristaanonni; Yesuus, “gooftaa waan ta’eef mirga waaqaa taa’a” jedhu. Mirga koo taa’i kan jedhame eenyu? Yoo Yesuusiin jedhame ta’e, Gaaffilee kanaa gadii deebisuun barbaachisaadha.
Yesuus; Waaqa yoo ta’e, Waaqni ergamoota wajjin akkamitti madaalchifama? Tarii ergamaadhaa? Phaawuloos; ergamaa akka ta’e ibsaa jira.
Yesuus waaqa yoo ta’e, akkamitti yeroon daangeeffamee, mirga waaqaa akka taa’u godhame? Eenyutu teesise? Waaqni; waaqa biraa of cinaa teesise yoo jedhamu, sammuu akkamiitu fudhata? Waaqni diinota isaa; miila isaa jala erga oolchee booda, Yesuus bakka sanaa ni ka’a jechuudhaa? Sababi isaas, hangan diinota kee ejjannaa miila kee jala oolchutti jedha.
Yesuus diina isaa dadhabee gargaarsa waaqaa fedhe jechuudhaa? Yesuus waaqa yoo ta’e, Waaqni gargaarsa barbaade jechuun akkamitti ta’a?
Waaqni;- Yesuus, isa yeroon booda mirga waaqaa akka taa’u godhame moo? isa of cinaa akka taa’u godhe? Moo Kan taa’us kan teesisus lamaanuu waaqa jennaa? Lamaanuu gargari.
Yaa_Lammiiwwaan_keenya_kiristaanaa!
Kanaafuu
Yesuus namadha.
Yesuus Nabiyyii Rabbiiti.
Yesuus ergamaa Rabbiiti.
Yesuus garbicha Rabbiiti.
Yesuus tajaajilaa Rabbiiti.
Yesuus nama filatamaadha.
Yesuus nama kabajamaadha.
Yesuus nama jaallaatamaadha.
Yesuus nama Rabbiin fo'ateedha.
Yesus Afaanuma Isaatin Ragaa Bahe Akka Ergamaa Tahe!!.yesusin inni erges Akka jiru, Irra deddebin dubbateera.warri waaqa Jedhan Qabxiilee Kan Hingarre moo!?🥺𝒔𝒉𝒆𝒓 𝒔𝒉𝒆𝒓🙏🥰
Eegaa dubbin Yesus Akka Armaan gadii kana.
Wangeela.Yuhannis.7:28
28 Isa irratti Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee, 👉“Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan.!!!