16/11/2025
Waa’ee dhukkuba vaayrasii Maalbarg wanoota beekuu qabnuu
Dhukkubni vaayirasii Marbarg (MVD) ykn Marburg haemorrhagic fever jedhamuun beekamu dhukkuba cimaa fi namoonni isaan qabaman giddugaleessaan dhibantaan 50( 24 to 88%) ni du’an
Simbiroo haalkanii Rousettus aegyptiacus ja’amuun beekamtuu fi biqiloota mudra biqilchan soorattu irra kan arkamuu fi namatti kan dabruu mudra jiidha simbirraattiin hubaman, binneensoota vaayrasiichaan qabaman foon isaani osoo hin bilchaatiin nyaachu fi jiidha isaan kessaa bahuun huubamuun shaani.
Namaa gara namaatti kan dadabruu tuttuqaa qama jidha nama vaayrasiin qabamee kessaa dhangalauun, ykn uffata fi meshaalee jiidha nama saniitiin faalameen tuuqamuu dhaani
Lilmeen ykn wantoota qara qaban diramuun gaafa dabruu(mana yaalaa kessattii) dhukkubicha baayyee haamaata fi yeroo gabaabati akka nama galaafatuf sababa ta’a
Namnii dhukkuba kana kan dabarsuu eegaluu eerga malattoo agarsiisu egalee booda(malattoon kan eegalan eerga faalamanii guyya 2 haanga 21 kessatti)
Yeroo ammaa talaallii ykn yaaliin fara vaayirasii mirkanaa’e hin jiru.
Saffiisaan gara mana yaalaa deemanii yeroon gargaarsa tajaajila fayyaa taasisuun(glukoos(zero) kannuu, hoo’a qama to’achu fi dhiiga kannu fi k.k.f) carraa lubbuun haafuu fooyyessuun ni danda’ama
Mallattolee dhukkubicha
Akka tasaatti ho’a qaamaa cimaa,dhukkubbii mataa hama, dadhabbii qaamaa fi dhukkubbii maashaalee qabaachun jalqaba.
Guyyoota sadii booda: garaa kaasaa haamaa, dhukkubbii garaa, locci’uu fi haaqisaa qabaachu ta’a. Yeroo kana coraa irra shifitaa fiidachu danda’a.
Guyyaa shan booda : Dhiigni uraa qaamaa hunda kessa dhangala’uu (Afaan, Kutaa sagaraa,funyaan,irgoo fi qama saalaa).
oMalatolee midhama sammuu kan akka bazabazaa haasau, dafanii dalanuu fi nama rebuu faa qabaachu malan
oSababa dhangala’uu dhigaatiin dhangalaan qama hirrachuun hojiin dhabuu qaamolee hedduu fiduun(kale,sammuu,tiruu, sammuu fi dhuma irrattii onnee) malatoon eegale guyyaa 8 fi 9 jidduutti lubbuu namaa galaafata
Mallatoleen yeroo bayyee dhukkuboota biroo kan akka busee, taayfoyidii, meningitis(Infection qama sammu) fi vaayresoota issatti dhihoo ta’an kan akka ebolaa faana waan wal fakkaata
Namoota dhukkubaan qabamuu shakkaman dhangalaa qama isaanii(dhiiga) of eggannoo guddaa qodhuun gama laaboraatoriitti maraamartoo DNA erguun jiraachuun mirkaneffama
Akkamittii Ittisuu danda’ama
Dhiiheenya namootni sibirroo haalkanii wajjiin qaban hirriisu(warra albuuda baasan,hoolqa kessa hojjatan)
Foon bilcheeysan soorachu
Namoota dhuukubsataan walittii dhiheenya qaban adda baasuun hordoofu fi Sakata’uu.
Namoota dhukkuba kanaan qabaman ykn shakkaman irraa fagaachu
Yeroo itti dhihaatan off eggannoo akka infection hin dadabarre ittisan hojjii irra olchuu (maaskii godhachu, guantii haarkaa,huccuu qama gutuu haagogan fi jiidha hin dabarsiine fayyadamu)
Namoota dhukkuba kanaan booqatan ofegganoo guddaan namootni lenji ga’aa qaban kobatti akka awaalan taasisu,
Maddii: Dhaabbata Fayyaa Adunya (WHO, 2025)
Dr. Iliyaas Jamaal, Sab-Ispeeshaalistii kaansarii gadaamessa
Kliinika Gadaamessa fi Ulfaa Dr. Elias
Lakk. Bilbiilaa: 0969676755/0969676744
Tessoo: Harar kolleejii Rift valley Fuldura
https://t.me/klinikagadaamessafiulfaadrelias
https://www.tiktok.com/?_t=ZM-90jm7w87J8q&_r=1