03/01/2025
Akkamitti wanti kun hanguma kana salphifamee ilaalamaa jira jarana?
Dhiheenya kana kirkirri lafaa irra deddeebiin biyya keenyatti mudataa jira. Dheengadduma kana sa'atii 24 keessatti qofa kirkirri lafaa 14 kan reektar iskeelii 4.4 hanga 5.0 jidduu galmeesse uumamuun ni yaadatama.
Keessuumaa kirirri lafaa ulfaataan naannoo Affaaritti mudataa jiru hanga magaalaa Finfinneetti qaqqabuun dachee hollachiisaa jira. Hawaasni naannoo Affaar kan naannawaa haaloonni kun irra deddeebiin itti mudatan jiran kumaatamoonni qe'eefi qabeenya isaanii dhiisanii buqqa'uuf dirqamaniiru.
Hunumaa guyyaa har'aa ammoo naannawaa tibbana kirirri lafaa itti mudataa ture keessaa tokko kan ta'e Aanaa Dullachaa Gaara Doofan irratti Volkaanoon dhoheera.
Naannoo Afaaritti Bulchaan Godina Gaabii Rasuu Abduu Alii, kirkirri lafaa irraa deddeebiin mudachuu itti fufuu kaasanii, dhohiinsi Volkaanoo har’a umameefi kirkirri turees kan duraan mudataa ture caalaa daran cimaafi hammaataa ta'uu himanii.
Balaa qaqqabaa jiru hordofee hawaasni qe'ee isaarraa buqqa'aa jiras jedhani.
ibsanii,
Garuu dhimmi kun hanga kana maaliif biyya keenyaa yaachisuu dhabe? Guyya guyyaatti taatee achitti ta'uu himaa ooluu caalaa hojiin bu'aa qabu maaf hojjatamuu dhabe?
Qorannoon gahaan godhamuu, qophiin duursaa marri taasifamuu, dhimma hawaasa kumaatamaan buqqa'aa jiruutiif fala dhahuu,,, irratti sirnaan maaliif yeroo hojjatamu arguu dhabne laata?
Biyyi keenya yoo duursitee osoo wanti kun rakkoo kanaa olii hin qaqqabsiisin irratti hin hojjatin booda hawaasa buqqa'e tumsuun ulfaadha. Kan siichi itti d dabalamuu mitii kan hanga ammaatti sababoota uumamaafi namtolcheetiin buqqa'eef waan barbaachisu gochuun ulfaateera. Dhimmi kun rakkoo Affaar qofa osoo hin taane kan biyyaati oolee bulee.