
26/05/2025
Gartuu dhiigaa Abbaa manaa fi Haadha manaa!
**************************
Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?
**************************
Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabuu ta’ee dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).
**************************
ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan pozaativii carraa ta’uu ol'aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh+ ta'u, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagati illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)
**************************
RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e, haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.
**************************
Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa imi