
09/07/2025
Michii Sombaa《Pneumonia 》|
*************************************
Qilleensaatu na dhawe yeroo jedhan dhageessanii beektuu?
Michiin sombaa yeroo sombi keenya sababa garaagaraatiin nama kulkulu kan namatti dhufudha. Michiin Sombaa nama umrii kamuu miidhuu kan danda'uudha. Garuu irra baayyinaan daa'ima waggaa 2 gadii fi manguddoo waggaa 65 olii miidha
Michiin Sombaa dhibee salphaadhaa hanga dhibee lubbuuf sodaachisaa ta'ee namatti fiduu danda'a!
-----
Mallattoo Michii Sombaa
******************************
Mallattoon Michii sombaa gosa jarmii dhukkuba nama qabsiisu (baakteeriyaa , vaayirasii fi kkf), umrii fi fayyaa waliigalaa nama sanaa irratti hundaa'uun garaagara ta'uu danda'a. Namni dhukkubsate tokko mallattoolee asiin gaditti eerame hunda agarsiisuu dhabuu danda'a.
✍ Qufaasisuu
✍ Hafuurri namatti ciccituu
✍ Qomti nama dhukkubuu/wawwaraanuu
✍ Leeydaa /Gubaa qaamaa qabaachuu
✍ hoollachiisuu
✍ Dadhabsiisuu
----'
Maaltu Michii Sombaatiif nama saaxilaa?
-----
1. Guyyaa lamaa ol sababa dhibee birootiif hoospitaala ciisuu
2. Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa keenyaa hir'achuu
3. Dhukkuboota yeroo dheeraaf namarra turan kan akka onnee, kalee, sukkaraa qabaachuu
4. Sigaaraa aarsuu
-----
Miidhaa Michiin Sombaa namarraan gahu
-----
👉 Sombi akka malaa godhatu godhuu
👉 Bishaan akka naannawa sombaatti kuufamu godhuu
👉 Baakteeriyaan dhibee kana fidee san dhiiga seenuudhaan qaamoota biraarratti miidhaa geeysisuu
---
Akkamitti ofirraa ittisna
---
- Talaallii fudhachuu
- Daa'imman tallaalchisuu
- Qulqullina afaanii fi ilkaanii sirritti eeggachuu
- Sigaaraa aarsuu dhiisuu
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!