
18/08/2024
Rakkoon namoonni ga’eessonni daa'immaaniif fedhii saalqunnamtii qabaachuu (pedophilic disorder) maali?
✍️Paaraafiliyaa(paraphilia) jechuun dhibee sammuu keenyaa keessaa tokko ta'ee irra deddeebii fi walitti fufinsaan yoo xiqqaateef ji'oota ja'aaf shaakalaa fi gochaa wal qunnamtii saalaa haalotaa fi karaalee hin baratamne ykn akkaataa seera uumaa waliin hin deemneen gammaduu fi miira ofii ba'uu/fedhii ofii ofirra dabarsuu jechuudha.
✍️peedoofiiliyaa(pe******ia): gosa dhukkuba sammuu paaraafiiliyaa keessaa tokko ta'ee kanneen daa'imman umrii isaanii gadi ta'an wajjiin shaakala fi fakkeessaa wal qunnamtii saalaa/qaama isaanii qaama daa'imaa ammaan xiqqoo ta'etti riguu fi tuttuquun/ miira isaanii ba'an jechuudha.
👉Umriin daa'ima gochaan kun irratti raawwatamus Wagga 13 gad kan ta'aniifi sadarakaa guddinaa saal_lammeessoo kan hin qaqqabiin ta'uu qaba.
👉Namni dhukkuba akkasii qabu yoo xiqqaate hojii guyyaa isaa hojjechuuf dhiibba keessa galuu qaba/bu'a qabeessa ta'uu ni dhaaba, yaadota kanatti hidhamee jechuudha.
👉Namni gochaa akkasii raawwatu yoo xiqqaate Waggaa 16 ta'uu qaba ykn daa'ima sana Waggaa 5 caalu qaba.
👉Akka addunyaatti namoota 3% ta'an dhibee kana qabaatanus irra deddebiidhaan dhiirota irratti mul'atus dubara irrattis carraa mul'achuu qaba.
✍️Namoonni rakkoo 'pe******ia' qaban da'immaan umuriin isaanii hin geenyeef fedhii, hawwii fi kaka'uumsa saalqunnamtii of to'achuu hin dandeenye kan qabaniifi uffata daa'immaanii irraa baasuun qullaa isaanii ilaaluun gammaduu irra darbee hanga gocha Saal-qunnamtii daa'immaan irratti rawwachuutti ni ga'u.
✍️Rakkoon kun namoota addunyaa keenyaa keessaa harka xiqqoo irratti kan mul'atuufi ka'umsa garaagaraa irraa kan dhufuufi, akkasumas yaalas kan qabudha.
✍️Kanaaf namoonni miirri akkasii isinitti dhagaa'amu yeroon ogeessa fayyaa sammuu mariisiisuun barbaachiisaadha.
Yaaliin dhibee kanaa amansiisaa tahuu baatus nama dhibeen kun irratti beekame to'annoo sa'atii 24 yeroo hundaa gochuutu filatamaadha!
Gamachu Anbasse