13/08/2022
DHIIRRI TOKKO....
👉 Giphii ( Kiisii) Qomaa keessatti meeshaalee kanneen akka Qalama (Kobbee) fi waraqaa daphoo baatee deemuu jalqabeera taanaan
👉 Shamizii jalatti Qomee ( T-Shirt) uffachuu jalqabeera taanaan,
👉 Qarshii callaa (Sharafa) Borsaa kiisii (Wallet) keessa , akkasumas Qarshii Duudaa giphii kootii isa gara keessoo keessa kaawwachuu eegaleera taanaan,
👉 Uffata baqaqsiifamee hodhamu uffachuu baay'isa taanaan,
👉 Saamunaa osoo hin fudhatin Qaama dhiqachuuf uffata ofirraa baafachuu eegallaan,
👉 hiriyoota isaa waliin osuma taa'uuu yaadaan baduu fi abdii kutuu eegaleera taanaan,
👉 Kaaffee fi golgee bunaa deemee buna finjaala tokko dhugee sa'aatii 4 ol taa'uu eegaleera taanaan,
👉 Ganama sa'a 1:00 booda hirribaa ka'uu eegaleera taanaan,
👉 Shamarran yeroo bira darban gadi jedhanii nagaa gaafatanii darbuu eegalaniiru taanaan,
👉 Saaloonii taa'ee Akaayii qorxomsuu eegaleera taanaan,
👉 Dargaggeessa dhaabbiin isaa bareedu yeroo argu aariidhaan dhiigni isaa danfuu jalqabeera taanaan,
👉 Ammas ammas Irra deddeebi'ee Qabattoo isaa sirreeffachuu eegaleera taanaan,
👉 Kaalsii dhedheeraa fi Kophee gogaa irraa hojjatame qofa uffachuu baay'isa taanaan,
👉 Gaazexaa yeroon isaa keessaa ba'e dubbisuu eegaleera taanaan,
👉 Taaksii ykn konkolaataa keessa yeroo taa'u "Foddaa naaf cufaa" jechuu eegaleera taanaan,
👉 Miseensa Afooshaa mana hojii (Waajjira isaa) ta'ee galmaa'eera taanaan,
👉 Jecha "Hin jeeqinaamee" jedhu fayyadamuu baay'isa taanaan,
👉 Mana isaa qalama ifu ykn Calaqqisu dibuu eegaleera taanaan,
👉 Mana karambullaatti deddeebi'uu baay'isa taanaan
👉 Gaafa mana boo'ichaa deemu jaakkeettii uffachuu eegaleera taanaan,
👉 Gaafa Huccuu bitatu " dhaa?" Jechuu eegaleera taanaan
👉 Oduu sa'aatii 2:00 dura irbaata nyaachuu eegallaan,
👉 Rifeensa funyaan isaa keessa jiru muruuf yaalii gochuu eegallaan,
👉 "Miidhaginni shamarranii rifeensa isaaniiti" jechuu eegallaan,
👉 "Faranjoonni maal jedhu seete?" Jedhee oduu eegaluu jalqabnaan,
👉 Ga