23/09/2025
ODUU:Walga'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorki keessatti gaggeeffame irratti biyyoonno paalastaayiin biyya Akka taatu beekkamtii Kennan ifooman
Faransaayi biyyoota Paalastaayin biyya akka taatuf beekamtii kennan keessaa isii tokko taate!
Faransaayi dabalatee hoggantoonni biyyoota ja'aa biyyoota Paalastaayin biyya akka taatuf beekamtii kennan akka ta'an Walga'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorki keessatti gaggeeffame irratti ifoomsan.
Biyyoonni akka Andooraa, Beeljiyeem, Luzenbargi, Maaltaa fi Monaakonis Paalastaayiniif beekamtii ni kennina jedhan.
Hoggantoonni Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Biriiten fi Poorchugaal, kan dursanii Paalastaayiniif beekamtii kennan, walgahii kanarratti haasaa taasisan.
Imaanuyeel Maakroon, Pirezidaantiin Faransaayi, haasaa taasisaniin, “ kan asitti walitti qabamneef yeroon waan ga’eefi. Furmaanni biyya of danda’a lama ta’uu akka kennamu gochuuf waan dandeenyu hunda goonee itti gaafatamummaa keenya ni baana,” jechuun “Faransaayi ifatti Paalastaayiniif beekamtii kennitee jirti” jedhe.
Kannanis biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’an 193 keessaa biyyyoonni 147 haga ammaatti Paalastaayiniif beekamtii laatan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA 📡