27/02/2026
Hospitaalli Waliigalaa Odaa Hullee waliigaltee walta’iinsa seektara mootummaafi dhunfaa isa jalqabaa Yunivarsitii Jimmaa (Jimma University) waliin mallatteesse
Waliigalteen dhabbilee lamaan gidduutti mallattaahe kun qaama sochii walta’iinsa seektara mootummaafi dhunfaa yoo ta'u, carraaqqii waloo Hospitaalli Waliigalaa Odaa Hulleefi Yunivarsitiin Jimmaa tajaajila fayyaa guddisuurratti taasisaniif kallattii kan kaa'udha.
Sagantaa mallattoo kanarratti Hojigaggeessaa Olaanaan Hospitaala Waliigalaa Odaa Hullee Dr. Jaafar Yaasin hospitaalichi boqonnaa haaraatti cehuusaafi qophaahina guddaa walta’iinsa seektara mootummaafi dhunfaa barbaachisu akka qabu ifoomsuun, Hospitaalli Waliigalaa Odaa Hullee dhaabbata fayyaa jalqabaa waliigaltee kana yunivarsiticha waliin mallatteesse ta'uusaatti gammachuu itti dhagahame ibsaniiru.
Pirezdaantiin Yunivarsitii Jimmaa gamasaaniitiin yunivarsitichi tajaajila fayyaa guddisuuf hojii hojjetaa jiru caalatti cimsee itti fufuuf walta’iinsi seektara fayyaa mootummaafi dhunfaa murteessaa akka ta'eefi mallattoon Hospitaala Waliigalaa Odaa Hullee waliin taasifame yunivarsitichaaf isa jalqabaa akka ta'e ibsaniiru. Miseensonni hooggansa yunivarsitichaas waliigalteen kun hojiitti hiikamuun fooyya'iinsi walta’iinsi seektara mootummaafi dhunfaa kaayyeffate hojiirra akka oolu abdii qaban ibsaniiru.
ኦዳ ሁሌ አጠቃላይ ሆስፒታል ከጅማ ዩኒቨርሲቲ ጋር የመጀመሪያውን የመንግስት እና የግል አጋርነት የመግባቢያ ስምምነት ተፈራረመ
በሁለቱ ተቋማት መካከል የተፈረመው ስምምነት የመንግስት እና የግል አጋርነት ማዕቀፍ አካል ሲሆን የኦዳ ሁሊ አጠቃላይ ሆስፒታል እና የጂማ ዩኒቨርሲቲ የጤና አገልግሎቶችን ለማሻሻል ለሚያደርጉት የጋራ ጥረቶች አቅጣጫ የሚያስቀምጥ ነው።
በፊርማ ሥነ-ሥርዓቱ ላይ የኦዳ ሁሌ አጠቃላይ ሆስፒታል ዋና ሥራ አስፈፃሚ ዶ/ር ጃፈር ያሲን ሆስፒታሉ አዲስ ምዕራፍ መሻገሩን እና ለመንግስት እና ለግል አጋርነት በቂ ዝግጅት ማድረጉን ገልፀዋል።
የጅማ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት በበኩላቸው ዩኒቨርሲቲው የጤና አገልግሎቶችን ለማሻሻል የሚያደርገውን ጥረት ለመቀጠል በመንግስት እና በግል የጤና ዘርፎች መካከል ያለው አጋርነት ወሳኝ መሆኑን ተናግረዋል። የዩኒቨርሲቲው አስተዳደር አባላት ስምምነቱ ተግባራዊ እንደሚሆን እና በመንግስት እና በግል አጋርነት ላይ ያተኮሩ ማሻሻያዎች ተግባራዊ እንደሚሆኑ ሙሉ እምነት እንዳላቸው ገልፀዋል።