01/06/2023
SAAYINASII (Sinusitis)
Saayinasiin qaama keenya, saayinasaayitis (sinusitis) ykn kulkula sayiinasii kan jennu ammoo dhukkuba.
************************
Saaynasiin baayyinaan afur kan ta'an qaamota keessi isaanii qullaa (duwwaa) qilleensaan guutame jiru, kan lafee naannoo funyaanii jiran keessatti argamanidha.
****************************
Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko: dhangala'aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasiin akkasumas seelota qaamaa bakka sanatti hin barbaachifneen fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana kan sinusitis ykn kulkula sinusii jennu.
***************************
Allergic sinusitis kan jennu, kan yeroo baay'ee namni barteedhaan 'saayinasii' jedhee waamu, sababa alerjiin yoo saayinasiin keenya kulkulu jechuudha. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha. Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka'uu danda'a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa.
Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta'ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda'aniif, keessumaa ho'iinsi qaamaa (fever) yoo qabaatan, mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa seenee, yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo turan ammoo rakkoo biraa irra nu buusu mala. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu (meningitis) illee fiduu danda'a. Kun keessumaa namoota dhukkuba biroo akka dhukkuba HIV/AIDS fi dhukkuba sukkaaraa qaban mudachuu waan maluuf of eeggachuu qabu. Sinusitis sababa alerjiin dhufu garuu ofumaa qoricha gargaraa fudhachaa yeroo isaa eegee mallattoowwan isaa kun dhabamuu, akkasumas deebi'anii dhufuu malu.
*********
Fayyaan Faaya
© Dr. Gurmeessaa