Deneba Secondary School

Deneba Secondary School Fayyaan fayaa Fayyaa keessan eggadhaa

20/04/2024

Barnoota Kufe kan kaasuu Barsiisaa qofa

03/11/2023

ሰበር ዜና

የሬሜዲያል መቁረጫ ነጥብ ይፋ ተደረገ።

የአቅም ማሻሻያ (Remedial Program) በመንግስት ዩኒቨርሲቲዎች እና በተለያዩ አማራጮች ለመከታተል የሚያስችል የመቁረጫ ነጥብ ይፋ ተደርጓል፡፡

በ2015 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ ፈተና ወስደው 50 ከመቶ እና ከዚያ በላይ ያላስመዘገቡ ነገር ግን ትምህርት ሚኒስቴር ያወጣቸውን መስፈርቶች የሚያሟሉ ተማሪዎች የአቅም ማሻሻያ (Remedial Program) በመንግስት ዩኒቨርሲቲዎች እና በተለያዩ አማራጮች ለመከታተል የሚያስችላቸው የመቁረጫ ነጥብ ይፋ ተደርጓል፡፡

በዚህም መሰረት በሁሉም አማራጮች (በግል እና በመንግስት ተቋማት) የ Remedial ፕሮግራም ለመከታተል ተማሪዎች እንደተፈተኑት የትምህርት አይነት ብዛት 30 ከመቶ እና ከዚያ በላይ ማለትም (210 ከ 700፣ 180 ከ 600 እና 150 ከ500) የተቆረጠ መሆኑ ተመላክቷል።

ከላይ በተራ የተገለጸው እንደተጠበቀ ሆኖ በመንግስት ተቋማት (ወጪያቸው በመንግስት ተሸፍኖ) የRemedial ፕሮግራም የሚከታተሉት የሚከተሉትን መቁረጫ ነጥብ ያሟሉ ብቻ እንደሚሆኑ ተጠቁሟል፡፡

☑ የተፈጥሮ ሳይንስ ለመደበኛና የማታ ወንድ ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 255 ያመጡ

☑ የተፈጥሮ ሳይንስ ለመደበኛና የማታ ሴት ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 234 ያመጡ

☑ የማህበራዊ ሳይንስ መደበኛና የማታ ወንድ ተማሪዎች ከ600 ነጥብ 218 ያመጡ

☑ የማህበራዊ ሳይንስ መደበኛና የማታ ሴት ተማሪዎች ከ600 ነጥብ 200 ያመጡ

☑ ታዳጊ ክልል የተፈጥሮ ሳይንስ ወንድ ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 224 ያመጡ

☑ ታዳጊ ክልል የተፈጥሮ ሳይንስ ሴት ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 210 ያመጡ

☑ ታዳጊ ክልል የማህበራዊ ሳይንስ ወንድ ተማሪዎች ከ600 192 ያመጡ

☑ ታዳጊ ክልል የማህበራዊ ሳይንስ ሴት ተማሪዎች ከ600 ነጥብ 180 ያመጡ

☑ አርብቶ አደር አካባቢ የተፈጥሮ ሳይንስ ወንድ ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 210 ያመጡ

☑ አርብቶ አደር አካባቢ የተፈጥሮ ሳይንስ ሴት ተማሪዎች ከ700 ነጥብ 210 ያመጡ

☑ አርብቶ አደር አካባቢ የማህበራዊ ሳይንስ ወንድ ተማሪዎች ከ600 ነጥብ 180 ያመጡ

☑ አርብቶ አደር አካባቢ የማህበራዊ ሳይንስ ሴት ተማሪዎች ከ600 ነጥብ 180 ያመጡ

☑ ዓይነ ስውራን ማህበራዊ ሳይንስ ወንድ ተማሪዎች ከ500 ነጥብ 150 ያመጡ

☑ ዓይነ ስውራን ማህበራዊ ሳይንስ ሴት ተማሪዎች ከ500 ነጥብ 150 ያመጡ መሆን አለባቸው ተብሏል።

መረጃው የኤፍቢሲ / የትምህርት ሚኒስቴር ነው።

05/10/2023

ማስታወቂያ
የ2015 ትምህርት ዘመን የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ውጤት እስካሁን ያልተገለጸ መሆኑን እየገለጽን ተፈታኞችና መላው የትምህርት ማህበረሰብ በትዕግስት እንድትጠብቁን እናሳውቃለን።
ት/ም/ፈ/አ

17/09/2023

FAAYDAA GOMMANAA (RAAFUU) SALAXAA SORAACHUU
1. Dhibee kaanserii nurraa ittisa.
2. Dhiitoo qaama keenya irraa ni ittisa. Dhukkubbii buusaa(joint) irraa, utaalloof, ni gargaara.
3. Fayyaa ija keenyaa ni fooyyessa.
4. Furdina qaamaa gar malee ta'e ni xiqqeessa.
5. Fayyaa sammuu keenyaa ni fooyyessa.
6. Fayyaa lafee keenyaaf ni gargaara.
7. Dulloomuu yeroo malee nurraa ittisa.
8. Dhiibbaa dhiigaa keenya ni fooyyessa.
9. Dhukkubbii maashaa ni ittisa.
10. Dhiiga keenya qulqulluu taasisuun summaa'uu qaamaa ni ittisa.
11. Vitamin E 'n kan badhaadhe waan ta'eef fayyaa gogaa keenyaaf, qaroo keenyaaf, fayyaa rifeensa keenyaaf akkasumas fayyaa rifeensa keenyaaf ni gargaara.
12. Madaa'uu garaa keenyaa ni ittisa.
13. Bowwuu mataa ni fooyyessa.
14. Quufa mormaa(gout) nurraa ittisa.
galatooma
Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches

01/06/2023

SAAYINASII (Sinusitis)
Saayinasiin qaama keenya, saayinasaayitis (sinusitis) ykn kulkula sayiinasii kan jennu ammoo dhukkuba.
************************
Saaynasiin baayyinaan afur kan ta'an qaamota keessi isaanii qullaa (duwwaa) qilleensaan guutame jiru, kan lafee naannoo funyaanii jiran keessatti argamanidha.
****************************

Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko: dhangala'aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasiin akkasumas seelota qaamaa bakka sanatti hin barbaachifneen fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana kan sinusitis ykn kulkula sinusii jennu.
***************************

Allergic sinusitis kan jennu, kan yeroo baay'ee namni barteedhaan 'saayinasii' jedhee waamu, sababa alerjiin yoo saayinasiin keenya kulkulu jechuudha. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha. Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka'uu danda'a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa.

Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta'ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda'aniif, keessumaa ho'iinsi qaamaa (fever) yoo qabaatan, mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa seenee, yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo turan ammoo rakkoo biraa irra nu buusu mala. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu (meningitis) illee fiduu danda'a. Kun keessumaa namoota dhukkuba biroo akka dhukkuba HIV/AIDS fi dhukkuba sukkaaraa qaban mudachuu waan maluuf of eeggachuu qabu. Sinusitis sababa alerjiin dhufu garuu ofumaa qoricha gargaraa fudhachaa yeroo isaa eegee mallattoowwan isaa kun dhabamuu, akkasumas deebi'anii dhufuu malu.
*********
Fayyaan Faaya
© Dr. Gurmeessaa

በጃፓን ጦርነት ወቅት የወንድሙን ሬሳ (አስክሬን) በጀርባው አዝሎ በጥልቅ ስሜት ሊቀብር ይሄድ የነበረውን ታዳጊ ሕጻን ያስተዋለ አንድ ወታደር ... "ለምን እራስህን ታደክማለህ የሕጻኑን እሬ...
01/02/2023

በጃፓን ጦርነት ወቅት የወንድሙን ሬሳ (አስክሬን) በጀርባው አዝሎ በጥልቅ ስሜት ሊቀብር ይሄድ የነበረውን ታዳጊ ሕጻን ያስተዋለ አንድ ወታደር ...

"ለምን እራስህን ታደክማለህ የሕጻኑን እሬሳ ጥለኸው ብትሄድ እኮ ድካምህ ይቀንስልህ አልነበር?" ሲል ጠየቀው::

ሕጻኑም ሲመልስ እንዲህ አለ:- "ወንድሜ ነው እኔን አይከብደኝም" አለው::

ያን ጊዜ ጥያቄውን ያቀረበው ወታደር ራሱን መቆጣጠር አልቻለም ... ስሜቱ በጣም ተነካ ... ዓይኖቹ በዕንባ ታጠቡ::

ከዚያን ጊዜ ጀምሮ በጃፓን ይህ ምስል ... የወንድማማችነት፣ የአንድነት ተምሳሌት ሆነ::

እናም ... የሕይወት መርሃችን እንዲህ ቢሆንስ:-

ወንድሜ ነው እኔን አይከብደኝም!
እህቴ ናት እኔን አትከብደኝም!
ወንድምህ ቢወድቅ አንሳው!
እህትህ ብትደክም ከጉኗ ቁም!
እህትህ ስህተት ብትሰራ ይቅርታህን አትንፈጋት::

እኔ አንቴ አንች ከአንድ አደም እና ሃዋ ነው ::

እመነኝ አንተ እንኳን በጤናህ ሞተህም ለእኔ ወንድሜ ነህ አትከብደኝም!!!

እኔን አይከብደኝም ወንድሜ ነው!
HE IS NOT HEAVY... HE IS MY BROTHER!

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa  ifoomeFinfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) – Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014...
26/01/2023

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa ifoome

Finfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) – Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 guyyaa har’aa ifoomuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee beeksise.

Barattoonni bu’aa qormaata isaanii guyyaa har’aa galgala sa’aatii 5:30 irraa eegalee gama marsaritii
https://eaes.edu.et/ yookaan ammoo toora ergaa gabaabaa 6284 lakkoofsa galmee Registration Number) isaanii galchuun akkasumas gama teelegiraamii https://t.me/eaesbot ilaaluu kan danda’an ta’uu eerameera.

Barattoonni komii qaban qaamaan dhiyaachuun osoo irraa hin eegamiin gama marsaritii tajaajilichaa https://eaes.edu.et’n hanga Amajjii 26, 2015’tti komii isaanii dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiifameera.

Barattoonni teessoo tajaajilichaa qofaa akka fayyadamaniifi qaamolee odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan irraa akka ofeeggatan tajaajilichi hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Educational Assessment and Examinations Services (EAES) among others has a powers and duties of preparing country wide national examinations based on the country's education curriculum and training policy, Administer and ensure the confidentiality and safety of national exams, Establish and administ...

Barattootni kutaa 12 ffaa bara 2014 Qorumsa fudhatan Qabxiin keessaan  ifoomee waan jiruu ilaalachuu dandessuu.1.https:/...
26/01/2023

Barattootni kutaa 12 ffaa bara 2014 Qorumsa fudhatan Qabxiin keessaan ifoomee waan jiruu ilaalachuu dandessuu.
1.https://eaes.edu.et achiin booda registration number keessaan galchuun ilaaluu dandessuu.
2.Akkasumas karaa SMS 6284
3. Karaa telegram https://t.me/eaesbot ilaaluu dandessuu carraa gaarii!

Educational Assessment and Examinations Services (EAES) among others has a powers and duties of preparing country wide national examinations based on the country's education curriculum and training policy, Administer and ensure the confidentiality and safety of national exams, Establish and administ...

25/01/2023

!
Guyyoota keessaa gaaf tokko waajjira Ministeera Beeksisaatti bilbilli bilbilame. Waggoota 38 har'aa jechuudha. Barreessituun waajjirichaa bilbilicha kaaste. Oduu isheen dhageesse baay'ee suukaneessaa waan tureef ijawwan ishee imimmaan dhangalaasan. Hojjetoonni waajjirichaa hunduu ni boo'an. Oduu gaddisiisaa isaan dhagaa'an du'uu gaazexeessaa jaallatamaa Mangistuu Gedaamuu ture.
Hojjetoonni waajjira Ministeera Beeksisaa fi namoonni oduu sana dhagaa'an isaan kaan baay'atanii gara bakka awwaalchaatti qajeelan. Waldaa Ortodoksii Qacanee Madaanaalamiitti ture ni awwaalama kan jedhame. Achi ga'anii reeffa eeguu jalqaban.
Kan dhufe garuu reeffa eegame hin turre. Namichi du'eera jedhame uffata guutuu (suufii) gurraacha uffatee kooffiyyaa adii kaa'atee miillaan deemee dhufe! Edaa hin duune. Namoonni sirna awwaalchaa raawwachuuf dhufan taatee sana ajaa'ibsiifachaa gara bakka hojii isaaniitti deebi'an. Guyyaa biraa walitti qabamanii, "Maaliif akkas goote?" jedhanii gaafatan.
Deebii inni kenne, "Gaafa ani du'e sirna awwaalcha akkamiin akkan geggeeffamu amma otuun hin du'iin arguuf jedheeni!" kan jedhu ture.
Gaazexeessaa Gizaachoo Ashaaggiree kitaaba isaa, "Yegaazexenyooch Weg" jedhu irratti kan barreessen fudhadhe.
Jireenya isaa keessatti wantota namni arguu hin dandeenye keessaa inni tokko sirna awwaalcha isaati. Yeroo tokko tokko namoonni sirna awwaalchaa irratti hirmaatan, "Maal ta'a abalu otoo akka namni isaaf boo'u kana argee? Maal ta'a hammam akka namni isa jaallatu otoo argee?" jedhanii miira gaddaan ibsatu. Sirna awwaalcha keetii arguuf carraa dhabdus sirna sana bareechachuuf garuu carraa guddaa tokko qabda. Maal inni? Amma lubbuun jiraachuu kee! Haga lubbuun jirtutti hojii gaarii yoo hojjette, hamma siif danda'ametti namootaaf jaalala yoo kennite, humna qabdu hundumaan namoota gargaarsi kee isaan barbaachisu bira yoo dhaabatte, harkaa fi qalbii kee hanna irraa bilisa taasisuun dafqa nama kamiittuu bu'uu yoo dhiiste, jal'inaa fi daba hojjechuu irraa yoo of eeggatte, humnaa fi beekumsa qabduuf saba keef yoo hojjette...sirni awwaalcha keetii miidhagaa ta'a. Sammuu seenaa keessattis yeroo hundaa yaadatamta. Maqaan kee awwaalaa ol jiraata!
Lubbuun jirtaa? Waan gaarii hojjechuuf yeroon kee amma! Namootaaf boolla qotuuf yeroo hin qabdu! Yeroon ati qabdu waan gaarii hojjechuuf qofa si ga'a!
Hundi keenya carraa arganne hundumaan waan gaarii qofa haa hojjennu! Walii gallee?
Jedhaa egaa! Bakka nagaa bulaa!

Of eeggannoof of eeggannoon dubbisaa !//////////////////////👎////////////////////Dubbartii Suuraa irratti argitan kun Bi...
12/01/2023

Of eeggannoof of eeggannoon dubbisaa !
//////////////////////👎////////////////////
Dubbartii Suuraa irratti argitan kun Bineensa mana keessatti guddifattu tokko qabdi.Bineensi kun m2 fi walakkaa dheerata.Guyyoota muraasa booda bineensi kun nyaata nyaachuu dide.Dubartiin kun yaaddoftee nyaata akka nyaatuuf nyaatoota filatamoo gosa adda addaa dhiyeessiteef,garuu nyaachuu ni dide.

Furmaata yoon argadheef jettee,gara Doktora bineensootaa bira fuutee deemte.

Doktoriin kun gaaffii tokko tokko gaafachuunii jalqabe.Akkas jechuun gaafate;

"Bineensi kun haala kamiin ciisa?" jedheeni,isheenis jalqaba irratti gaafan irribaa ka'uu bukkee/cina ko ciisaa ture,guyyaa itti aanu immoo guutummaa guututti dhaqna koo irra diriiree isaa rafuun arge.Guyyaa biraa immoo utuu inni naannoo mataa kootii diriiree ciisuun arge"jettee tokko tokkoon waan ta'e hunda isaa itti himte.

Doktorichiis ajaa'ibsiifannaan erga dhaggeeffateen booda,akka isheen rakkoo keessa seenaa jirtuu fi akka isheen bineensa kana dhabbata warra bineensa kunuunsanitti dabarsitee bineensicha kennituuf gorseen.

"Bineensi kun nyaata nyaachuu kan dhaabbiseef garaa isaa keessatti bakki bal'aan(Free space)akka hafuuf yaadeeti.kan inni immoo kallattii addaa addaan si bira ciisaa ture akkamittiin akka si liqimsu beekuuf jedhee hanga kee safaraa ture"jedheen.

-------------Dhaamsan isiniif qabu------------

Gochi jaalala fakkaassuun namoonni sirratti raawwatan hunduu jaalala ta'uu dhiisuu danda'u.Jaalalli hundi jaalala miti.Hariiroon hundis hariiroo gaarii miti.

Tokko tokko hiriyaa gaarii of fakkeessee sitti siqatee si miidhuuf roga hanqina keetii qorata.

Tokko tokko immoo hiriyaa gaarii fakkaatee sitti siqatee iccitii kee guuruun rakkoo keessa si buusuuf si basaasa.

Diinni kee si miidhuuf fira fakkaatee sitti siqachuu danda'a.Yeeyyi gogaa Hoolaa uffattee Hoolaa nyaattu akka jechuuti.

Kanaafuu hariiroo eenyuunuu waliin qabaattu keessatti wantoota hunda abshaalummaa fi ogummaan xinxaltee hubachaa deemuu qabaatta.

Adduunyaa kana irratti dhalli namaa namaaf qorichas,Summii dhaas.
Namaan Miidhamuu irraa ooluufi nama waliin jaalala dhugaan jiraachuuf hubannaa,of eeggannoo fi ogummaa cimaa nu gaafata.
Namoonni akka koo bineensota akka kanaan marfamtanii jirtan
"Rabbi ogummaa isaa nuuf ha kennuun"jedha.

Dabalaa Jajjabee 🙏

Galatoomaa !🙏

Address

Jimma

Telephone

+251912000004

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Deneba Secondary School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Deneba Secondary School:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram