12/02/2025
# # Gatii kitaabaatiif shamarraan lamaan๐
taaksii yaabbannee deema jirraa.
isiin tokko kaarruu balbala banaa fakkaatu qabdi.
ilkaan san lamaan wolta fiduuf jecha, # biraasiin hidhattee jirti.
Garuu ilkaan san biraasiin wolitta fiduun haa hafuu, dallaalaan ana jedhe haasayee waan wolitta fiduu natta hin fakkaatu๐
Isiin garuu akkas jette______โโ
nama hin dhibuu garuu ? Adoo 1000 jennee iyyinuu 2000_3000tti worri gurgura jira jette.
wonni kun maaniiree karaa jireenni nutta salphattu irraatti barreeffameera jette? Kollite.
Achumaan biraasi san nutta mudhisuu barbaadde natti fakkaata. Hiriyaan isii ati murgi uqqubi gala malee anuma kitaaba kana bitiisa hin dhanne jette Miira aariiti dubbatte. Ani ammoo natti tolee!!
Bara oromoon baay,een kitaaba dubbisuun haa hafuu, wal dubbisuu dhiise kanatti qaxalee akkasi dhagguun kiyya na gammachiise ๐๐๐
Isiin sun itti fuftee ani qarshii kana hundaan hin bitu, aduma nami bitee naa kenneeyyu kitaaba hagana guddatu dubbisuu dhiisi fuula isa laakkaye fixuu hin danda,u jette.
Ani kana caala callisuu hin dandeennee itti hin dhiphatin obboleetti tiyya nami haga dhumaatti dubbisee fixe tokko yaada isaa gabaabsee siif haa ibsu jedhe taaksi sanirra bu,e.
What? naan jette. deebi isiif hin kennine, deebi kiyya fudhadhe bu,ee miilaan deemu jalqabe ๐ฃ๐ฃ
Akka ani hubadhetti hanga ilkaan isii lamaan walbaqatan caala, isiifi kitaabni wal baqataniirani
meshaan dhaloota kanaafi kitaaba walitti hidhu oomishamuu qaba๐๐