14/07/2024
Dhibeen Gifiraa maali?
Gifirri dhukkuba gosa vaayirasii 'measel' jedhamu irraa dhufu dha. Dhukkubni kun baay’inaan daa’imman biyyoota hin guddanne keessa jiraatan kanneen sirnaan talaallii hin fudhanne irratti mul’ata. Dhukkubni kun daa’imman umurii hundayyu kan miidhu ta’us, daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’ee fi daa’imman rakkoo fayyaa biroo qaban, kan akka daa’imman HIV dhiiga isaanii keessa jiran, akkasumas daa’imman hanqina soorataa qaban ni miidha. Dhukkubni Gifiraa sirna hargansuu daa'ima dhukkuba kanaan qabame irraa karaa qufaa salphaatti daddarba.Gara daa'ima biraatti ni dadarba. Mallattoon dhukkuba busaa: ho’a qaamaa cimaa, ija diimachuu, qufaa dafqa waliin, madaa afaani, gogaa diimaa fuula irraa gara qaama guutuutti babal’atu fi kkf. Dhukkuba gifiraa akkamitti ittisuu dandeenya? Dhukkuba Gifiraaf qorichi waan hin jirreef ittisa qofatu filannoodha.
1. Ijoollee keenya talaaluun. Biyya keenyatti talaalliin gifiraa daa'imman yeroo lama, ji'a 9 fi waggaa 1 fi ji'a 3tti kennama. Haa ta'u malee daa'imman sababa adda addaatiin yoo hin talaalamne daa'imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta'eef kennama, kanaaf daa'imman keessan gara dhaabbata fayyaa geessun Talaallii gochuun barbaachisaadha.
3. Daa'imman mallattoo dhukkuba gifiraa agarsiisan hatattamaan gara dhaabbata fayyaa geeffamanii yaalamuu qabu.
Dr. Lealem Axilabacho: Ispeshalistii Daa’immanii
የኩፍኝ በሽታ (Measles) ምንድን ነው?
የኩፍኝ በሽታ ‘Measles’ በተባለ የቫይረስ አይነት የሚመጣ በሽታ ነው:: ይህ በሽታ በብዛት የሚታየው በህፃንነት ጊዜ የሚሰጥ ክትባትን በአግባቡ ባልተከተቡና ባላደጉ ሀገር ውስጥ በሚኖሩ ልጆች ላይ ነው።
ይህ በሽታ በሁሉም እድሜ ክልል ውስጥ ያሉትን ልጆች የሚያጠቃ ቢሆንም ከ5 ዓመት በታች ያሉትን እና ሌላ የጤና ችግር ያለባቸውን ልጆች ለምሳሌ የኤች፣አይቪ ቫይረስ በደማቸው ውስጥ ያለ ልጆች ፣ የምግብ እጥረት ያለባቸውን ልጆችን በበለጠ ይጎዳል ፡፡
የኩፍኝ በሽታ በሽታው ካለበት ልጅ መተንፈሻ አካል በሳል አማካኝነት ወደ አየር ላይ በመውጣት በቀላሉ ከአንድ ልጀ ወደ ሌላ ልጀ ይተላለፋል።
የኩፍኝ በሽታ ምልክቶች ፦ ሀይለኛ ትኩሳት ፣ የአይን መቅላት ፣ ንፍጥ ያዘለ ሳል ፣ አፍ ውስጥ መቁሰል፣ ከፊት ጀምሮ ወደ ሙሉ ሰውነት ላይ የሚወጣ ቀይ የቆዳ ሽፍታ፤እና የመሳሰሉት ናቸው፡፡
የኩፍኝ በሽታን እንዴት መካላከል ይቻላል?
የኩፍኝ በሽታ መድሀኒት ስሌለው መከላከል ብቸኛ አማራጭ ነው፡፡