30/04/2026
Escapism and Its Impact on Others (Social Media Influence)
. Escapism (avoidance coping, escaping mechanism)
"Akka Garaa Ofii Eessattuu hin bulan"
Afaan oromootin,waa tokko yeroof irraanfachuu dhaaf,sammuu keenya tasgabbeessuu dhaaf jecha isa keessi keenya jajjabina nuu laachuu dhaaf nu ajaju raawwachuu dha.karaa garaagaraatiinis ibsachuu dandeenya fkn kolfuun,shubbisuun,marsarii hawaasaa irratti jireenyuma hin qabnee fi gammachuu hin qabne barreeffamaan yaa ta'u,sursagaleen yaa ta'u akka nama gammachuu qabuutti dhoobuu dhaan yeroof gammachuu sammuu isaanii eeguu dhaaf yaalu.
Akkuma onneen keenya gaaf dadhabaa dhuftu,dhiiga hamma qaamni keenya barbaadu raabsuu dadhabdu, yeroof akka onneen tajaajila sana adda hin kutneef caasaan garaagaraa kan ishee gargaaru jira,garuu gargaarsa yeroo,gargaarsa fakkaatu,kan dhumni isaa balaa hamaa onnee irraan gayu dha yoo yeroo dhaan yaala hin arganne.gara yaada jalqabaatti yoo deebine yeroo dhaaf tasgabbii sammuu keenyaaf wanti goonu gaariis ta'u,yoo dhuguma jireenya marsarii hawaasaa irratti dhoobnu sana ishee daqiiqaa shanuu hin gutne sana,kan sammuu keenya tasgabbeessuu dhaaf jecha dhoobne sana, yeroo dhaaf tasgabbii nuuf laatus ,yeroo hundaa waan dhugatti jiraachaa hin jirre kan dhoobnu yoo ta'e,balaa hamaa fiduun isaa waan hin oolle
1ffaa...matuma keenya nu dhabsiisa
.Akkamiin?
-nama sobuu qofa osoo hin taane ofsobuunis balaan isaa cimaa dha, jireenya dhuguma marsarii hawaasaa irra baastu lafa irratti hin qabdu taanan,deddeebi'ee si jeequun isaa waan hin oolle,innis ofjibbuu,jireenya irraa abdii kutuu,muuka'uu fi hamma of ballessuutti nu geessuu danda'a
2ffaa...Dhiibbaan inni hawaasa marsarii hawaasaa hordofuu irraan gayu ammoo balaa isa hamaa fi jireenya nama baayyee kan jeequ dha.
Akkamiin?
-dubbiin garaagarummaa saalaa(sex difference ) qofaa miti,akkaatan sammuun keenya design itti ta'es xinnoo gargar kun seera uumamaati fknf...shamarri waan dhageessu baayyee amanti, sagalee dhuma kee nama isheef quuqame fakkaattee itti odeessinaan gahe,qaamni sadaffanis waa'ee nama woyii tolchee itti himnaan ishee dhaaf dhuguma hamma gubattee agartutti.
Dhiirri ammoo gara caalu waan arge amana,isa marsarii hawaasaa osoo hin taane,isa dhugaa lafa irra jiru, shamarri ammoo dhugaa isaa adda baasuuf badaa hin dhiphatan irra dibaa dhuma sana dhugatti fudhatu kanaaf jireenya keessattis miidhamoo ta'u...kana akka fakkeenyatti kaase malee garaagarummaa danutu jira.gara yaada jalqabaatti yoo deebine,jireenyi dhugaa hin taane kan namni daqiiqaa shan marsarii hawaasaa irratti baasu obboleettii ykn obboleessa keenyas alkallattiin hedduu miidha, jireenya keessatti gammachuu dhoowwataa dhufa,gad-antummaan itti dhagayamaa dhufa,ana qofatu jireenya gammachuu hin qabu jechaa dhufa,hamma ga'eelaa sana diiguu gayu danda'u jireenya sobaa kan marsarii hawaasaa irraa sana barbaacha.
Waluma galatti wanti tasgabbii sammuuf jecha godhamu yeroof gaarii fakkaata, dhuguma yeroo dhaafis ni barbaachisa,nuti kan gochuu qabnu erga yeroo dhaaf ofsobne ykn jala miliqnee booda,dhugaa jiruu ofitti himuun, hiriyyaa, obboleessa,obboleetti, Abbaa manaa ykn H/manaa ofii wajjiin waan jiru walmarii dhaan wal kabajuu fi wal danda'uu dhaan furuuf yaaluun baayyee barbaachisaa dha.yoo kara kana yaalamee hin taane kabajaa dhaan dhugaa jiru walitti himanii gargar deemuunis araara guddaa dha.yeroo hundaa karaa sirrii fi dhugaa ta'een sammuu keessan eegaa!
Isheen Oromoon offline mammaku sun dhuguma hin dagatinaa
("Akka ofii malee akka ollaa hin bulan")
Kutaan 2ffaa itti Fufa....