Dr.DJ M

Dr.DJ M Fayyaan oolaa fayyaan bulaa!

02/05/2026

Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa

Kun kan umaamu yoo qaamni ykn seeloonni keenya insuliinii dhaaf deebii kennuu didanii isa hordofee hammi sukkaaraa yoo olka'uu dha.
Seelonni qaama keessa jiran hundinuu hojjechuuf sukkaara barbaadu. Sukkaarri gargaarsa hormoonii insuliinii dhaan seelii keessa seena. Yoo insuliiniin gahaan hin jirre, ykn seelonni qaama keessa jiran insuliiniif deebii idilee yoo hin kennine, sukkaarri dhiiga keessatti walitti qabama.
Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa keessatti xannachi insuliinii maddisiisu ni hojjeta, garuu seelonni qaama keessa jiran deebii akka idileetti kennuu dhiisu.
Ulfaatina qaamaa garmalee qabaachuun ykn furdina garmalee qabaachuun carraa namni tokko dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa qabamuu isaa ni dabala.
Mallattoon dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa maali?
Dhukkubni sukkaaraa gosa 2ffaa yeroo baayyee mallattoo tokkollee hin fidu. Mallattoon dhukkubaa yoo ni mul’ata ta'e ammoo isaan armaan gadiiti:
●Yeroo baay'ee fincaa'uu
●Dheebuu cimaa
●ija dura maruu ykn itti dukkaneessuu
Dhukkubni sukkaaraa kun rakkoo fayyaa biroo fiduu danda'aa?
Eeyyee. Dhukkubni sukkaaraa gosa 2ffaa sitti dhaga’amuu dhiisuu danda’a. Garuu yoo hin yaalamne akkuma yeroon darbaa deemuun rakkoolee ciccimoo kanneen akka:
●Dhukkuba onnee
●Istirookii
●Dhukkuba kalee
●Rakkoo ijaa (ykn ija jaamsuu illee) .
●Rakkoo Narvii
●hamma harka,qubaa fi miila dhabuu geessuu danda'a.

02/05/2026
Escapism and Its Impact on Others (Social Media Influence)   . Escapism (avoidance coping, escaping mechanism)"Akka Gara...
30/04/2026

Escapism and Its Impact on Others (Social Media Influence)
. Escapism (avoidance coping, escaping mechanism)
"Akka Garaa Ofii Eessattuu hin bulan"
Afaan oromootin,waa tokko yeroof irraanfachuu dhaaf,sammuu keenya tasgabbeessuu dhaaf jecha isa keessi keenya jajjabina nuu laachuu dhaaf nu ajaju raawwachuu dha.karaa garaagaraatiinis ibsachuu dandeenya fkn kolfuun,shubbisuun,marsarii hawaasaa irratti jireenyuma hin qabnee fi gammachuu hin qabne barreeffamaan yaa ta'u,sursagaleen yaa ta'u akka nama gammachuu qabuutti dhoobuu dhaan yeroof gammachuu sammuu isaanii eeguu dhaaf yaalu.
Akkuma onneen keenya gaaf dadhabaa dhuftu,dhiiga hamma qaamni keenya barbaadu raabsuu dadhabdu, yeroof akka onneen tajaajila sana adda hin kutneef caasaan garaagaraa kan ishee gargaaru jira,garuu gargaarsa yeroo,gargaarsa fakkaatu,kan dhumni isaa balaa hamaa onnee irraan gayu dha yoo yeroo dhaan yaala hin arganne.gara yaada jalqabaatti yoo deebine yeroo dhaaf tasgabbii sammuu keenyaaf wanti goonu gaariis ta'u,yoo dhuguma jireenya marsarii hawaasaa irratti dhoobnu sana ishee daqiiqaa shanuu hin gutne sana,kan sammuu keenya tasgabbeessuu dhaaf jecha dhoobne sana, yeroo dhaaf tasgabbii nuuf laatus ,yeroo hundaa waan dhugatti jiraachaa hin jirre kan dhoobnu yoo ta'e,balaa hamaa fiduun isaa waan hin oolle
1ffaa...matuma keenya nu dhabsiisa
.Akkamiin?
-nama sobuu qofa osoo hin taane ofsobuunis balaan isaa cimaa dha, jireenya dhuguma marsarii hawaasaa irra baastu lafa irratti hin qabdu taanan,deddeebi'ee si jeequun isaa waan hin oolle,innis ofjibbuu,jireenya irraa abdii kutuu,muuka'uu fi hamma of ballessuutti nu geessuu danda'a
2ffaa...Dhiibbaan inni hawaasa marsarii hawaasaa hordofuu irraan gayu ammoo balaa isa hamaa fi jireenya nama baayyee kan jeequ dha.
Akkamiin?
-dubbiin garaagarummaa saalaa(sex difference ) qofaa miti,akkaatan sammuun keenya design itti ta'es xinnoo gargar kun seera uumamaati fknf...shamarri waan dhageessu baayyee amanti, sagalee dhuma kee nama isheef quuqame fakkaattee itti odeessinaan gahe,qaamni sadaffanis waa'ee nama woyii tolchee itti himnaan ishee dhaaf dhuguma hamma gubattee agartutti.
Dhiirri ammoo gara caalu waan arge amana,isa marsarii hawaasaa osoo hin taane,isa dhugaa lafa irra jiru, shamarri ammoo dhugaa isaa adda baasuuf badaa hin dhiphatan irra dibaa dhuma sana dhugatti fudhatu kanaaf jireenya keessattis miidhamoo ta'u...kana akka fakkeenyatti kaase malee garaagarummaa danutu jira.gara yaada jalqabaatti yoo deebine,jireenyi dhugaa hin taane kan namni daqiiqaa shan marsarii hawaasaa irratti baasu obboleettii ykn obboleessa keenyas alkallattiin hedduu miidha, jireenya keessatti gammachuu dhoowwataa dhufa,gad-antummaan itti dhagayamaa dhufa,ana qofatu jireenya gammachuu hin qabu jechaa dhufa,hamma ga'eelaa sana diiguu gayu danda'u jireenya sobaa kan marsarii hawaasaa irraa sana barbaacha.
Waluma galatti wanti tasgabbii sammuuf jecha godhamu yeroof gaarii fakkaata, dhuguma yeroo dhaafis ni barbaachisa,nuti kan gochuu qabnu erga yeroo dhaaf ofsobne ykn jala miliqnee booda,dhugaa jiruu ofitti himuun, hiriyyaa, obboleessa,obboleetti, Abbaa manaa ykn H/manaa ofii wajjiin waan jiru walmarii dhaan wal kabajuu fi wal danda'uu dhaan furuuf yaaluun baayyee barbaachisaa dha.yoo kara kana yaalamee hin taane kabajaa dhaan dhugaa jiru walitti himanii gargar deemuunis araara guddaa dha.yeroo hundaa karaa sirrii fi dhugaa ta'een sammuu keessan eegaa!
Isheen Oromoon offline mammaku sun dhuguma hin dagatinaa
("Akka ofii malee akka ollaa hin bulan")
Kutaan 2ffaa itti Fufa....

RIP!
16/01/2026

RIP!

Your heart may skip a beat, but in a positive way, if you let one rip! Every toot keeps the blood flowing and the atmosp...
27/09/2025

Your heart may skip a beat, but in a positive way, if you let one rip! Every toot keeps the blood flowing and the atmosphere light, akin to a tiny trumpet of circulatory celebration!
Dhuufuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
Onneen keenyas dhiiga raabsuuf humna baastu ni salphisa! Dhuufuu Dhuufuu hin qaanfatinaa!

10/09/2025

Holiday Syndrome
The onset of cardiac arrhythmias, particularly atrial fibrillation (AF), brought on by acute alcohol consumption during weekends, holidays, or celebratory times is referred to as Holiday Syndrome, or more precisely Holiday Heart Syndrome (HHS). It emphasizes the connection between binge drinking and abrupt cardiac rhythm abnormalities, which was first reported by Ettinger et al. in 1978.According to recent research, binge drinking causes autonomic imbalance by upsetting the autonomic nervous system by suppressing parasympathetic tone and raising sympathetic activity. Even in people who have never had heart disease before, this imbalance can cause arrhythmias. Alcohol also causes myocardial irritability, electrolyte imbalances (such as hypokalemia and hypomagnesemia), and changes cardiac ion channels. It's interesting to note that HHS is not just for heavy drinkers. After just one episode of binge drinking, arrhythmias can occur in even the most infrequent drinkers.
Usually, patients arrive with: Palpitations An erratic or fast heartbeat ,Fatigue or lightheadedness ,Breathlessness After consuming large amounts of alcohol, symptoms usually appear within hours and may go away on their own, though in certain situations, medical help is necessary.
The majority of cases happen to middle-aged adults, frequently on weekends or holidays. A disproportionate number of men are impacted. Sleep deprivation, emotional stress, heavy eating, and dehydration—all of which are prevalent during festive times—increase risk.
Limit alcohol intake, especially during holidays....

10/09/2025

Holiday Syndrome: Rakkoo Fayyaa Onnee Yeroo Ayyaanaa
Holiday Syndrome jechuun, yeroo ayyaanaa, boqonnaa, ykn gammachuu kabajamu keessatti dhugaatii alkoolii baay’inaan yeroo gabaabaa keessatti fudhatamuun rakkoo onnee keenyatti dhufuu danda'uu jechuu dha. Rakkoon kun yeroo jalqabaaf bara 1978, Ettinger fi hiriyoota isaa irraa gabaafame.
Akkammiin fiduu mala?
Qorannoon ammayyaa akka mul'isutti:
- Dhugaatii alkoolii baay’ee yeroo gabaabaa keessatti fudhatamuun sirna narvii onnee too’atu (autonomic nervous system) jeequu danda’a.
- Kunis sirna narvii onneee tasgabbeessuuf (parasympathetic tone) oolu ni jeeqa; kan ariifachiisu (sympathetic activity) akka dabalu taasisa.
- jeequmsi sirna narvii kanaa, namoota duraan rakkoo onnee hin qabne irrattuu rakkoo onnee fidu ni mala
- Alkooliin dabalataan maashaa onnees jeequu mala(myocardial irritability), albuudoota akka potassium fi magnesium akka seeraan isaan sirna diiriiruu fi kontofachuu onnee keessatti qooda hin fudhatne gochuu danda'a .
Hubachiisa: Rakkoon kun namoota dhugaatii yeroo dheeraa hin fayyadamne irrattis ni mul’ata—yeroo tokko qofa dhugaatii baay’ee fudhachuu dhaanis kan uumamu dha.
•Mallattoolee Mul’atan:
- rukkuttaa Onnee garmalee ykn miirri dhahannaa onnee kan nama jeequu(palpitations) namatti dhagayamuu
- Dadhabbii ykn humna dhabuu fi joonjeessuu(fatigue/lightheadedness)
- Hafuura kutuu (breathlessness)
Mallattooleen kun eerga dhugaatiin baay’ee fudhatame booda sa’aatii muraasa keessatti ni mul’atu; yeroo tokko tokkoo oofumaan dhiisuus ni danda'u,darbees yaala hatattamaa barbaadu ni mala
• Namoota Mudatu fi Sababoota
- Rakkoon kun irra caalaa namoota ganna giddu-galeessaa irratti mul’ata.
- Dhiironni irra caalaa ni hubamu.
- Hirriba dhabuu, dhiphina sammuu, nyaata baay’isuu fi bishaan baayyee dhuguu dhabuun—yeroo ayyaanaa keessatti baay’ee waan mul'atuuf sababoota dabalataa ta’u danda'u.
•Ittisa-Dhugaatii alkoolii daangeessuu , yeroo ayyaanaa keessattuu.Hirriba gahaa argachuu,Nyaata madaalawaaa...

17/08/2025

Have a blessed and tranquil Sunday!

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.DJ M posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.DJ M:

Share