Kilinika G/G Elemoo Qilxuu / Elemoo Qilxuu Medium Clinic

Kilinika G/G Elemoo Qilxuu / Elemoo Qilxuu Medium Clinic Committed to deliver quality medical services at affordable prices in your easily accessible area.

10/02/2023

UPDATE: Death toll rises to over 23,000 people from Monday's earthquakes and aftershocks in Turkey and Syria. 🔴 LIVE updates: https://aje.io/wav9pw

Heart breaking 💔 😢
10/02/2023

Heart breaking 💔 😢

UPDATE: Death toll rises to over 23,000 people from Monday's earthquakes and aftershocks in Turkey and Syria. 🔴 LIVE updates: https://aje.io/wav9pw

09/02/2023

Tajaajila Fayyaa Dhibee Dursanii Ittisuu

Hawaasni tokko tajaajila fayyaa qulqulina qabu argataa jiru kan jedhamu tajaajiloota fayyaa gosa gurguddoo lama sirnaan yoo argateedha.
1. Wallaansa dhibee amma itti jirtuu ( Treatment)
2. Tajaajila ittisa dhibeewwan ittisuun danda'amuu ( Prevention)
Sadarkaan hubannoo fi fayyadama tajaajiloota fayyaa kun biyyaa biyyatti gargari. Haa tahuu garuu tajaajila wallaansa barbaaduu kana fayyadamuun hawaasa hunda birattuu irra wayyaadha. Xiyyeeffannoon biyya keenya kana keessatti dabaluu qabu kan dhibee dursanii ittisuu kana.

Barruun kuniis xiyyeeffannoon isaa tajaajila ittisaa kana.

Yaalii ittisa dhibee ( preventive care) jechuun dhibeen tokko osoo inni hin mullanne dursanii adda baasuun tooftaalee dhibeen kun akka hin dhufne godhu hojirra oolchuu, ykn wantoota sababa tahan adda baasuun akka dhibeen kun hin dhufne fala dhahuudha.

Tajaajilli fayyaa ittisa dhibee bifa gurguddoo 4 kennama.
1. Talaallii ( vaccination/Immunization)
Dhibee jarmootaan daddabru dursanii akka qaamni keenya dandeeytii ittisa dhibichaa horatu godhuudha.
Fkn. Talaallii ijoollee - dhibeewwan akka shiftee, teetanas, vaayrasii tiruu, qakkee, dhibee difteeriyaa, dhibee hamoo baakteeriyaan dhufu kan biroo ittisuuf fayyada. Talaalliin dubartoota ulfaa fi namoota saaxilamoo tahan biroofiis ni kennama.

2. Dhibee Dursanii adda baasuu ( screening)
Tajaajilli kun dhibeewwan haalaan hamoo tahan kan yoo sababoota isa fidu dursanii adda baasuun ittifamu, kan qorannoo osoo dhibeen kun hin mullanne adda baasu qabuu fi kan maloota ittisaa amansiisoo qaban ilaallata.
Fkn. Dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee fi hiddoota dhiigaa, Dhibee yeroo ulfaa fi dahumsaa, kaansaroota akka fiinxee gadaamessaa, haramaa fi marrimaan furdaa fa'a dabalata.
3. Tajaajila gorsa haala jireenyaa ( behavioral counseling)
Wantoota fayyaa namaa miidhan kan akka alkoolii, furdina garmalee, sijaaraa xuuxuu, sochii qaamaa dhiisuu, fkkf. irratti gorsaa fi tooftaa garagaraa barsiisuuu.
4. Tajaajila dawaa dursanii kennuun ittisuu ( chemoprevention )
Dawaalee akka fooleerii kennuun daa'imni duuyda banaa akka hin dhalanne godhuu, dawaalee akka aspiriinii fi istaatinoota jedhaman namoota coomni itti baay'atee fi carra dhibee onneetiin qabamuu qabaniif kennuu, aayoodiinii, aayranii, fkk kennuun dhibeen akka hin dhufne ittisuufiidha.

Ittisni dhibee maali kaayyoon isaa?
Ittisni dhibee kaayyoon isaa wantoota armaan gadii kana hambisuudha.
Jechoota gabaaboon yeroo ibsamu Afaan Ingiliffaatti
5Ds jedhama.
Disease - Dhukkuba
Death- Du'a yeroo malee
Disability- qaamaa irrachuu
Discomfort- dararamuu/ rakkachuu
Destitute- hiyyoomuu
Kanaafuu iddoo tajaajila kana itti argachuu dandeessanitti dhihaachuun dursaa of eegaa.
" Live sensibly - among a thousand people, only one dies a natural death, the rest succumb to irrational modes of living." Clinical Epidemiology- the Essentials 4th Ed.

Rabbi balaa hamaa namarraahaa qabu. Too terrible 😢
07/02/2023

Rabbi balaa hamaa namarraahaa qabu. Too terrible 😢

06/02/2023

Telegram link of our clinic

The first medium Clinic in Kersa Town. We are committed to deliver a quality medical services at affordable prices.

20/01/2023
20/01/2023

Adeemsa Tajaajila Fayyaa Arrgachuuf Deemamu!
________________________________________________

Mana yaalaa gaafa deeman tajaajila fayyaa argachuuf adeemsa dheeraa deemama. Keessattuu lafa fagoo irraa deemanii gaafa dhufan bu'aa bahii hedduu nama oofa. Kanaafuu wantoota armaan gadii hubannoo keeysa galfadhaa.

1. Hoospitaala gurguddaa kan " referral paper " barbaaduuf waraqaa rifaraalaa qabachuu hin dagatinaa.

2. Insurance yoo qabaattan fudhachuu firkaneeffadhaa.

3. Kanaan dura mana haakimaa san yoo deemtanii turtan, waraqaa xiqqoo kaardii guddoo itti baafattan fidadhaa koottaa.

4. Gaafa jalqaba mana haakimaa seentan hammeenya dhibee fi gosa dhibee irratti hundaahuun bakka dhaqan adda adda. Dhibee jabduuf " Emergency " kutaa jedhu deemama. Emergency kun gosa gosaan jira. Kan dhibee baqeysanii wallaanamuu, kan dhibee keeysa, kan joollee, fi kan birootiis akkasumatti jira.

5. Namoota deddeebi'anii wallaanamaniif immoo kutaa kophaatu jira.

6. Eega Mana yaalaa seename booda immoo tartiiba armaan gadiitiin deemama.
✓ Kaardii baasuu fi kafaltii

✓ Bakka itti laalamtutti qajeelfamuu (triage) .

✓ Eegas yoo dabaree taate eeggattee/yoo hatattama taate kallattiin haakima qunnamta.

✓ Haakimni waan taate si gaggaafata. Dhibee kee sirritti ibsachuun asitti. Achiin booda ijaan si laala, harkaan si qaqqabata, bakka barbaachisu qubaan dhadhahuu fi meeshaalee garagaraa kan haakimni qabatuun si dhaggeeffachuu fi saffaruu fa'aatu gaggeeffama. Kana booda waan ati taate/ykn shakkamte siif himama. Kana mirkaneessuuf qorannoon garagaraa siif gaggeeffama. Qorannoo dhiigaa, fincaan, sagaraa, raajii, Ultrasound, fkk. Akkuma gosa dhibee keetiitti siif gaggeeffama. Kana eeysa akka geeysitu beekuuf, yoo barreessuufii dubbisuu beeyte iddoo kallatti akeektuun jirtu deemtee kutaa kam akka deemtu dubbifatta. Yoo hin beeyne immoo nama beeku gaafatta.

✓ kana booda eega dhibeen tee maal akka tahe beekkame ciisuu qabda moo hin qabduun ni murtaawa. Yoo ciifte eeysa akka ciiftu sitti himama. Kanaan boodarra walllaansi siif kennama. Wallaansi waan hedduu qaba. Dawaa fudhachuu, baqeyfamanii wallaanamuu, gargaarsa akka hafuuraa, fkk. Siif godhuu. Amalootaa fi wantoota godhuu qabdu sitti himama . Hordoffiin garagaraatiis siif godhama.

Adeemsa kana niin gabaabse malee dheeraadha. Fuuldura waan kanarratti ballinaan ittiin debi'a.

Photo credit: Healthcare International Consult pvt.ltd.

Kilinikni Jiddu-galeessaa Elemoo Qilxuu gabaabinaan kana fakkaata.
18/01/2023

Kilinikni Jiddu-galeessaa Elemoo Qilxuu gabaabinaan kana fakkaata.

Address

Qarsaa, Eastern Harargee , Oromiyaa
Harerge

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kilinika G/G Elemoo Qilxuu / Elemoo Qilxuu Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Kilinika G/G Elemoo Qilxuu / Elemoo Qilxuu Medium Clinic:

Share