17/11/2024
YAALII DHIIBBAA DHIIGAA
YAALII QORICHAAN ALAA ( )
1. Ashaboo_hir'isuu: Nyaata soogidda/ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa fida. Namni tokko guyyaatti ashaboo fal'aana shaayii 1 (5 g of NaCl) fudhachuu qaba. Ittoon shiroo/barbaree qabutti ashaboo dabaluun hin barbaachisu.
2. Sosochii_qaamaa_taasisuu: Torbanitti guyyaa afuriif daqiiqaa 30, 30'f sochii qaamaa taasisuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa. Sochiin taasifamuu, dafanii deemuu, fiiguu, wadaroo irra utaaluu, hojii humnaa hojjachuu, jiimii galuu fi kkf ta'uu mala.
3. Ulfaatina_hir'isuu: Ulfaatina dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa waan ta'eef, ulfaatina gidduu galeessa qabaachuu barbaachisa.
4. Nyaata coomni fi waan mi'aawaan (sukkaarri) itti baay'atu nyaachuurraa of quusachuu fi muduraa fi kuduraa baay'isuu.
5. Alkoolii_dhuguu_dhiisuu. Alkoolii baay'isuun dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.
6. Sigaaraa xuuxuu, caatii qama'uu, buna baay'inaan dhuguu fa'a dhiisuu
7. Yeroo mara dhiphachuu fi aaruu ( ) hir'isu
*************************
YAALII QORICHAA ( )
💎Namni tokko dhiibbaa dhiigaa isaa irra deddeebi'uun ilaalamee >140/90 yoo ta'ee fi wantoota dhiibbaa dhiigaaf saaxilan (maatii keessa dhiibbaan dhiigaa jiraachuu, dhukkuba sukkaaraa qabaachuu, sigaaraa xuuxuu, maatii keessa namni dhukkaba onnee ykn waan hin beekamneen tasa du'u yoo jiraate qoricha ni jalqaba.
💎Dhiibbaan dhiigaa >140/90 ta'ee garuu wantoota saaxilan yoo hin qabaanne ji'a tokkoo hanga ji'a sadii yaalii qoricha malee hordoffiitu godhama. Ji'a sadii booda dhiibbaan dhiiga isaa >140/90 yoo ta'e qorichatu eegalama. Sanaa gadi yoo ta'e immoo ammas ji'a sadii booda beellamna.
💎Haala kanaan, namni dhiibbaa qabu yeroo yeroon mana yaalaa deemee gorsaa fi yaalii barbaachisaa ta'e fudhachuu qaba jechuudha.
💎Yeroo hordoffii mana yaalaatti taasiftan, ogeessi dhiibbaa dhiigaa keessan ilaale, yoo too'atame qoricha akka itti fuftan, yoo hin