19/08/2025
Gindoo Dhakoo ( Joro degif ) or Mumps
Gindoon dhakoo Vaayirasii Mumps Virus jedhamuun dhufa .
Mallattoon dhibee kanaa : -
- Yeroo baay'ee fuuldura (Jala) gurraa dhiitessuu fi dhukkubuu
- ijoollee tokko tokko irratti nafa hoo'isuu, midhattii iitessuu fi dhukkubuu , nyaata jibbisiisuu , dadhabsiisuu fi garaa dhukkubbii dha .
_ Dhibeen kun keessattuu Yeroo gannaa ijoolleerraa gara ijoolleetti darbuun beekama .
Yaala Dhibee kanaa : -
- Dhibeen kun namoota baay'ee irratti guyyaa 3_5 tti ifii isaatiin ni fayya. Yo fakkane haga torbaan tokkoo turee ifiinuu fayya. Hawaasi keenna yaala Dhibee kanaatiif dammaa fi mokkonniisa Yeroo itti dibanu dhagarra. Garuu dhibichi ati dammaa ykn mokkonniisa itti dibdeef fayye adoo hin taane Dhibee ifiinuu fayyu waan te'eef nami sun fayye. Garuu yoo Dhibeen itti cime Mana yaalaa dhaquu qabani. Qorichi Maastaagashaan miira dhukkubbii xiqqeessuu fi ho'a xiqqeesufa ni kennamaafi .