Boku Clinic

Boku Clinic Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boku Clinic, Medical and health, Nekemte, 04 Kebele, Infront of Street Mary Church, Nek'emte.

IYYUU (WACUU) GARAA!………………………..MAALTU FIDA?Waanti kun deemsa soorata bulleessuu waan ta’eef sababa tokko malee jiraachuu...
02/06/2025

IYYUU (WACUU) GARAA!
………………………..
MAALTU FIDA?
Waanti kun deemsa soorata bulleessuu waan ta’eef sababa tokko malee jiraachuu danda’a (yeroo baay’es akkasi). Haata’u malee akka guddatee dhaga’amuu fi namarra turu kan godhan;-
1.Beela’uu – Garaa duwwaa ta’us marrumaan sochii hindhaabu. Yeroo garaan duwwaa ammoo sagalee yeroo nyaanni garaa jiruu caalaa uuma,dhaga’amas.
2. Gosa nyaataa – Nyaata faayiberii hedduu qabanii fi qilleensa namatti baay’isan
3.Haala nyaataa – Ariitiin nyaachuu, osoo hin alanfatiin liqimsuu, baay’isaanii nyaachuu fi kkf
4.Dhiphina sammuu ykn muddama qabaachuu
5.Dhibee fayyaa kanneen akka allarjii nyaataa,Garaa kaasaa(sababa vaayireesotaa,baacteeriyaa,ameebaa,jaardiyaa…kkf),Cufachuu mari’immaanii fi dhibee mar’immaan huban biroo.

FURMAATA
1. Bishaan dhuguu ( keessumaa nyaata argachuun kan turu ykn hnfeene yoo ta’e yeroof ni callisiisa).
2.Waa nyaachuun – waanta kana ni hir’isa. Yoojiraates akka sagaleen hindhaga’amne hir;isa.
3 Yeroo nyaatan suuta nyaachuu fi alnfataa nyaachuu
4.Sukkaara,alkoolii fi soorata asiidawaa ta’an kanneen akka loomii,bunaa fi kkf hir’isuu
5.Soorata qilleensa garaatti nama baay’isan hir’isuu (Fkn -Dhugaatii lallaafoo, Birookoolii, Atara,Baaqelaa,Raafuu ,Qullubbii,Muuzii fi kkf).
6. Soorata garaachi keenya hinsimannee fi kana nutti Fidan adda baasuun dhiisuu
7. Takkaatti baay’isaanii nyaachuu irra xixiqqeessanii amma amma nyaachuu
8.sosocho’uu – nyaata booda xiqqoo deemuu
9.Dhiphina sammuu hir’isuu
10.Dhibee garaachaa fi mar’immaan keenya jeeqaniif yaala taasisuu

YOOMI KAN MANA YAALAA DEEMUU QABAN?
Sagaleen dabalata;-
*Bobbaan dhiiga yoo qabaate
*Garaa kaasaa fi Haqqee yoo jiraate.
*Ho’inni qaamaa dabaluu
*Dhukkubbii garaa fi kkf qabaannaan yaala deemuu qabna.

*Dr Abera Olani (G/piroof. Ispeeshaalistii wal'aansa dhibee ijoolleef daa'immanii fi barreessaa kitaaba 'BU'UURA FAYYAA DAA'IMMANII)
-Bal'inaan YouTube - https://youtu.be/V4FzsN14GCA
-Bellamaaf - Naqamtee (Boku Clinicu Clinic - 090 804 8000)

Dhibeewwan Walquunnamtii Saalaan Daangaa hi Qabneen Daddarban.,,,,,,Dhibeewwan sal-quunnamtii dangaa hin qabneen daddarb...
05/05/2025

Dhibeewwan Walquunnamtii Saalaan Daangaa hi Qabneen Daddarban.
,,,,,,
Dhibeewwan sal-quunnamtii dangaa hin qabneen daddarban keessaa angafootni kan akka fanxoo,shopxoo,abbaa sangaa abbaa seeruu kkf fa’i.

Dhibeewwan kanaaf kan nama saaxilan(risk factor)kan akka:
1. Umurii dargaggummaa
2. Tokkoof tokkoon jiraachuu dhiisuu
3. Dandeettiin ittisa qaama keenyaa hir’achuu
4. Maamila sal-quunnamtii waliin raawwatan jijjiiruu ykn baayyisuu
5. Shamarran mana bunaa waliin walquunnamtii saalaa dangaa hin qabne gochuu
6. Ijoollummaan heerumuu fi k.k.f nidha.
Mallattooleen Dhibichaa:
1. Karaa qaama saalaa dhangala’aan adda ta’e fi foolii qabu ba’uu
2. Madaa’uu naannoo qaamota wal-hormaataa
3. Dhukkubbii gadameessaa fi qaamota wal-hormaataa
4. Dhiita’uu cidhaani fi fincaan gubuu
5. Dhukkubbii wayita laguu fi garaa gara gadii
6. Daa’immaan akkuma dhalataniin iji isaanii dhiita’uu fi ciimmaa dhangalaasuu fi k.k.fn mallattoolee dhibeewwan sal-qunnamtii daangaa hin qabneen dhufanidha.
Miidhaalee Dhibichi Fiduu Danda’u:
1. Shamarran irrattis ta’e dhiirota carraa daa’ima argachuu hir’isuu 2. Ulfa gadameessaan alaa(ectopic pregnancy)fidu
3. Dhukkubbii gadameessaa yeroo dheeraa
4. Dhiirota irratti dhibee ujjummoo fincaanii fiduu
5. Jaamina yeroo daa’immummaa
6. Faca’insa HIV/AIDS dabaluu
7. Wal hiikuu haadha manaa fi abbaa manaa fi k.k.fn rakkoolee dhibeewwaan kun fidan keessaa isaan angafoota.
Maloota ittisa dhibichaa:
1.Sal-quunnamtiirraa bilisa ta’uu
2. Tokkoof tokkoon jiraachuu
3. Haala gaariin condoomii fayyadamuu
4. Atattamaan yeroo mallattoolee dhibichaa ofirratti argan gara mana yaalaa deemuun yaala ga’aa ta’e argachuu.
Ittisa irratti haa xiyyeeffannu!
Ulfaadhaa..share..gochuu hin dagatiinaa!.

Dr. Lammii Gonfaa (G/piroof. Fi Ispheeshaalistii ulfaaf gadameessaa)
Beellamaaf – kilinika bokkuu ( # ganda 04)

WAANTOTA AJAA'IBSIISOO WAYITA ULFAA MUL'ATAN SADDET!................Yeroo ulfaa gorsi hedduun karaa ogeeyyii fayyaa haad...
24/04/2025

WAANTOTA AJAA'IBSIISOO WAYITA ULFAA MUL'ATAN SADDET!................
Yeroo ulfaa gorsi hedduun karaa ogeeyyii fayyaa haadhaaf ni kennama. Kanneen sanaan dabalata waantota ajaa’ibsiisoo haadha sana mudachuu malan gurguddoon

1)Yeroo da’umsi dhiyaachaa deemu umnaa fi fedhii addaa mana jireenyaa daa’imaaf qopheessuu godhatti (The Nesting Instinct).Fakkeenyaaf waanta ji’a sagal guutuu dalaguuf fedhaa fi yaadaa hin qabne kan akka girgiddaa manaa miicuu faa osoo dalagduu argamti. Kunis sababa hangi hormoonii adirenaaliinii jedhamu qaama keessa waan dabaluufi jedhama.

2) Rakkoo walitti fufinsaan waanta tokko irratti xiyyeeffannoo kennuu dhabuu (Problems With Concentration). Keessuma ji’a sadan jalqabaa waanta tokko yeroo dheeraaf walitti fufinsaa hordofuu dadhabuu fi ammaa ammaa waa irraanfachuun ni baay’ata.

3) jijijjiramuu miraa(Mood Swings) – ulfii fi marsaan laguu yeroo itti miirri dubartootaa baay’ee itti jijijjiiramuun beekamudha. Osooma gammachuu guddaa irratti argaa jirtanii daqiiqaa muraasaa booda sila aaranii boo’uufaa ga’uu malu. Kunis irraa caalaa ulfa gara jalqabaaf dhumaa irratti baay’ata. Sababni isaas haala jijjiirama hormoonii qaama keessaatti dhufeeni.

4. guddachuu harmaa – yeroo ulfaa sababa dabaluu hormoonota akka estrogen fi progesterone jedhamaniin kan ka’e harmi dabalaa deema. Kana malees sababa oxsigiinii hedduu isaan barbaachisuuf hangi qabiyyee sombaas ni dabala.kun ammoo laphee fuulduratti waan dhiibuuf harmi ba;ee mul’ata.

5. jijjiirama gogaa(Skin Changes)
Yeroo ulfa sababa dabaluu hormoonotaa fi dabaluu hanga dhiigaan kan ka’e.
Zayiti gogaan oomishu ni dabala waan ta’eef gogaan isaanii ni lallaafa.
Fuulli isaanii akka gurraacha’uu ta’uu mala(maadiyaat /chloasma),Akkasumas bugurii/buggujjiin isaanitti ba’uu mala.

6. jijjiirama rifeensaa fi qeensa irratti mul’atu(Hair and Nails)
Yeroo ulfaa rifeensi ariitiin guddata,Akkasumas hinharca’u. takka takka illee bakka hinbarbaadamne(fuula,garaa..) irratti rifeensi biqiluu danda’a.

8. Buusaan qaamaa kan duraan caalaa diddiriiruu(Joint Mobility- overstretch).
Yeroo ulfaa akka qaamnii fi maashaan Naannoo gadameessaa da’umsaaf qophaa’uuf qaamni hormoonii ‘relaxin’ jedhamu hedduu oomisha.kun ammoo akka buusaan baay’ee diddiriiran waan tasisuuf yeroo deeman dhaabbii eeggachuu irratti rakkisuu hanga meelachuu fiduu mala.

Lammii Gonfaa (G/piroof. fi Ispheeshaalistii ulfaaf gadameessaa)
Beellamaaf - kilinika bokkuu (Naqamtee,ganda 04)

We have installed a modern digital X-ray.*Chest  X ray.*Extremity x ray.*Skull X ray.*For radiopaque foreign body x ray....
20/04/2025

We have installed a modern digital X-ray.
*Chest X ray.
*Extremity x ray.
*Skull X ray.
*For radiopaque foreign body x ray.
*Barium swallow.
*Barium meal.
*Cystourethrogram.



20/04/2025

✅BAGA AYYAANA DU'AA KA'UUTIIN ISIN GAHE.

✅HAPPY EASTER

✅BOKU CLINIC
NEKEMTE, 04 KEBELE

✅WE PUT YOUR HEALTH BEFORE WEALTH!

DHUKKUBBII KOOMEE FI FAANA MIILLAA......................Namoonni hedduun dhukkubbii koomee fi faana miillaa akka qaban b...
04/04/2025

DHUKKUBBII KOOMEE FI FAANA MIILLAA......................
Namoonni hedduun dhukkubbii koomee fi faana miillaa akka qaban beekamaadha. Giddu galeessaan namoonni ga’eeyyiin 20% ta’an dhukkubbii faanaa fi koomee niqabaatu jedhamee tilmaamama.

EENYUFAATA CAALMAAN DHIBEE KANAAF SAAXILAMOODHA?
*Namoota umuriin raagan
*Saalaan dubara ta’uu
*Ulfaatina qaamaa olka’aa qabaachuu
*Sa’a dheeraa dhaabbachuu
*Haala uumama miillaa – faana miillaa diriiraa ykn baay’ee dhuuqaa
*Kophee keessisaa mijataa hintaane
*Haala deemsaa sirrii hin taane qabaachuu.

MALLATTOO
✓ Dhukkubbii koomee fi faana miilaa keessatti namatti dhagahamu kan akkuma miilan deemuu eegalluun jalqabu (ganama yeroo hirribaa ka'an, teessuma yeroo dheeraa booda deemsaf yoo ka'an) yoo ta'u akkuma deemsa itti fufaniin hir'achaa dhufus deemsi dheerannaan gama boodaatti hammaachaa dhufa.
✓ Dhukkubbiin kun yeroo gara yerootti dabalaa fi hammaachaa kan deemuu fi miila duwwaa deemun kan hammaatu yoo ta'u dabalataanis laalaa (miira dhukkubbii yoo tuqan jiraatu) ni qabaata.
✓ Yoo garmalee cimaa fi hammaataa ta'e taa'umsa yeroo dheeraa keessattis mul'achuu danda'a.
✓ Namoonni rakkoo kana himatan osoo dhukkubbiin kun itti hin mul'atin dura jijjiirama haala garagaraa fiduu isaanii ragaa bahu. Fkn, sochii akka fiigichaa, miilan deemuu, daansii fi kkf heddummeessuu ykn haala sochii itti godhan [ iddoo itti hojjatan, gosa kophee jijjiiruu, miila duwwaa gochuu] jijjiiruu.

NAMOONNI WAANTA KANA QABAN KAN GOCHUU QABAN
✓ Dhukkubbiin kun turtii yeroo booda ofuma isaatin kan fayyaa deemu waan ta'eef
- Qoricha dandamachiistuu dhukkubbii fudhachuun.
- Boqonnaa gochuun ykn haala sochii jijjiirun.
- Daqiiqaa 15-20 Cabbii irratti qabuun.
- Gosa kophee fi meeshaalee rakkoo kanaaf hojjataman fayyadamuun.
- Fiiziyooteraappii- Yaala sukkuummii fi sochii qaamaa ogeessan deeggarame.
✓ Dhukkubbiin mala yaalaa olitti tuqame kanniinin wayyaa'uu yoo dide ykn garmalee hammaatee haala sochii jireenyaa irratti dhiibbaa yoo uumee mala yaalaa ogeessa fayyaatin kennamuun wal'aanutu fala.

*BAL'INAAN - https://youtu.be/dOT4k-UuIbk

DURSINEE ITTISUUF KAN GOCHUU QABNU
✓ Kophee gita sirrii boca faana miilaatin miila utubuu kaawwachuu.
✓ Ulfaatina qaamaa sirrii tahe qabaachuu.
✓ Sochii qaamaa yoo hojjatan xiqqarraa eegalanii suuta suutan dabalaa deemuu.
✓ Sochii qaamaa duraa fi booda sochii qaama diddiriirsu (stretching exercises) hojjachuun qaama hoo'isuu fi qabbaneessuu

We're dedicated to providing personalized and compassionate care to help you achieve your health goals.
31/03/2025

We're dedicated to providing personalized and compassionate care to help you achieve your health goals.

DHIIBBAA DHIIGAA OLKA’AA!…………………………….Akka biyya keenyaatti namoota dhibba keessa namni 20 dhiibbaa dhiigaa olka’e akka q...
31/03/2025

DHIIBBAA DHIIGAA OLKA’AA!
…………………………….
Akka biyya keenyaatti namoota dhibba keessa namni 20 dhiibbaa dhiigaa olka’e akka qaban tilmaamama. Haata’u malee hedduun mallattoo waan hinagarsiifnee fi darbee darbee waan of hinsakattaasisneef ofirratti hinbeekan. Dhiibbaan dhiigaa jalqaba irratti mallattoo hin agarsiisu waan ta'eef , namoota umurii isaanii 30 oli ta'an hundi safaramuu qabu. Keessuma namootni saaxilamoo ta'an xiyyeefannoo argachuu qabu. Dhiibbaa dhiigaa ilaalamanii sirriidha yoo ta'e , waggaa tokkoo hanga lamaatti deebi'anii ilaalamuun ni qabu

DHIIBBAA DHIIGAAF MAALTU NU SAAXILA?
1.UMURII -Akkuma umuriin dabalaa adeemuun dhiibbaan dhiigaa ni dabalaa. Kanaaf namootni umuriin isaanii 30 ol ta'an hundaaf dhiibbaa dhiigaa isaanii safaruun barbaachisaa dha.
2. ULFAATINA QAAMAA (FURDINA) GUDDAA- Namootni Ulfinni qaama isaanii dabale ( obese ) ta'an dhiibbaa dhiigaaf saaxilamoo dha.
3. QACCEE/MAATIIN QABAACHUU -Maatiin Dhiibbaa dhiigaa qabaachuun Namootni maatiin isaanii dhiibbaa dhiigaa qaban , carraan isaan dhiibbaa dhiigaatiin qabamuuf qaban nama kan biroo ( kanneen maatiin isaanii dhiibbaa dhiigaa Olka'aa hin qabne ) irra dachaan dabalaa.
4. SOCHII QAAMAA GOCHUU DHABUU- Sochii Qaamaa gochuu dhiisuu.
5.ASHABOO BAAY’INAAN SOORACHUU – Ashaboo/Soogidda nyaata keessatti baay'isuu. Nyaata ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa namatti fida.
6. TAMBOO AARSUU
7. DHUGAATII ALKOOLII BAAY’INAAN DHUGUU – Dhiiraaf guyyaatti qaruuraa lamaa ol,dubartootaaf guyyaatti qaruuraa tokkoo ol.
9. DHIPHINA SAMMUU- keessumaayyuu yeroo dheeraa fi irra deddeebiin dhiphachuu dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa.
10. DHIBEE KALEE, RAKKOO HORMOONOTA WALIIN WALQABATAN QABAAUU Dhukkubota kan akka kalee fi sukkaaraa qabaachuun dhiibbaan dhiigaa olkaasuu danda'a. Rakkoo hoormonii ( adrenaline, estrogen, thyroid hormones ...)
12. Qorichoota garaa garaa irra deddeebiin fudhachuu
( Kan dhukkubbiif fudhatamu ,NSAIDS , kan Alarjiif fudhatamu, steroids, qusannoo maatiin , contraceptive with high estrogen levels, fi kanneen biroos jiru.)

NAMOONNI DHIIBBAA DHIIGAA IRRATTI MUL'ATEE XIYYEEFFANNOO BARBAADAN
1. DUBARTOOTA ULFAA -Dubartoonni ulfaa dhiibbaa dhiiga ni qabu yoo ta'e lubbuu haadhaa fi mucaa irratti rakkoo geesisuu danda'a waan ta'eef, xiyyeeffannoon addaatiin yaalamuu qabu. Qorichootni kennamanis kan ulfa irratti miidha hin geesifnetu kennamaafi.

2. IJOOLLEE FI DARGAGGOOTA - Dhiibbaan dhiigaa ijoollee irratti haalli itti safaramu addaani. Safartuun dhiibbaa dhiigaa ijoollef qophaa'e kan jiruu fi erga ilaalamanii booda Ulfaatina fi umurii isaaniitiin walbira madaalamee persentaayilin ilaalama. Haala kanaan persentaayilii 95 ol yoo ta'e dhiibbaa dhiigaa qabu jedhama.Yeroo baay'ee dhiibbaan dhiigaa ijoollee irratti mul'atu dhiibbaa dhiigaa sababni isaa beekamu waan ta'eef , qorannoon adda baasanii yaaluun barbaachisaa dha.

3. NAMOOTATA DHIBEE FAYYAA YEROO DHEERAA QABAN ( dhibee Sukkaaraa, dhukkuba kalee, Onnee fi kkf ) qabaniif yaaliin isaanii of eeggannoo waan barbaachisuuf bakka speeshalistiin jirutti ilaalamuun hordoffii gochuu qabu.'
*(BAL'INAAN - https://youtu.be/s9-LTHReVuo )

AKKA DHIBEE KANA HINGODHANNEEF KAN GOCHUU QABNU
1.ISPOORTII ykn SOCHII QAAMAA. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hajjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a.

2.ULFAATINA HIR’ISUU. Haala nyaataa sirreessutiin, sochii qaamaa gochuun hirisuu dandeenaya. 3.NYAATA DHIIBBAA DHIIGAA HIR’ISUUF GARGAARAN NYAACHUU. Nyaanni qabiyyee sodium tiin xiqqaa ta’eefi qabiyyee potassium fi magnesium olka’aa ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa. Nyaatawwan kunnenis kan akka midhaan callaa; qamadii, garbuu fi kkf. Dinnicha ( keesummatti potassium olka’aa waan qabuuf). Fuduraalee fi muduraalee bifa garaagaraatiin qophaa’an. Nyaata coomaa qaban irraa ofqusachuu.

4.ASHABOO BAAY’EE NYAACHUU DHIISUU. Yoo ashaboo (sodium chloride) baay’ee nyaannu dhiibbaa dhiigaa olkaasuu irraattti gahee guddaa qaba. Keessumaa namoonni umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an, namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban, namoonni dhukkuba kalee qaban, namoonni kana dura akka dhiibbaa dhiigaa qaban itti himame, nyaata ashaboo irraa of qusachuu qaban.

5.ALKOOLII YOO KAN DHUGNU TA’E XIQQEESSUU QABNA. Dhiirotaaf guyyaatti safara lama ( 2 unit ) ol dubartootaaf guyyaatti safara tokko ( 1 unit) ol dhuguu dhiisuu. HUB: safara jechuun kan alkoolii sanaaf murtaa’e jechuudha. Eg. Beer in bottle, …… yoo amma jedhame kanaan qofa fudhatame hamma ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.

6.YOO KAN TAMBOO XUUXNU TA’E DHAABUU QABNA.

7.HAMMA DANDA’AMETTI DHIPHACHUU (STRESS) HIR’ISUU.

8.HORDOFFII YEROO YEROOTTI TAASISUU. Inni kun kan baayyee barbaachisaa ta’eefi uummanni keenya yeroo hedduu dagatudha. Dhukkubni dhiibaa dhiigaa haga sadarkaa guddaa irra ga’utti yeroo baayyee mallattoo tokkollee hin argisiisu. Kanaafuu “silent killer” ykn “ kan dhokatee ajjeesu “ jedhama. Meeshaan ittiin dhiibbaa dhiigaa safaran baay’ee salphaafii buufata fayyaa hospitaala kellaa fayyaa ….. bakka hundatti argamudha. Dhuunfaatti illee bitachuuf ulfaataa miti. Haa ta’u malee hawaasni keenya bartee dhiibbaa dhiigaa isaa safarachuu waan hin qabneef miidhamee erga dhukkuba biraatti ce’ee booda dhufa. Kun ammoo hafuu qaba.


!

21/03/2025

Big shout out to my newest top fans! Adugna Olani

Kilinikaa Bokkuu tti Ispeeshalistootaa armaan gadii argachuu ni dandessuu:-1. Dr Gurmessaa Hinkoosaa: Ispeeshalistii Dhi...
19/03/2025

Kilinikaa Bokkuu tti Ispeeshalistootaa armaan gadii argachuu ni dandessuu:-
1. Dr Gurmessaa Hinkoosaa: Ispeeshalistii Dhibee Keessoo (Internist)
2.Dr Biqilaa Gaddafaa:- Ispeeshalistii Dhibee Keessoo (Internist)
3. Dr.Jarmaan Tasfayee:-Ispeeshalistii Dhibee Keessoo (Internist)
4. Dr. Abarraa Olaanii: Ispeeshalistii dhibee Daa'immanii (Pediatrician)
5. Dr. Amsaluu Takkalee:-
Ispeeshalistii Baqaqsanii Yaaluu (Surgeon)
6. Dr. Lammii Gonfaa:- Ispeeshalistii Gadamessaa fi Ulfaa
7. Dr Baatii Tasfayee:- Ispeeshalistii Raajii fi Altirasaawundii.
☆Hakimoota muxannoo qaban bakka tokkootti ni argattuu!
☆ Meeshalee yaalaa ammayyaa fi qorannowwaan qulqullinaa qaban ni argattuu

Teessoon keenyaa: Naqamtee, Ganda o4, Bataskanaa Maariyamii fuldura!
Kottaa taajajilama, dhibee keessan ogessaa barbaddaan waliin mari'adha!

SADARKAA GUDDINAA DAA’IMMAN HANGA WAGGAA TOKKOOTTI AGARSIISAN…………………………………………………………………………………………………………..Giddu galeessaan ...
18/03/2025

SADARKAA GUDDINAA DAA’IMMAN HANGA WAGGAA TOKKOOTTI AGARSIISAN
…………………………………………………………………………………………………………..
Giddu galeessaan daa’imni yeroon isaa ga’ee dhalate tokko naannoo ;-
JI’A 2
*Garaan yoo ciibsine ataa olqabatu
*Harka isaanii gara afaanii geessuu jalqabu
*Seequu jalqabu
*Sagalee adda ta’e/guddaa yoodhaga’an ni callisu
*Haadha adda baasu

JI’A 4
*Ija isaanii naannessuun ilaaluu jalqabu
*Mataa ol qabatu
*Garaan yoo ciibsine dugdatti garagalu
*Ishee ittiin taphatan qabuun ilaaluu eegalu
*Kolfuu jalqabu
*Sagalee maatii adda baasu
*Miira agarsiisuu jalqabu
*Xuuxxoo yoo argan akka aannan dhuguuf jedhan beeku
*Hiixatanii waa fuudhu

JI’A 6
*Taa’uu jalqabu
*Harka tokkoo harka biraatti dabarsu
*Sagalee adda addaa uumuun taphatu
*Nama biroo sodaachuu jalqabu
*Ofirra gaggaragalu
*Nama ta’e caalmaan barbaadu

JI’A 9
*Ji’a sagal
*Hindaa’imu
*Waa qabatanii ka’uu yaalu
*Quba lamaan waaqabuu jalqabu
*’By by’ jedhanii harka namatti qabu

JI’A 12
*Hindhaabatu
*Deemuu jalqabu
*Abbaa fi Immaa jechuu jalqabu
*Waan barbaadanitti quba qabu
*Erga sasalphaa Altakkaatti tokko ni hubatu

*Beellamaaf - Naqamtee (BOKU CLINIC - 0908048000 )
*Dr Abera Olani (Ispeeshaalistii wal'aansa dhibee ijoollee fi daa'immannii fi barreessaa kitaaba ' BU'UURA FAYYAA DAA'IMMANII)

Bokku Family
10/03/2025

Bokku Family

Address

Nekemte, 04 Kebele, Infront Of Street Mary Church
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Boku Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram