nabiildadar

nabiildadar motivation

04/07/2022
Eyye Eyye
04/07/2022

Eyye Eyye

04/07/2022
04/07/2022

KALEESSI KEE

YAADACHA BOORU

KEETIF TAATAFACHUUN

DIRQAMA KAAYYO

KEE GALMAAN GAHUTI

04/07/2022

Seenaa Mucee Ahamad Mucee Kutaa Maayii.
=================================
Maqaan Baduu Mannaa Mataan Baduu Wayya”
Kan jadhe Mucee Ahmad Mucee malee eenyu?.

Dua Mucee Ahmad Mucee
(Kutaa Maayii)

Walda Gabrieel baanan gabaaba akka kilaasaa
Dandahe nu hin gabroomsine numaa wal kilaafa” Jatte Ituun awwaalcha Muceerratti.

Fugug Ardii gootota kumaantamaan lakka’aaman dhalchee sabaaf gumaacheedha. Gootota gabrummaa didanii lubuun darbanis hedduutu Lafa Fugug irratti biqilee, daraare, Seenaa ofii hambisanii galan. Garuu diina kumaantamoota galaafatee, diinaaf harka kennuu didee, Angoon sobuuf yaalanis kan sobamuu diduun, “Maqaan Baduu mannaa mataan baduu wayya” jechuun, Morma diinaaf laatee, hanga sakandii maayiiti waan danda’uun Nafxanyootaan falman, gootota fugug dhalchite muraasoota keessaa kan hangaffaa
Mucee Ahmad Muceeti jechuun ni danda’ama.

Hogu Walda Gabri’eel gara handhura carcar fi jiddu gala Caffee Raabaa Doorii Odaa Bultumi fi Habrootti qajeelu, Muceen gara laga gaaleeytii fi burqaa Tirtiraati qajeelee ture. Kana Kutaa darbe keessatti addeesinee jirra. Muceen Laga Gaaleeytii fi Burqaati warra Ituu qindeessaa, tumsa Afran Qalloo eegacha ture. Walda Gabri’eel immoo Galamsoo hogu dhaqu dubbiin akka yaade hin taanefi. loltooni isaa hangi tokko irraa baqate, hangi tokko irraa harca’ee, hangi tokko mamadaa’ee jira. Sanarraan Qaaluu, Waayyee fi Aroojiin halkaniif guyyaa irratti duulaa jiru. Haala saniin Galamsoo keessa turuu hin dandeenye. Kanaafuu Galamsoorraa ofduuba Baqqachuuf dirqame. Waan Gootichi Gaaleeytii fi Burqaa Tirtiraati isaaf qopheessaa jiru immoo Walda Gabri’eel irraa quba hin qabu ture yeroo kana.

“Akkanumaanu yoon danda’ee asumaaniin osoo humni Amiirootaa fi Afran Qalloo bubbulee of hincimsine Biyyoo Adareeti qajeele too’adha” jechuun, Galamsoo baqatee, gara naannoo magaalaa Hirnaa, Gaaleeytiti imale. kaambii achi godhachuuf yaalii godhe. Garuu asitti Ituu Muceen qindeessaa jiruu fi ilmaan Afran Qalloo (Obborraa fi Alaa) gamtaa guddoo uumanii jiru. Gamtaa cimtuu uumanii waan eeganiif gonkummaahuu Gaaleeytii fi Burqaa Tirtiraa bira darbuu hin dandeenye. Akkaatumma Faranjooni isa duulchissan gorsa kennaniifitti, Badii guddoo Galamsooti irra geesserraan dabalatee, burqaatis Miidhaa guddoon loltoota Walda Gabri’eel irra dhaqabaa jirti. Waan kana l tahef, kana caalaa kophaa Ona Ituu keessa sossoo’uun, wareegama lubuu isa kaffalchiissuu akka dandeessu hubate. loltoota isaa wajiin gara Awaaash*tti ofduuba baqqachuufis dirqame. Muceenis akkaatuma kanaan Gaaleeytiirraa jalqabee Otuma humna Walda Gabri’eel ari’anii, Awaash*tti galchan. San booda Muceen toora naannoo magaalaa Ciroo battala godhachuun, dhufaatii Diinaa gammoojii fi Baddaan (duubaa fi dura Ona Ituutiin) deebi’uu malu eegachuuf iddoo jiddu galaati ciroo. kanaaf ciroo battaleefate.

Torbee jalqabaa ji’a Hagayyaa ,1886 Minilikii fi Raas Daargeen Arba Guugguun Oromoota murruq godhanii, Yaayaa Alii Sireefaas injifatanii, loltoota nafxanyaa 35 000 caalu wajiin magaalaa Galamsoo too’atanii jiru. Oromoota Walda Gabri’eel tasgabbii dhorkanirratti tarkaanfii suukkaneessaa fudhachu jalqabe. Marsaa Ammaa hoggansi nafxanyaa Minilik qofaa miti, Raas Mokoneeniin qabii,Irreeysi Minilik kan hinjire hinjiru. Gaamtaan waraanaa Fitawurari Bantiidhaan hoggonamtus Awaash*tti Walda Gabri’eelif dabalamtee jirti. Oduun Minilik magaalaa Galamsoo gahu Walda Gabri’eel bira waan geesseef, Walda Gabri’eel ammas loltoota isaa wajiin Ona Carcaritti duule, amma humna rabbi yoo taate malee Muceen deebisuu hin dandeenye dannabsee fiduun, batalla Ciroo dadaake kutuun gara Galamsoo imalee Mootisaa Galamsooti qunname. Waraani Jiysaa facca’ee, humni diinaa injifatus, akkasuma Muceen amma lubuun darbuu fi booji’amuu baatus, kana booda Ona Waccaalee keessatti lola daagguu(Lola dagaa, Guirrila fighting) gaggeessuuf dirqame.

Gaafa guyyaa haggayya 15 Loltooni Minilikii fi walda Gabri’eel walitti makamanii gamtaa uumuun gara bahaa sochii jalqaban. Magaalaa gudditti baha Afriikaa Adaree biyyoo too’achuun, Minilikiif dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.

10Q
03/07/2022

10Q

03/07/2022

“Erga Birbirtiin Citte(Erga Muceen du’ee,erga Ituun capxee)....
Erga Birbirtiin citte,
Yaa’aa qallaa namuu huumoo hin amanu
Gammoojii roqaan jige guffuu malee waa hinhafne.
Guffuulle ibidaa gubee daaraan waa hin hafne.
Daaraa qilleensi fuudhe biyyee malee waa hin hafne.
Lammiin waliif hin galle uumamuudhaan hin malle!”

Gootummaa Muceen qabu himuu isaaniiti. Gootnii Gammoojiin Ituu biqilchite kun jiguu isaa ibsuuf ture. “Erga Ituun caphxee, Erga Muceen Du’ee humaa Nuuf hin hafne, kan amma lubuun hafne kun waa gootummaan Muceen qabu nu keessatti hin hafne. Akkanarra duune baduu wayya...” jechuuf ture basaastoota akka Saalii Usmaanaa kan isaani wajiin waliif galuu oolee,walda Gabri’eelif isaan basaasu kanafaas tuquu barbaadaniiti.

Dur Ituun gaafa Gootni du’uu ni geeyraru, Ni darrashu, ni Mirriguus ture. Akkaataa kanaan dhaamsa waliif dabarsu ture.Kanaan wal sabbaraiisu ture. Akkanan gootummaa goota isaanii dhalootaaf himuu turan.

Kana Malees guyyaa awwaalchuma Mucee;

“Dunfura jaldoo biiroo kan filaan keessa hinjirre.
Laal bitimee xiqoo tan kormi keessa hinjire.
Lammii bobbaa jaldeessaa ka jiraan keessa hinjirre.
Cinaan dubbii hooffee kijibaa tan dhugaan keessa hinjirre.
Jiysaan waa loluu hin dinne, gargaarsaa duuba hinjirre.
Gaala gadoo hin dheeysani
Gowwaa humaa hinbeyne biyya ormaa hingeessani...”

jechuuni ture, guyyaa Walda Gabri’eel humnaan Ummata Baasee Mucee mormaa gadi Awwalanii, muceen mormaa gadi awwalame hogu ilkeen seenaa hojjatu dhabbachaa laalaa turuu isaaniitti nada’amanii, akkasumas gootichi Muceen isaan keessa erga du’ee, kan hafne boobbaa jaldeessati jechuun of tuffatanii, gootummaa Mucee ragaa bahachaa, Muce Ahmad Mucee awwaalanii, biyyeeti deebisan. Dhugaa dubbachuuf gootni hanga daqiiqaa maayii hafuura isaati sabaaf qabsaa’ee, boolla keessatti erga biyyeen itti dachaafamtee mormaa gadi awwalameen boodas, seenaa hojjatee adunyarra darbe, gooticha Ituu Abbaa Duulaa Mucee Ahmad Mucee malee kan jiruu nati hin fakkaatu. Lolli ituu kan bara 1882-1886ti, waggaa Afuriif nafxanyootarratti gaggeefamaa ture,ajjeefamuu gammeeyyii ituutiin booda ximuurame.
Nuttis xumuurre.


Gootni Ituu Warreegama qaqqaalii sabaaf kan kaffalan tahus, hanga ammaa akka waan dhalli irraa hin hafinii, siidaan dhalooni seenaa Abbootii fi Akaakilee isaanii ittiin yaadatu tokkoleen Ona Carcar keessa hinjiru. Kuni tahuun fafa. Dhaloota amma Ona Ituu jiruuf salphina. Kanaafuu callisni kun haa caphuu. Mucee Ahmad Mucee Goota Siidaan Dhaabbamuufi Qabu dha.

Madda (References;)
Kitaaba Minilik’s occupation of Harar
kitaaba Harold Marcus;
kitaaba History of Oromoo in the era of (1600-1880s) war of Arsi.
Kitaaba “With the Armies of Menelik II” the journal of Bulatovich's second trip to Ethiopia second edition.
Abbaa Gadaa Ona Ituu; Yuusuf Ahmad.
Hayyuu fi Manguddicha carcar Jamaal Araboo
Obbo Jamaal Ussoo Mommayya
Hayyuu seenaa fi Artistii Callaa Carcar
Kitaabaa “Betweeem the jews of Hayna” ja’u.
The Arsi Oromoo resistance against minilik’s in invanding army.
Kitaaba Marshaal De Salvaic 1901
Kitaaba Otto Harrassowith verlag, yhe diplomatic history of ethiopia.
Caulk, the occupation of Of minilik
Journal of oromoo studies valuemi adda adda!
Afseenaa-Oromoota Ituurraa..,
Kkf
Itti fufa…………

03/07/2022

Address

Nekemte
04

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when nabiildadar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to nabiildadar:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category