Jaalallee Jaaladhaa

Jaalallee Jaaladhaa Barnootaa fi Odeeffannoo Fayyaa irratti Kennuu fi Hawaasa keenya Dhukkuba irraa akka of eegan dursinee Odeeffannoo Kennuu.

Oroomiyaa lalisii Dagaagii Jiraadhuu!
27/12/2022

Oroomiyaa lalisii Dagaagii Jiraadhuu!

10/09/2022

BAGA BACAQII GANNAA DANDAMATTANII BOOQAA BIRRAA NAGAYAAN GEENYE BAGA GEESSAN
2015
2015
2015

Aamiin Aamiin Aamiin
28/04/2022

Aamiin Aamiin Aamiin

Rabbiin Hamtuu Sitti as deemtu hunda sirrraa haa qabu.  Dilii teessaan Hunda isinii Haa Araaramu.  Azaabaa jalaa Najaa i...
23/04/2022

Rabbiin Hamtuu Sitti as deemtu hunda sirrraa haa qabu.
Dilii teessaan Hunda isinii Haa Araaramu.
Azaabaa jalaa Najaa isin Haa baasu.
Isin quba hin qabne isinitti Haa kennu.
Aakirratti Isin hin Rakkisin.
Aamiin Aamiin Aamiin

Baga Ji'a Ramadaanatiin isin gahe.
01/04/2022

Baga Ji'a Ramadaanatiin isin gahe.

12/12/2021

Sr. Urjii Abdurahman Dayireektara Olaantuu Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa(WOFO) ta'uun muudamte. Sr Urjiin dandeettii, muuxannoo fi namuusa olaanaa akka qabdu kan wajjin hojjate hundii fi hojiin isheen kanaan dura hojjatte ragaa baha! Gara WOFO dhuftee yeroo gabaabaa keessatti hojii waldichaa boonse hojjachuu dandeessee jirti. Dabalatanis, Sr. Urjiin loogii adda addaarraa kan fagaatte ta'uus waldichi ragaa bahaafi. Walumaa galatti, Sr. Urjiin antummaa sabaaf, hawaasa tajaajila fayyaa barbaaduf,ogeessaaf fi ogummaaf akka qabdu hojii qabataman agarsiisaa jirti. Boordin WOFOs kanuma hubachuun Dayireektara olaantuu WOFO gochuun sagalee guutun muudee jira.
-----
Sr. Urjiif Yeroo hojii gaarii hawwaa; miseensi WOFO, koreen hojii raawwachiiftuu WOFO; akkasumas dhaabbileen/qaamoleen WOFO waliin hojjatan hunduu bira akka dhaabbatan waamicha dabarsina!

Oromia Health Bureau
OBN Afaan Oromoo
Oromia Broadcasting Service - OBS

13/08/2021
25/06/2021

Gosoota Nyaataa Hir'ina Dhiigaa Ittisan (Qabiyyee Ayireeniin Badhaadhoo Ta'an)
******************************
******
1. Tiruu beeyladoota akka Hoolaa fi kkf
2. Foon diimaa (diimina cooma hin qabne).
3. Hanqaquu lukkuu (Eggs)
4. Nyaata qurxummii gosa (salmon) jedhamu (akkasumas Tuna kan supermarketii gara garaa irraa bitamu).
5. Atara fi daabboo qamadii qofa irraa hojjatame (whole wheat bread)
6. Dadhaa ocholoonii irraa hijjatame (peanuts butter)
Horaa Bulaa" Fayyaan Faaya"

Eid Mubarak for All Muslim.
13/05/2021

Eid Mubarak for All Muslim.

Dhukkuboota dhungii (kissing) irraan namaa namatti darbuu danda'an keessaa!*********************1. Dhukkuba fanxoo (syph...
29/03/2021

Dhukkuboota dhungii (kissing) irraan namaa namatti darbuu danda'an keessaa!
*********************
1. Dhukkuba fanxoo (syphilis), kan baakterriyaan dhufuu fi qaama madeessuu irraa haga sammuu hubuutti ga'uu danda'u.
2. Vayirasii herpes simplex kan naannoo hidhii madeessuun beekamu.
3. Dhukkuba infiluweenzaa, kan sirna hargansuu hubu.
4. Dhukkuba koroonaa vaayirasii.
5. Vayirasii Epstein Barr Virus jedhamu kan kan Infectious mononucleosis nama qabsiisu.
*********************
Hub: kun namoota hidhiin isaanii fayyaa ta'eef yoo ta'u, namoonni hidhiin isaanii madaa (sore or ulcer) qabu ammoo dhukkuboota biroo hedduuf saaxilamu!!

Furmaata Singiggoo/gubaatii laphee fi qara laphee(Gastroesophagial reflux disorder/GERD)Rakkoon kun kan dhufu rakkoo laa...
11/03/2021

Furmaata Singiggoo/gubaatii laphee fi qara laphee(Gastroesophagial reflux disorder/GERD)
Rakkoon kun kan dhufu rakkoo laafachuu huutuu garaachaarraan kan ka'e Asiidiin garaachaa haayidirookiloorik asiidii jedhamu gara ujummoo nyaataa laphee keenya keessa jirutti(Esophagus)ol darbuurraan kan ka'e rakkoo dhufudha. Kanaaf namoonni baay'een miira gubaatii qara laphee jalaa fi laphee gara bitaaf saaxilamu. Akkasumas nama haqqisiisuuf lollociisiisuu danda'a. Namoonni baay'eenis Onnee nu dhukkuba jedhanii himatu.
Mee namoonni rakkoo kana qabdan maal gochuu qabdu/hin qabdan?
1.Yeroo raftan boraatii fayyadamaa
2.nyaata hedduminaan hin nyaatinaa
3.yeroo hirribaa sahaa 2-3 dursaa irbaata nyaadhaa
4.yeroo raftan kallattii bitaan rafaa
5.shunkurtaa diimaa dheedhii soorachuu dhiisaa
6.alkoolii dhuguu dhiisaa/hiri'isaa
7.Buna baay'inaan dhuguu dhiisaa
8.sigaaraa aarsuu dhiisaa
9.nyaata zayitii itti baay'ate/qimamii/
urgeessituun itti baay'ate soorachuu dhiisuu
10.ulfaatina qaamaa hir'isuu
11.cuunfaa birtukaanaa fi loomii baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
12.chokkolaataa baay'inaan soorachuu dhiisuu
13.dhiphina/aarii hir'isuu
14.nyaata xixxiqqeessa nyaadhaa
Akkasumas qorichi madda asiidii kanaa hir'isu waan jiruuf fayyadamuunis gaariidha.
Odeeffannoo dabalataaf Nu Hordofaa.

Address

Oromia Region

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaalallee Jaaladhaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram